SlideShare une entreprise Scribd logo
1  sur  74
Dinka Yadeta
Hanqina qabatamaa dandeettii yaaduu yeroo ammaa mul’atu fi
jireenya guyyaa guyyaa keessatti ogummoota ykn amaloota
naannoon wal simachiisuu armaan gadii lama ykn lamaa ol irratti
hir’ina kan agarsiisu dha.
Isaanis Qunnamtii, of kunuunsuu, qabannaa manaa,
dandeettiiwwan hawaasummaa, fayyadama naannoo, of
qajeelchuu, fayyaa fi nageenya mirkaneeffachuu, barumsaan
cimuu, bashannanaa fi hojii dha.Rakkoon kunis umrii hanga
waggaa 18 keessatti kan mul’atu ta’uu qaba
 Rakkoon saalessa sammuu haalawwan gurguddoo armaan gadii
of keessatti qabata:
 Hanqina dandeettii yaaduu(Significantly sub average general
intellectual functioning).
 Hanqina ogummoota naannoon wal simsiisuu(Deficit in
adaptive behavior or skill.)
 Umrii dagaaginaa keessatti kan mul’atu ta’uu
qaba(Manifestation during developmental period)
 Hanqina dandeettii yaaduu (Significantly sub average
general intellectual functioning).
 Dandeettiin hojii sammuu kan murtaa’u qorumsa dandeettii sammuu
sadarkaa isaa eeggateen dha.Kana jechuun qorumsa dandeettii sammuu
kennuudhaan dandeettii sammuu safaruun dha.Dandeettiin sammuu(IQ)
nama tokkoo giddu galeessi isaa 100 dha.IQ’n kan shallagamu umrii
sammuu(mental age) umrii isa dhugaa(chronological age) tiif hiruun
dhibbaan baay’isuun dha.
 Umriin sammuu kan ittiin ibsamu sadarkaa dagaagina dandeettii
sammuu umrii dhugaa namtichaa wajjin wal bira qabuun dha.
 Fkn Mucaan waggaa 8 tokko gaaffii mucaan waggaa 10 qofaan deebisuu
danda’u yoo deebise umriin sammuu(MA) isaa 10 jechuu
dha.Chronological age(CA) jechuun immoo umrii mucichaa isa dhugaa
jechuu dha.
 Hanqina ogummoota naannoon wal simsiisuu (Deficit in
adaptive behavior or skill.)
 Kun namni tokko hojii umrii fi aadaa tokko keessatti irraa
eegamu hojjechuu irratti dadhabbii gama ofiin of danda’anii
dhaabbachuu, jireenya hawaasummaa fi hojii guyyaa guyyaatti
hojjetamu keessatti hanqina qabaachuu dha.
 Umrii dagaaginaa keessatti kan mul’atu ta’uu
qaba(Manifestation during developmental period)
 Kana jechuun saalessi sammuu umriiwwan duraa
(ga’eessummaan dura (waggaa 18 dura) kan mul’atu ta’ee
dhiibbaan isaa bara jireenyaa guutuu kan mul’atu dha
Amaloota Daa’imman Rakkoo Dagaagina
Sammuu Qabanii
 Kutaa xiqqaa armaan olii keessatti hiika rakkoo sammuun
boodatti harkifachuu barattee jirta.Hiika rakkoo dagaagina sammuu
keessatti wantoota gurguddoo sadii: Hanqina dandeettii
yaaduu,hanqina ogummoota naannoon wal simsiisuu,Umrii
dagaaginaa keessatti kan mul’atu ta’uu qaba kanneen jedhantu
jiru.Kutaa xiqqaa itti aanu keessatti immoo amaloota namoonni
rakkoo dagaagina sammuu qaban agarsiisan baratta.
A. Amaloota Yaad-sammuu
 Akka hiriyaa isaanii umrii walfakkatuu tti haalaan baratanii hubachuu
irratti ni rakkatu.
 Dandeettii yaad – rime barachuu fi yaada qindeessuu gad – aanaa qabu.
 Rakkoo waa yaadachuu, wantoota addaan baasuu, waa tartiibaan
kaa’uu fi wantoota walfakkaatan walfakkeessuu.
 Yaad-rimeewwan adda addaa baratanii qabachuu irratti hiriyoota
isaanii gadi
A. Academic characteristics
 Hojii barumsaa hedduu irratti raawwii gad – aanaa qabu
A. Amala Qaamaa
 Rakkoo qindoomina qaamaa.
 Warri “Down syndrome” qaban fuulli isaanii geengoo kan ta’ee fi harki
fi miilli isaanii gabaabaa kan ta’e dha.
 Barattoonni rakkoo dagaagina sammuu hamaa qaban baay’een
danda’anii hin dhaabbatan, baay’een immoo gargaarsa nama biroo
malee ol ka’uu hin danda’an.
A. Amala Currisaa fi Hawaasummaa
 Amala gama hawwasaan /aadaan/ fudhatama hin qabne mul’isu.
 Hawaasummaa fi currisaan kan hin bilchaanne dha.
 Amala addaa qabaachuun isaanii namoonni biroon akka ofirraa
isaan fageessu isaan taasisa.
A. Amala Qunnamtii
 Dubbachuu fi dandeettii afaan fayyadamuun boodatti hafoo dha.
 Of – ibsuu fi nama hubachuu irratti rakkoo qabu.
 Namoonni rakkoo dagaagina sammuu hamaa fi baay’ee hamaa qaban dubbachuullee kan hin
dandeenye jiru.
Amaloota Daa’imman Rakkoo Dagaagina Sammuu Salphaa Qaban Daree Idilee Keessaa Addaan
Baafnee beekuuf Nugargaaran (Koughetal. 1955):
 Waan axereeraa ( abstract ) yaaduu dadhabuu

 Dhaggeeffachuu fi qajeelfama hordofuu dadhabuu.
 Seera taphaa wallaluu fi cabsuu.
 Barumsaan, hawaasummaa currisaan fi qaamaan saffisa dhabuu.
 Naamusa wallaaluu fi cabsuu.
 Of danda’anii waa hojjechuu dadhabuu.
 Bitaa itti galuu (easily confused).
 Fedhii gad – aanaa qabaachuu fi xiyyeeffannoo yeroo dheeraa dhabuu.
 Raawiin daree keessaa gadi aanaa ta’uu.
Deeggarsa Daa’imman Rakkoo Dagaagina
Sammuu Qabaniif Godhamu
Deeggarsa Maatii
 Ilaalcha gaarii qabaachuu.
 Gorsaa fi gajeelcha gadi fagoo kennuu.
 Ogeessotaan mari’achuu.
 Maatii daa’imman rakkoo akkanaa qabanii wajjin mari’achuu.
Gargaarsa Mana Barumsaan Godhamu
 Barachuuf qophaa’uu.
 Dagaagina ogummaa hawaasummaa.
 Dagaagina cimina qaamaa.
 Dagaagina afaanii.
 Dagaagina dandeettii herregaa.
Qophii barachuu fooyyessuuf:
Ogummaa kana akka dagaagfatan gochuuf daa’imman akka
odeeffannoo adda baafatan, madaalan,walitii dhufeenya bu’aa fi
sababaa wantootaa akka hubatan, ogummaa namoota biroo
akkeessuu akka dagaagfatan gochuu.
Ogummaa afaanii fooyyessuuf:
 Gochaawwan adda addaa kennuufiin raawwii isaa hordofuu.
 Guyyaa guyyaatti wantoota jireenyaan walqabatan dubbisiisuu.
 Jechoota akka baraniif taphaan walqabsiisanii shaakalsiisuu.
Gochaawwan dandeettii herregaa guddisuuf gumaachan
 Wantoota tarreessuu, qoqqooduu, walqixxeessuu.
 Wantoota adda addaa walitti makuu fi addaan baasuu.
 Waa’ee qarshii fi safaruu shaakalsiisuu.
 Lakkaa’uu.
Gochaawwan dagaagina hawaasummaa daa’immaniif gumaachan
 Gochaawwan waa akkeessuu ( Gahee taphachuu ).
 Daree keessatti fi alatti Itti gaafatamummaa kennuufii.
Gochaawwan Dagaagina sochii qaamaaf gumaachan
 Shaakalawwan kallattii adda addaatti nama sochoosan fkn akka kubbaa ha’uu fi
kkf hojjechiisuu.
 Akka mucichi fiigu, utaalu gochuu.
 Gufuuwwan adda addaa keessa hulluquu
Qabxiiwwan gurguddoo kudhan barsiisota barattoota saalessa sammuu qaban
barsiisaniif (ysseldyke and Algozzine, 1995).
 Filannoowwan baruu – barsiisuu fakkeenya adda addaan wal qabsiisanii dhiyeessuu.
 Barattoonni waan baratan isaanii galuu isaa carraa hojiin agarsiisuu kennuufii.
 Carraa bal’aa shaakalaaf kenni.
 Ogummaa haaraa barsiisuu keessatti waan qabatamaa gargaarami.
 Kan hiriyoota isaaniif gootu caalaa yaada sirreessaa fi gargaarsaa kenniif.
 Abbaltii fi gaaffilee madaallii akkaataa rakkoo barachuu isaanii maqsuu danda’u tti
qopheessi.
 Raawwii isaanii barattoota warra kaan caalaatti yeroo yerootti madaali.
 Barsiisa kee naannoo wanti baratame itti raawwatamu waliin wal simsiisi.
 Ogummaawwan ciccimoo yemmuu barsiiftu bakka xixiqqaatti qoodii dhiyeessi.
 Barattoota warra kaaniif kan gootu caalaa sirriitti irra deebitee barsiisuuf of qopheessi.
Hubama qaamaa jehuun Sababoota adda addaa kan akka dhibee
sirna narvii giddu –galeessaa fi sirnoota qaamaa biroo irraa kan ka’e
haalawwan daa’imman qaama isaaniitti fayyadaman irratti,
barnootaa fi sochii guyyaa guyyaa keessatti dhiibbaa kan uumu
dha(Ysseldyke fi Algozzine (1995).
Rakkoo fayyaa hamaa(Chronic Health Problems): jechuun
immoo dhibee umrii guutuu namaa wajjin utuu namatti hin
wayyaa’in ykn namarraa hin badin turuu fi jireenya namaa jeequun
hojii guyyaa guyyaa daangessu dha.
Amaloota Daa’imman Hubama Qaamaa fi
Rakkoo Fayyaa Qabanii
A. Amala Waliigalaa
 Anniisaa fi cimina dhabuu
 Mana barumsaarraa ammaa amma hafuu
 Gochaawwan adda addaa keessatti hirmaachuuf haala gochichi isaan
hirmaachisuu danda’utti akka jijjiiramuuf ykn mijatuuf barbaadu.
 Qindoomina gad – aanaa maashaalee ( poor motor coordination )
 Ammaa amma kufuu ( frequent falls )
 Dubbii isaanii hubachuuf nama rakkisa ( speech difficult to understand
)
B. Amala Yaad-sammuu
 Hubamni qaamaa fi dagaaginnii yaad-sammuu hariiroo kallattii hin qaban.Garuu
sababa bakkaa bakkatti socho’uu irratti rakkoo qabaniif nammoonni hubama qaamaa
qaban hanqinni odeeffannoo isaan mudata.Adeemsa dheeraa booda sababa hanqina
odeeffannoo kanaaf dagaagina yaad-sammuu irratti hanqina agarsiisu.
C. Amala Barnootaa
 Barattoonni hubama qaamaa qaban warra hubama qaamaa hin qabneerraa raawwii
barnootaatiin sababa hubama qaamaa qabaachuusaaniitiin garagarummaa hin
qaban.Barattoonni kun sababa rakkoo kanaatiif manni barumsaa itti barfachuu,
yaalii adda addaa argachuuf gara ogeessaa deemuu waan danda’niif hojii barumsaa
adda addaarraa yemmuu hafan firiin barumsaa isaanii gadaanaa ta’uu danda’a.
D. Amala Qaamaa
 Barattoonni hubama qaamaa fi rakkoo fayyaa qaban sochii qaamaa irratti hanqina ni agarsiisu..
 Namoonni “Cp” qaban gosoota rakkoowwan sochii armaan gadii keessatti ramadamu.
I. “Spasticity”: Akka malee hollachuu, Waan tokko qabachuu dadhabuu, hiddi maashaalee goguu,deemsi
isaanii quba isaaniirra dhaabbachuudhaan jilba isaanii keessatti dabsanii waliin rukutaa deemu.
II. “Athetoid”: Sochii al-kallattii, arrabaa fi gorora to’achuu dadhabuu, dubbii irratti rakkachuu
III. “Ataxic”: Madaala qaamaa eeggachuu dhabuu,adeemsa utaalcha fakkaatu, yemmuu deeman waan
tabbarra hejjetan itti fakkaata; garuu lafti walqixa dha, luka bal’isanii deemu.
IV. “Hypotonic”: Adeemsa sirrii deemu.Garuu deemsa eegaluuf ykn dhaabbachuuf ni rakkatu
V. “Rigidity”: Bakki miidhame sun humnaa ol waan goggoguuf (extreemly stiffness ) sochii irratti
baay’ee rakkisa.
VI. “Tremor”: Sochii ofii to’achuu dadhabuu ( yemmuu to’achuuf yaalan rakkoon isaa itti caala ),deemsi
isaanii nama daalalu ( shubbisu ( dancing ) fakkaata.
E. Amala currisaa fi hawaasummaa
Hubamni qaamaa kallattiidhan currisaa fi hawaasummaarratti
kallaattiin kan walqabatu yoo ta’uu baatellee sababa bakkaa bakkatti
socho’uuf rakkoo qabaniif walitti dhufeenya hawaasummaa akka
hin goonee fi rakkoo hawaasummaa akka qabaatan isaan godha.
F. Amala Qunnamtii
Namoonni “Cp” qaban baay’een isaanii dubbachuu irrati baay’ee
rakkatu. Dubbachuuf illee meeshaa gargaartuu kan fayyadaman ni
jiru.
Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Hubama
Qaamaa fi rakkoo Fayyaa Qabaniif Godhamu
a. Wal’aansa adda addaa (Medication, therapy, and surgery)
 Qoricha fudhachuudhaan dhiibbaa rakkichi fidu hir’isuun ni danda’ama.
 Wal’aansa qaamaa (physical therapy) fi wal’aansa dubbii (speech therapy) kennuufii.
b. Meeshaalee gargaartuu fi meeshaalee addaa ( Assistive devices and special
devices )
 Meeshaalee gargaartuu garaagaraa kan akka namoota rakkoo “CP” qaban akka harki
isaanii hinsosochoone deeskiitti gad hidhuu, meeshaalee addaa kan nyaataaf gargaaran.
 Qaama nam–tolchee ( prosthesis ), meeshaalee sochiif gargaaran kan akka teessuma
konkolaatu ( wheelchair ), ulee irkoo ykn dhadhaabbataa ( crutches ),meeshaa ittiin
nyaatan,gbatee ittiin walii galan( communication board) fi kkf dhiyeessuufii ykn haala
mijeessuufii, akkasumas haala isaan itti fayyadamanis yeroo yeroon hordofuu.
 Meeshaa gargaartuu barreessuu dhiyeessuufii (Writing aids) (This includes computers
with word processing programs and with adapted keyboards).
c. Naannoo fooyyessuu ykn mijeessuu ( modifying the environment )
 Naannoon, mooraanii fi dareen barnootaa sochii barattootaaf mijataa kan ta’e gochuu.
 Taa’umsa barattootaa akka dheerinaa fi rakkoo isaaniitti sirreessuu.
 Sagantaan barnootaa yemmuu ba’u daree sochii fi barnoota daa’imman kanaaf ta’utti
ramaduu.
 Meeshaalee ispoortii adda addaa akka rakkoo barataa hiikuu danda’utti jijjiiruu ykn
mijeessuu.
a. Haala Baruu-Barsiisuu Mijeessuu ykn Fooyyessu(Adapting instruction)
 Akka fedhii barattootaaa guutuu danda’utti abbaltii mijeessuu.
 Wanta baratamu ykn barreeffamu bifa anniisaa salphaan hojjetamuun mijeessuu.
 Meeshaalee barreessuu anniisaa salphaa barbaadan akka fayyadaman gochuu.
 Yemmuu baratanii fi qorumsa qoraman gidduu gidduutti gad ba’anii boqonnaa akka
fudhatan gochuu.
a. Ilaalcha Hawaasaa Jijjiiruu (Changing the attitude of school
community and the society)
 Namoota hubama adda addaa qaban kan irra caalaa isaan miidhu
hubamicha utuu hin ta’in ilaalacha hawaasichi isaaniif qabu dha.
Kanaaf, maatiin, hiriyoonni, barsiisonnii fi hawaasni naannoo kan
biroon ilaalcha gaarii fi gargaarsa barbaachisaa daa’imman kanaaf
gochuu qabu.
 Namoota rakkoo qaban kanaaf humnaa ol gadduufiin (excessive pity
and sympathy), dalagaa akka hin dalagne dhorkuu (over protection) hin
barbaachisu. Kanaafuu, waan isaan hojjechuu danda’an akka
hojjetaniif bakka barbaachise qofaatti gargaarsa gochuufii dha.
 Barattoota dhukkuba shukkaaraa qaban haala armaan
gadiitiin gargaaruu dandeenya:
 Qoricha insuliinii ni fudhatu yoo ta’e haala isaan itti lilmoo
waraannatan haala mijeessuu.
 Nyaataa fi dhugaatii mi’aawu akka hin fudhanne gorsuu.
 Gochaawwan ciccimoo anniisa gaafatan irraa bilisa gochuu.
 Nyaata isaanii mana barumsaa keessatti haala isaan itti nyaatan
haala mijeessuu.
 Yeroo yerootti fincaanii fi boqonnaaf yemmuu eeyyama gaafatan
eeyyamuufii(qorumsa utuu qoramaa jiraniillee gad ba’anii
fincaan fincaa’anii akka deebi’an gochuu.)
a. Asmii(Asthma): Asmiin dhukkuba sombaa qaamolee hargansuu miidhu
dha.
 Barsiisaan wantoota dhukkuba asmii namatti kaasuu danda’an dursee
beekuu qaba.
 Walumaa galatti barattoota dhukkuba asmii qaban haala armaan gadiitiin
gargaarra:
 Wantoota baay’ee qabbanaa’aa ta’an akka hin fudhanne gorsuu.
 Dhiphina, bineeldota rifeensa qaban, kosii manaa ofirraa akka fageessan
gochuu.
 Ispoortii yeroo hundaa hojjechuun faayidaa yoo qabaate iyyuu namoota
tokko tokkotti yeroo ispoortii waan itti cimuu danda’anuf of eeggannoo
gochuu.
 Gara mana yaalaa akka dhaqan jajjabeessuu.
 Barattoota gaggabdoo isa guddaa ( grand mal seizure) qabaniif gargaarsa godhamu
(Heward fi Orlansky, 1988):
 Suuta jedhanii ciibsuun cuftuu huccuu isaa banuufii.
 Wantoota jajjaboo fi qara qaban irraa fageessuun hanganni ofiin dhiisutti callisanii
ilaaluu.
 Waan tokkoyyuu afaan isaa keessa hin kaa’in; garuu yoo afaan banee jira ta’e akka inni
arraba isaa hin ciniinneef waan akka huccuu lallaafaa ilkaan isaa gidduu kaa’i.
 Hoomachi afaan isaa keessa akka ba’uuf mataa isaa bukkeetti jallisuun huccuu lallaafaa
jala kaa’uu.
 Yeroo of baru boqonnaa akka fudhatu gochuu.
 Hargansuu isaa mirkaneessuun gargaarsa duraa nama afuurri addaan citeef godhamu
godhuufii.
 Yoo turtiin isaa daqiiqaa 10 caale gara mana yaalaa geessuu.
 Dadhabbii barachuuf hiikni irratti walii galame hin jiru.
Beektonni adda addaa yeoo adda addaatti hiika garaagaraa
kennanii jiru. Akka Labsii Barnootaa Namoota Hubama Qabanii
(Individuals with Disability Education Act)(IDEA) tti, hiikni
armaan gadii akka hiika dhiyootti fudhatamee jira:
 Dadhabbii barachuu jechuun hanqina hojii sammuu dhaibee sirna
narvii giddu-galeessaarraa maddu ta’ee rakkoo dhaggeeffachuu,
dubbachuu, dubbisuu, barreessuu, sababeessuu, qooyyaboota
herregaa akkaataa gaariin shllaguu dhabuu keessati ibsamu dha.
Dadhabbiin barachuu barattoota sababa hubama qaroo,hubama
dhageettii,hubama qaamaa(motor disability),rakkoo dagaagina
sammuu(intellectual disability),rakkoo currisaa, rakkoo haala
naannoo,rakkoo dinagdeetiin barachuu irratti rakkoo qabaachuu
hin dabalatu.
 Hiikonni dadhabbii barachuuf kennaman hundi isaaniiyyuu ulaagaalee armaan gadii kan guutan dha:
a) Garaagarummaa(Discrepancy)
 Barattoonni dadhabbii barachuu qaban dandeettii isaanii fi firii barnootaa isaanii gidduu
garaagarummaa guddaatu jira.
a) Hir’ina /Hanqina(Deficit)
 Barattoonni dadhabbii barachuu qaban akka warra hubamicha hin qabneetti hojii isaan hojjechuu
hin dandeenye jira.
a) Xiyyeeffannoo(Focus)
 Rakkichi adeemsa hojiilee sammuu bu’uuraa kan afaan fayyadamuu fi hubachuu of keessaa qaburratti
kan xiyyeeffatu dha.
a) Keessaa baasuu(Exclusion)
 Dadhabbiin barachuu rakkoolee barachuu kanneen akka rakkoo dagaagina sammuun, hubama
miiraa, rakkoo currisaa ykn carraa barachuu dhabuun dhufu hin dabalatu.
Amaloota Daa’imman Dadhabbii Barachuu Qabanii
A. Amaloota Yaad-sammuu
 Rakkoo yaadachuu.
 Rakkoo wantoota adda baafachuu.
 Tarsiimoo yaaduu uummachuu fi dagaagfachuu wallaaluu.
B. Amala Barnootaa
 Firii barnootaa isaanii fi dandeettii isaanii gidduu garaagarummaa
guddatu jira.
 Yeroo ibsi daree keessaa godhamu hordofuu dadhabuu.
 Kaka’umsa gadaanaa qabaachuu fi hojiiwwan barnootaa irratti
hirmaannaa xiqqaa qabaachuu.
 Rakkoo hiikuu dadhabuu.
 Barachuurratti qindoomina dhabuu.
C. Amala Qaamaa
 Gama qaamaatiin wanti addaan isaanirratti mul’atu yoo hin
jiraannellee sochii qaamaa gooree kanneen akka waa muruu,
sararuu, ykn qalama haala gaariin qabachuurratti rakkoo qabu.
D. Amala Currisaaa fi Hawaasummaa
 Xiyyeeffannoo,tasgabbii hin qaban.
 Hariiroo hawaasummaa gadaanaa qabu.
E. Amala Qunnamtii
 Baay’een isaanii dandeettii afaanii hanga eegameen gadi qabu.
 Ajaja raawwachuurratti rakkoo qabu.
Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Dadhabbii Barachuu Qabaniif
Godhamu
A) Gargaarsa waliigalaa
 Wantoota barataman duraa duuba isaa eeguun bakka xixiqqaatti caccabsuu fi salphisuu.
 Tooftaa onnachiiftuutti gargaaramuu.
 Yaada- gabbii battalummatti kennuu ( immediate and task – oriented feedback ).
 Tooftaa fakkaattiirraa barachuun (modeling) barsiisuu. Barataan barsiisaa isaa akkeessuu. waan
jaallatuuf barataadhaaf fakkeenya gaarii ta’uu.
 Wantoota xiyyeeffatamuu qaburratti akka xiyyeeffatan shaakalsiisuu.
 Waan barsiifnu si’ataa fi kan nama harkisu gochuu.
 Wanta barsiifnu gabaabsuun dhiyeessuu.
 Yemmuu barsiifnu meeshaa deeggarsa barnootaa garaagaraatiin deeggaraa barsiisuu.
 Qabiyyee barnootaa ciccimaa ta’an yemmuu barataan dammaqaa ta’ee jiru barsiisuu.
 Hojiiwwan manaa, qorumsaa fi kkf gabaabsanii dhiyeessuu fi duub deebii ( feedback ) battalaa
kennuu
 Tooftaa adeeffannoo bilcheessuu shaakalsiisuu (Training information.
 Kakaasota ilaalamanii fi dhaga’aman qabiyyee kee wajjin wal hin qabanne hir’isuu.
 Fooyya’insa barattootaa madaalaa deemi.
A) Gargaarsa gooree (Specific intervention strategies)
1. Afaan Ilaalchisee
 Ogummaa dhaggeeffachuu akka dagaagfataniif haala isaan itti waan dubbatamu tokko hordofan,
odeeffannoo bilcheessanii fi beekumsa ga’aa waa’ee jechootaa qabaachuun haasaa nama dubbachaa
jiruu hiika itti kennan shaakalsiisuu.
 Jechootaa fi haala galumsa jechootaa barsiisuu keessatti yaadota barataan beeku ( jireenya guyyaa
guyyaan walqabatan ) tti fayyadamuu.
 Ogummaa dubbachuu shaakalsiisuuf fakkaattii (model) gargaaramuu fi gocha isaanii onnachiisuu.
 Yemmuu waa dubbisan hubannoodhaan hiika itti kenaa (Comprehension and decoding) akka
dubbisan barsiisuu.
 Barreessuu barsiisuu keessatti barsiisaan ofii quboota sirriitti barreessuu danda’uu ykn kan sirriitti
barreeffame dhiyeessuufii dha.
 Barreeffama qubeen isaa xaxamee barreeffamuu fi kan sirriitti barreeffamu wal keessa akka hin
makne addaan baasanii barsiisuu.
 Seera qubeewwan itti barraa’an ( Sarara olii, sarara gadii, gidduu) warra oolan shaakalsiisuu.
1. Herrega Ilaalchisee
 Rakkoo herregaa irratti isaan agarsiisan keessaa tokko hubannaa
ij-sammuu (visual perception) waan ta’eef mallattoolee, argama
wantootaa qilleensa keessatti ibsuu danda’uu shaakalsiisuu.
 Lakkoofsota poozatiivii isaan negetiiviirraa akka adda baasan
barsiisuu.
 Piroobileemota jechootaa gara barreeffamaatti jijjiiruun furuu
akka danda’an shaakalsiisuu.
 Lakkoofsota tartiibaan kaa’uu akka danda’an shaakalsiisuu.
 Tarsiimoo adda addaa ittiin gaaffilee herregaa furan addaan
baasuun itti agarsiisuu.
3.8.1 Hiika Rakkoo Qunnamtii
 Rakkoo qunnamtii jechuun waan yaada isaa keessa jiru baasee ibsuu dadhabuu ykn waan
namni biraa dubbate tokko hubachuurratti raakkoo qabaachuu jechuu dha.Walumaagalatti
qunnamtii uumuu, fudhachuu fi hubachuu irratti hanqina qabaachuudhaan ibsama.
 Rakkoon qunnamtii hanqinoota adda addaa dubbii fi afaan keessatti mul’atan kan of keessatti
qabate dha.Daa’imman rakkoo dubbii qaban sirriitti sagalee baasuudhaaf,yaa’insa ykn
dhangala’ina sagalee fi qulqullina sagalee baasaniirratti rakkoo qabaatu. Daa’imman rakkoo
afaanii qaban mallattoo fi seera namoonni qunnamtiif itti gargaaraman hubachuu ykn ibsuuf
baay’ee rakkatu. Daa’imni tokko rakkoo dubbii ykn rakkoo afaanii qabaachuu ykn lamaan isaa
wal faana qabaachuu danda’a. Rakkoon qunnamtii rakkoo dubbii fi rakkoo afaanii jedhamee
iddoo gurguddaa lamatti qoodamuu danda’a.
3.8.2 Amaloota Daa’imman Rakkoo Qunnamtii Qabanii
a. Amala waliigalaa (General characteristics)
 Ajaja hordofuu dadhabuu.
 Dubbii qulqullina hin qabne.
 Rakkoo sagaleessuu.
 Rakkoo hima keessatti duraa duuba jechaa eeguu.
 Sagalee dubbii namatti hin tolle.
 Dubbii ciccitaa.
 Irra deddeebi’anii waa gaggaafachuu.
 Yemmuu haasa’an sagalee jechootaa waliin dhawuu, keessaa hanbisuu, itti dabaluu ykn
bakka buusuu.
 Saffisa dubbii suuta jedhaa ykn baay’ee ariifataa.
 Akka haala hawaasa naannootti afaanitti fayyadamuu dadhabuu.
 Waan dubbatame hubachuu dadhabuu.
 Xiyyeeffannoo qunnamtiif gargaaru dhabuu.
a. Amala Yaad-sammuu
 Bu’uurri guddina sammuu afaanii fi walitti dhufeenya gochuu dha. Sababa
rakkoo qunnamtiirraa kan ka’e walitti dhufeenya gochuu dhabuun namoonni
rakkoo qunnamtii qaban dagaagina yaad-sammuurratti hanqina agarsiisu.
a. Amaloota Barnootaa
 Daa’imman rakkoo qunnamtii qaban akaakuuwwan barnootaa kanneen akka
dubbisuu, haasaa afaanii fi kkf irratti firii gaarii hin galmeessisan.
a. Amala Qaamaa
 Namoonni rakkoo dubbii fi amalaa qaban waan addaa qaama isaaniirratti
mul’atu hin qaban.Garuu namoonni rakkoo akka “Cp”, hidhii baqaqaa fi kkf
qaban rakkoo dubbii fi afaanii akkasumas rakkoo qaamaa ni agarsiisu.
a.Amala Currisaa fi Hawaasummaa
 Qunnamtiin hawaasummaadhaaf baay’ee barbaachisa.
Haalli itti daa’imman rakkoo qunnamtii qaban itti hiriyoota
isaanii qunnaman haala nama hin harkifneen waan ta’eef
walitti dhufeenyi gaariin gidduu isaaniitti akka hin uumamne
godha.Kanaafuu, barattoota biroorraa akka fagaatan, ofitti
amantaa akka hin qabaanne isaan godha.
 3.8.3 Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Rakkoo
Qunnamtii Qabaniif Godhamu
a) Rakkoo dubbii ilaachisee
 Ogeessa wal’aansa dubbiin gargaarsa godhamu (Help by speech therapist ).
 Sagalee dubbii ofilaalii ( mirror ) keessatti of ilaalaa akka shaakalan gochuu.
 Jecha deddeebi’anii akka jedhan gochuu ( word retelling ).
 Yemmuu yaalii godhan onnachiistuu fayyadamuu.
 Fakkaattii dubbii gaarii ( Models of appropriate speech ) dhiyeessuufii.
 Ergaa isaa irratti malee bifa ykn haala itti dubbatamee fi rifaatuu uumu irratti
xiyyeeffachuu dhiisuu ( speech competition and time constraits ).
 Shaakalaaf carraa kennuufii.
 Yemmuu dubbatan dhiphina tokko malee bilisaan akka dubbatan gochuu
 Qabattoota naannoo kanneen akka dorgommii dubbii, yeroo murtaa’e keessatti xumuruu
fi kkf hir’isuu.
 Gorsuurra ofii jedhii itti agarsiisi.
a) Rakkoo Afaanii ilaalchisee
o Jechootaa fi himootaan taphachiisuu.
o Seer-luga barsiisuuf hiika isaarratti xiyyeeffachuu.
o Dadhabina isaanii utuu hin ta’in cimina irratti xiyyeeffachuu fi
jajjabeessuu.
o Barattooni bilisaan marii akka godhan jajjabeessuu.
o Barreeffama fooyyessuuf barattoonni waa’ee sirrummaa hojii isaanii irratti akka
hin dhiphannee fi callisanii akka barreessan jajjabessuu.
o Waa’ee fakkii tokkoo akka barreessan gochuu.
o Beekumsa jechootaa fooyyeffachuuf kanneen beekan irraa ka’anii kanneen haaraa
akka dagaagfatan gochuu.
o Gosa barnootaa hundumaa keessatti qabiyyeewwan dagaagina afaaniif gumaachan
galchuun barsiisuu.
3.9.1 Hiika Kennaa Addaa fi Dandeettii Olaanaa
 Kennaa addaa fi dandeettii olaanaaf hiikni adda addaa irratti wal mormamaa ture
wagoota hedduudhaaf kennamaa tureera. Akka Heward fi Orlansky (1988)
keessatti caqasametti qaamni seeraa Amerikaa kennaa fi dandeettii addaa akka
armaan gadiitti ibseera:
 Kennaa fi dandeettii addaa jechuun barattoota hojii sammuu, kalqaa, aartii,
dandeettii geggeessummaa, ykn hojii barnootaa murtaa’erratti raawwii fi dandeettii
baay’ee olaanaa qaban ta’ee dandeettii isaanii kana caalaatti bakkaan ga’achuuf
mana barnootaa keessatti kan barattoota kaaniif godhamu caalaa tajaajila addaa kan
barbaadan dha. (Sec. 582, P.L. 97-35).
 Daa’imman kennaa fi dandeettii addaa qaban jechuun daa’imman
namoota ogummaa kanaa qabaniin addaan baafamanii beekamuu danda’an
ta’ee hojii isaaniitiin raawwii baay’ee olaanaa kan qabanii fi amaloota
armaan gadii keessaa tokkoon ykn tokkoo oliin kan ibsamuu danda’an dha.
 Dandeettii sammuu waliigalaa (General intellectual aptitude).
 Dandeettii waliigalaa gosa barnootaa murtaa’e (Specific academic
aptitude).
 Hojii kalqaa (Creative or productive thinking).
 Dandeettii geggeessummaa (Leadership ability).
 Hojii aartii (Visual and performing arts).
 Kennaa addaa (gifted): Hojiiwwan sammuu kanneen akka wantoota
hatattamaan hubachuu, madaaluu, rakkoo hubachuun fi furmaata itti
kennuutiin namoota garee walfakkaataa keessa jiran irraa caalmaa guddaa
agarsiisan dha (marland, 1972)
 Dandeettii Olaanaa (talented): Ogummaawwan adda ta’an kanneen
akka muuziqaa, hojii harkaa, ispoortii fi kkf irratti dandeettii fi ogummaa
namoota kaanirraa baay’ee adda ta’e kan qabani dha.
3.9.2 Amaloota Kennaa fi Dandeettii Addaa
a) Amala Yaad-sammuu
 Wantoota wal xaxaa fi axereeraa ta’an saffisaa fi salphaatti hubachuu danda’u.
 Dandeettii sababeessanii yaaduu olaanaa.
 Odeeffannoo qabachuu, saffisaan qindeessuu fi hiika itti kennuu danda’u.
 Beekumsa haaraa argachuuf fedhii fi hawwii guddaa qabu.
 Xiyyeeffannoo yeroo dheeraa ( long attention span ) qabu.
 Saffisaan barachuu.
 Waan irra deddeebi’amuu fi haaraa hin taane jibbuu.
 Waan tokkorraa ka’uun kan biraa hubatanii barachuu danda’u (Generalizes learning).
 Dandeettii waa yaadachuu baay’ee olaanaa.
 Dandeettii yaada haaraa hubachuu fi furmaata kennuu baay’ee olaanaa.
 Fedhii bal’aa qabaachuu.
 Naannoo tasgabbaa’aa keessatti barachuu fedhu.
 Haala barachuu haaraatti salphaatti madaqu.
a) Academic characteristics
 Firii baay’ee olaanaa galmeessisuu
 Hojii barnootaa tokko irra yeroo dheeraa turanii hojjechuuf
dandeettii olaanaa qabu.
 Hojiiwwan barnootaa akka dubbisuu,fi yaalii hojjechuu qofaa
isaanii irra turanii hojjechuuf dandeettii olaanaa qabu.
 Ogummaawwan barnootaa kanneen akka dubbisuu, barreessuu,
fakkii kaasuu umrii isaanirraa eegamuun duratti gonfachuu.
 Wal fakkeenyaa fi garaagarummaa wantootaa saffisaan hubatu.
 Wanta baay’ee wal xaxaa ta’e tokko caccabsanii salphisanii
hubachuudhaaf tooftaa mataa isaanii qabu.
a) Amala currisaa fi Hawaasummaa
 Amala of ceepha’uu qabu.
 Rakkoo nama biroo akka kan ofiitti fudhatu.
 Hiriyoota umrii isaanii olii filatu.
 Waan itti fakkaate tokko ykn sirriidha jedhanii itti amanan tokko hammam yoo rakkisaa ta’e illee
hojjechuudhaaf cimina guddaa qabu.
 Miiraa fi fedhii nama biro sirriitti hubatu.
 Hojii baay’ee al tokkotti raawwachuuf cimina addaa qabu.
 Amala qofummaa agarsiisu.
 Amala geggeessummaa agarsiisu.
 Dhimmoota safuu hawaasaaf iddoo guddaa kennu.
 Itti gaafatamummaa waan tokkoo ni fudhatu (take risks).
 Of danda’anii waan tokko hojjechuuf dandeettii guddaa qabu.
 Namoota biroo fakkaachuu hin barbaadan ( non conforming )
 Dogoggora tokko malee waan tokko hojjechuuf baay’ee dhama’u.
a) Amala Qunnamtii
 Barttoonni kennaa fi dandeettii addaa qaban hiriyoota
isaanii olitti dandeettii afaanii fi qunnamtii qabu.
 Jechoota hedduu beeku; dubbisuu, barreessuu,
dubbachuu irratti umrii itti eegaman baay’ee dursanii
ogummicha gonfatu.
3.9.3 Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Kennaa
fi Dandeettii Addaa Qabaniif Godhamu
1. Sirna Barnootaa Jijijjiiramaa(Differentiated curriculum)
 Kun sagantaa baruu-barsiisuu akka fedhii barachuu dhuunfaa barataa
sanaatti jijjiiramuu danda’u dha.Sagantichi raawwii hojii sammuu,
waan axereeraa yaaduu, sababeessuu,mala rakkoo hiikuu uumuu, fi
ofiin of to’achuu irratti xiyyeeffata.
 Sagantichi qabiyyee tokko gad fageenyaan hubatanii beekumsa olaanaa
gonfachuu, fi dhuunfaadhaan barachuu, waan tokko qoratanii bira
ga’uu fi yeroo barbaachisetti immoo saffisiisuu of keessatti qabata.
1. Gabbisa(Enrichment)
 Tooftaan kun dhiyeessa gochaalee fi muuxannoo dabalataa kitaaba barataatiin ala jiran
filatanii sochii baruu barsiisuu keessa galchuu dha. Innis haala armaan gadii qabata.
 a. Barattoonni toraban torbaniin yeroo murtaa’e hojii barnootaa kanneen akka waa kalquu
ykn ogummaawwan yaaduu olaanaa ganirratti akka hirmaatan gochuu dha.
 b. Daa’imman kennaa fi dandeettii addaa qaban gosa barumsaa murtaa’e dhuunfaa
isaaniitiin akka gad fageenyaan qo’atan gochuu.
 c. Barattoonni kennaa fi dandeettii addaa qaban beekumsa baratan gara hojii qabatamaa
guyyaa guyyaa keessatti raawwatamu irratti akka hirmaataniif namoota gurguddoo isaan
geggeessanii wajjin akka oolan gochuu.
 d. Barttoonni hojiiwwan karoorfaman kanneen akka ogummaawwan yaaduu (Thinking
skill), rakkoo hiikuu (Problem solving), fi hojii kalqaa (Creativity) akka shaakalan ykn
hirmaatan gochuu.
1. Saffisa (Acceleration)
 Kun barattoonni sirna barnootaa ykn qabiyyeewwan barnootaa mana barnootaa keessatti barataman yeroo baay’ee
gabaabaa keessaatti akka xumuran gochuu dha.
 Innis bifoota armaan gadiitiin raawwachuu danda’a:
 a) Mana barumsaa dursanii galchuu (Early school admission): Utuu umriin isaa hin ga’in oolmaa daa’immanii
ykn mana barumsaa sadarkaa 1ffaa akka galu gochuu dha.
 b) Dareerra utaaluu (Skipping grades): Samisteera tokko ykn kutaa tokko irra darbanii kan biraa akka baratu
gochuu dha.
 c) Daree Teleskooppessuu (Telescoping grades): Wanta bu’uuraa baratamuu qabu yeroo gabaabaa keessatti akka
xumuran gochuu. Fakkeenyaaf,sagantaa waggaa sadii waggaa lama keessatti xumuruu.
 d) Bakka guddaatti ramaduu (Advanced placement): Barataan tokko utuma sadarkaa 2ffaa barachaa jiruu koorsii
kolleejjii kennuufii.
 e) Kolleejjii dursanii galchuu (Early college admission): Ijoolleen kennaa addaa fi dandeettii olaanaa qaban
waggaa 13, 14 ykn 15 tti kolleejjii seenuu danda’u.
1. Mala Filannoo Adda addaa Fayyadamuu(Eclectic approach)
 Sagantaa mala hunda fedhii dhuunfaa daa’imman kennaa fi dandeettii addaa qaban guutu
of keessatti qabate dha.Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti mala gabbisaa, saffisaa fi
akkasumas tajaajila gorsaa fi qajeelchaa kan of keessaa qabu dha. Amalli addaa sagantichaa
inni kan biraa immoo waan barataan dareetti barate fi ogummaawwan akka qorannoofaa
akka dagaagfataniif sagantaa seminaaraa qopheessuu fi akka hirmaatan gochuu dha.
 Qabxiilee barattoota kennaa addaa fi dandeettii olaana qaban barsiisuuf nu
gargaaran
 Ogummaa fi saayinsii barsiisuutiin sirriitti leenjifamuu.
 Sammuu dhaan bilchaataa, currisaan kan hin jijjiiramne, rakkoo namaa kan hubatuu fi
amanamaa ta’i.
 Nama hojii jaallatu fi tooftaa fayyadamu ta’i.
 Wantoota rakkisoo ta’an amanii fudhadhu.
 Mala baruu – barsiisuu kee jijjiiri.
 Haala ijoolleen of danda’anii barachuu danda’an jajjabeessi.
 Qabiyyeewwan barnootaa kanneen akka keessumaa afeeruun, daawwii dirreen, agarsiisaan, fi
kkf’niin gabbisi.
 Barattoonni qixa dandeettii isaaniin akka baratan eeyyamiif.
 Nuffiin akka hin jiraanne barattoota kee ilaali.
 Mana kitaabaatti akka gargaaraman, ogummaa qorannoo ( research skills ) akka qabaatanii fi haalota
kana raawwachuuf leeccalloon akka mijaa’u godhi.
 Barattoonni dhuunfaa isaaniitiin akka baratan haala mijeessi.
 Qabiyyee barsiiftu keessatti tekinoolojii gargaarami.
 Maatii fi hawaasni waa’ee kennaa fi dandeettii addaa akka beekan barsiisi.
 Kennaa, hojii kalqaa fi raawwii addaa daree keessatti barattoonni mul’isan kabaji; jajjabeessi.
 Gaaffilee dandeettii yaaduu olaanaa gaafatan daree keessatti kaasi.
 Marii daree keessaa bifa ho’aa fi nama harkisuun akka jiraatu godhi.
 Rakkoowwan furamuu qaban jiraatan godhi.
 Daa’imman kennaa fi dandeettii addaa qaban waan isaan hin beekne tokkotti gad hin dhiisin. Bakka
isaa karaa sirrii ta’een fi ijaaruu danda’uun ceepha’i. Ofii isaaniitiin of danda’anii akka waa
hojjetaniif karaa sirrii itti agarsiisi.
 Daa’imman hubama qaroo qaban amaloota isaanii armaan gadiitiin daree barnoota idilee keessaa addaan baafnee beekuu
dandeenya.
a. Amaloota Walii galaa
 Akka Ysseledyke fi Algozine (1995) ibsanitti namoonni hubama qaroo qaban amaloota gurguddoo armaan gadii agarsiisu:
 Iji diimachuu.
 Morma jallisanii ilaaluu.
 Ija tokko cufuu.
 Ija human ol lilibsachuu.
 Asii fi achi deemuurratti rakkachuu.
 Dubbisuurratti rakkachuu, sararri irraa dubbisaa jiran jalaa baduu.
 Waan fakkiirra jiruu fi ilaalamu sirriitti arguu dadhabuu.
 Ifa sodaachuu.
 Ijaa fi harka waliin qindeessanii waa hojjchuu dadhabuu.
 Fuula walitti gudunfuu.
 Waan dubbifamu baay’ee ofitti butuu ykn baay’ee ofirraa fageessuu.
 Fageenyatti waa arguu dadhabuu.
 Waldhayinsa qubeewwanii.
 Yemmuu barreessan toora waraqaa eeguu dadhabuu.
 Ammaa ammaa gufachuu fi qodaarra ba’uu.
 Waan fageenyarra jiru yemmuu ilaalan ammaa amma morma sisirreeffachuu.
 Dhukkubbii mataa ammaa ammaa.
a. Dagaagina Yaad-sammuu
 Yaad-rimeewwan baay’een ilaaluudhaan waan baratamaniif namoonni
hubama qaroo qaban yaad-rimeewwan tokko tokko kanneen akka
yaaad-rimee qalamaa hubachuuf ni rakkatu.
a. Amala Barnootaa
 Yaadni bu’uuraa itti daa’imman hubama qaroo qaban barnoota baratan
kan warra hubama qaroo hin qabnerraa garaagarummaa yoo hin
qabaannellee daa’imman hubama qaroo qaban amalabarnootaa armaan
gadii agarsisu.
 Gadi bu’insa firii barnootaa.
 Barnoota tasa baratamu irratti murtaawoo dha.
 Akkeessuu dhaan barachuu irratti rakkoo qabu.
a. Amala Qaam-sochii
 Qaro-dhabeeyyiin barsiifata sochii qaamaa adda ta’e kan akka raafamuu qaamaa, deemsa
namatti hin bareedne, harkaa fi mataa raasuu ammaa amma mul’atu qabu. Ciminnii fi
qindoominni qaamaa isaaniis gad aanaa dha.Hanqinni isaan ciminaa fi sochii qaamaan
wal qabate agarsiisan kun kallattiidhaan hubamichaa wajjin kan wal qabatu utuu hin taane
sababa sochii qaamaa adda addaa hin gooneef dha.
 e. Amaloota currisaa fi hawaasummaa
 Sababa rakkoo qaroorraa kan ka’e qaro-dhabeeyyiin maatii isaaniirraa fagaatanii hiriyoota
isaanii wajjin taphachuuf, yaada wal jijjiiruuf ni rakkatu. Kun immoo walqunnamtii afaaniin
ala ta’e ( non-verval communication ) akka hin barree fi hin fayyadamne isaan taasisa.
Kanaafuu,hiriyoota isaaniin fudhatama hin argatan. Kanarraa ka’uun jireenyi hawaasummaa
fi currisni isaanii jeeqamaa dha (ysseldyke and Algozine, 1995 ).
 Amaloota qunnamtii
 Dhaga’uudhaan odeeffannoo baay’ee ariitiidhaan ni
guurratu.
 Sababeessuu afaanii irratti ni rakkatu.
 Walumaa galatti hanqinni qunnamtii afaanii bal’inaan
mul’ata.
 Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Hubama Qaroo Qabaniif Godhamu
 Ysseldyke fi Algozine(1995) barattoota hubama qaroo qaban gargaaruuf tarsiimoowwan armaan gadii tarreessaniiru.
 Baratichaa fi barsiisaa gidduu fageenya jiru hir’isuu.
 Wantoota balaqqeessa’anii fi arguurratti rakkoo qaban hir’isuu.
 Karaa gara balbalaatti geessu bilisa gochuu.
 Barataan iddoo fedha isaa akka taa’u eeyyamuufii.
 Foddaa, cufaa manaa fi kkf gar-tokkeen banuu dhiisuu, wantoota nama gufachiisan karaarraa kaasuu.
 Wantoota bifa ilaaluutiin dhiyaatan ( video, fakkii ) sagaleen ibsuu.
 Sagalee naannoodhaa jeequ hir’suu.
 Wantoota barattoonni itti fayyadaman yeroo hunda bakka murtaa’aa kaa’uu.
 Fuullee ijaatti gargaaramu yoo ta’e sirriitti hojjechuu isaanii mirkaneessuu.
 Barreeffamoota, qorumsa, kitaabilee, meeshaalee, fi naannoo tajaajila barattoota rakkoo qaroo qabaniif akka tolutti
mijeessuu.
 Ifa ga’aa daree keessaa.
 Barnoota qaro-dhabeeyyiif haalawwan mijaawuu qaban tokko tokko
 Tarsiimoowwan armaan oliitti dabalataan meeshaalee fi haalota haalota mijaawoo armaan gaditti
fayyadamudhaan barattoota hubama qaroo qaban gargaaruu dandeenya.Isaanis:
 Meeshaalee bireelii.
 Kaaseettii sagalee waraabu.
 Kaalkuleetara haasa’u.
 Meeshaa barreeffama guddisee iskiriinii televizyiyoonarratti agarsiisu.
 Kaartaa bireelii(Braille atlases).
 Giloobii argama wantootaa bireeliin ibsu (Relief maps and globs).
 Abakasii.
 Sarartuu bireelii.
 Leenjii hubannoo naannoo ofii fi sochii.
 Leenjii ogummaa dhaggeeffachuu.
 Hubama dhageettii yemmuu jennu wanti sammuu
keenyatti dhufu dhageettii dhabinsa guutuu dha.Garuu
hubamni dhageettii dhageettii dhabinsa guutuu qofa miti.
 Pasonella fi Care (1981) akka ibsanitti Hubama dhageettii jechuun jecha walii galaa kan
rakkoo dhageettii salphaa irraa hanga baay’ee cimaa ta’e of keessatti qabate ta’ee
dhageettii dhabinsa guutuu fi gurra jabina ( deaf & Hard – of – hearing ) qoodama jedhu kan
of keessatti qabate dha.
 Gurrana dhagahuu rakkachuu (hard–of–hearing): Hubama dhageettii fayyadama
meeshaa deeggarsa dhageettiitiin (Hearing aid) ykn isa malee hamma tokko dhaga’uu fi
qunnamuu dandeessisu dha.
 Dhageettii dhabinsa/duudamuu (deaf): Hubama dhageettii fayyadama meeshaa
deeggarsa dhageettiinis (Hearing aid) ta’e utuu hin fayyadamin sagalee dubbiif gargaaru
dhaga’uu fi hiika itti laachuu hin dandeenye dha. Sagalee dhaga’amurraa waan hiika–
qabeessa ta’e hin argamne dha. Safarri guddina sagalee isaan dhaga’anii 70 dB ol dha.
3.2.2 Amaloota Daa’imman Hubama Dhageettii Qabanii
a) Amala Waliigalaa(General Characteristics)
 Gearheart (1988) amaloota barattoonni hubama dhageettii qaban akka armaan gadiitti tarreessa.
 Hanqina hordoffii (Lack of attention): Waan dubbatamu waan itti hin dhaga’amneef waan
dubbatamu hordofuu dhiisuu
 Dhukkubbii gurraa fi dhangala’aa gurra keessaa yaa’u.
 Hanqina dagaagina dubbii (Lack of speech develoement).
 Waan tokko raawwachuuf deeggaarsa hiriyaa barbaadu ( Dependence on classmates for instruction ).
 Garaagarummaa guddaa dandeettii fi firii barnootaa gidduu ( Disparity Between expected and
Actual Achievement ).
 Gaaffii gaafatameef deebii wal hin simne kennuu.
 Ajaja dubbii afaanii hordofuu dadhabuu
 Yeroo haasa’an humnaa ol sagalee ol kaasuu ykn gad qabuu.
 Waan dubbatamu tokko irra akka deddeebi’amu barbaaduu.
 Kallattii sagalee wallaaluu.
 Morma jallisanii dhaggeeffachuu.
 Madda odeeffannootti dhiyoo taa’uu barbaaduu ykn sagaleen akka ol ka’uuf gaafachuu.
 Jeequu fi aaruu baay’isuu.
 Hirmaannaa gochaalee afaaniitiin qajeelfaman irraa of–qusachuu ( Reluctance to
participate in oral Activities ).
 Yemmuu maqaadhaan waamamu deebii laachuu dhiisuu.
 Haasaa keessatti jechoota murtaa’an qofaatti gargaaramuu
 Hojii gareef abbaa miseensota xiqqoo filachuu (Best work in small groups)
a) Dagaagina yaad – sammuu ( Cognitive Development )
 Akka walii galaatti dagaaginni yaad–sammuu daa’imman hubama dhageettii
qabanii fi hin qabnee garaagarummaa hin agarsiisu .Garuu, sababa odeeffannoo
karaa hedduu funaannachuu irratti rakkoo qabaniif warri hubama dhageettii
qaban dagaagina yaad–sammuu irratti hanqina agarsiisu.
 c) Amala barnootaa ( Academic characteristics )
 Hubamni dhageettii dagaagina afaaniirratti dhiibbaa ni qaba.Rakkoon dagaagina
afaanii immoo fiixaan ba’insa firii barnootaa irratti dhiibbaa ni qabaata. Bakka
haalli baruu-barsiisuu barattoota hubama dhageettii qabanii hin deeggarretti firiin
barnootaa barattoota hubama dhageettii qabanii gadaanaa ta’a.
 d ) Amala Afaanii(Language Characteristics)
 Namoonni hubama dhageettii qaban afaan irratti hanqinaalee armaan gadii agarsiisu.
 Rakkoo sagaleessuu.
 Rakkoo qulquliina sagalee.
 Rakkoo jechoota baay’ee beekuu fi itti fayyadamuu.
 Caasaan himaa isaan itti fayyadaman baay’ee salphaa fi kan hin jijjiiramne dha.
 Hima baayee gabaabaa ta’e.
 Hima hir’uu ykn hin xumuramnetti gargaaramu.
 Dubbiisuu fi barreessuu ( keessumaa dubbisuu) irratti rakkachuu.

e) Amala Qaamaa(Physical or motor Development)
 Hubamni dhageettii dagaagina qaamaarratti dhiibbaa hin qabu. Tarii barattoonni hubamni dhageettii sababa rakkoo
keessa guraarra ga’een isaan qunname rakkoon madaallii qaamaa isaan qunnamuu danda’a.
e) Amala currisaa fi hawaasummaa (Social /Emotional
development)
Hubamni dhageettii amalaa fi dagaagina currisaa irratti
dhiibbaa ni qabaata. Daa’imman hubama dhageettii
qaban amala mukaa’uu, qofummaa ni agarsiisu.
Sadarkaan qunnamtii fi hariiroo hawaasummaa namoota
hubama dhageettii qabanii maatii isaanii, hiriyaa isaanii fi
hawaasa naannoo wajjin qaban ilaalcha namoonni
namoota hubama dhageettii qabanii fi sadarkaa qunnamtii
isaaniirratti hundaa’a.
3.2.3 Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa
Daa’imman Hubama Dhageettii Qabaniif Godhamu
I. Gargaarsa karaa maatii godhamu
 Ilaalcha gaarii ijoollee isaaniif qabaachuu qabu.
 Maatiin akkaataa itti daa’imman hubama dhageettii qaban wajjin
qunnamtii godhan ykn wajjin .haasa’an leenjii argachuu qabu.
 Hanga dana’ametti qulqulleessanii haasa’uu.
 Daa’imman carraan haasa’uu fi qunnamtii gochuu kennamuufii qaba.
 Daa’imman gurra- jabina qaban sagalee guddistuu akka gargaaraman
gochuu.
I. Gargaarsa mana barumsaan godhamu
 Ysseldyke fi Algozine, 1995 akka ibsanitti barsiisonni adeemsa bar-barsiissuu keessatti
barattoota hubama dhageettii qabaniif deeggarsa armaan gadii kennuufii danda’u.
 Baratichaa fi madda odeeffannoo gidduu fageenya jiru hir’isuu.
 Suuta jedhanii dubbachuu fi sirriitti sagaleessuu.
 Sagalee naannoodhaa jeequ hir’isuu.
 Yemmuu barsiiftu odeeffannoo ilaaluudhaan guuramanirratti xiyyeeffadhu.
 Bakka taa’umsa barataa bifa walakkaa geengootiin ( semi – circle )
qindeessuu.Kanaafuu barataa fi barataan akkasumas barataa fi barsiisaan rakkoo tokko
malee wal argu.
 Maddi ifaa fuuldura barataatiin akka hin jiraanne gochuu.Sababni isaa baratichatti
calaqqisuun dubbisa hidhii akka hin dhorkineef ykn fuula barsiisaa arguu akka hin
dhorkineef.
 Barsiisaanis ta’e barataan yemmuu dubbatan fuula barataa hubama dhageettii qabuu ilaalaa haasa’uu qabu.
 Barataan kun barumsicha hordofaa jiraachuu fi dhiisuu isaa addaan baasuuf gidduu gidduutti gaaffii gaafadhu.
 Baratichis gidduu gidduutti waan isaa hin galle akka gaafatu carraa kenniif.
 Meesahaa deeggarsa sagalee fayyadama yoo ta’e sirriitti hojjechuusaa mirkaneessuu.
 Sochii qaamaa (gesture) yemmuu gargaaramtu naannoo fuulaa ykn hidhiirra xiqqoo fageessuun gaarii dha. Sababni isaa sochiin hidhii akka hin
argamne dhorkuu waan danda’uuf.
 Hiriyaa yemmuu ibsi godhamu yaadannoo barreessuuf qopheessuu.
 Tarsiimoowwan gargaarsaa kan biroo
 Af-latoo gara afaan dubbiitti nama hiiku (Interpreter
tutors).
 Piroojektara fayyadamuu (Using overhead projectors).
 Daa’imichi meeshaa deeggarsa sagalee (Hearing aid)
akka fayyadamu gochuu.
 Rakkoo currisaa jechuun hubama namoota umriin, aadaan,qomoon,fi kkf walfakkatan keessaa rawwii
isaaniitiin adda ta’anii akka mul’atan gochuun milkaa’ina barnootaa, hawaasummaa, fi kkf irratti
dhiibbaa irraan ga’an dha. (Zionts et al., 2002).
 Taylor fi Sternberg (1989), Garwood (1983) rakkoo currisaa akka armaan gadiitti ibsanii jiru:
 Rakkoo currisaa jechuun hubama yeroo dheeraaf ykn dhaabbataaf barataan amaloota armaan gadii
akka agarsiisu godhuu fi fiixaan ba’insa barnoota isaarratti dhiibbaa kan fidu dha:
 Hubama kan biraa utuu hin qabaatin barachuu dadhabuu.
 Hariiroo hawaasaummaa gaarii hiriyoota ofii fi barsiisota wajjin uumuu dadhabuu.
 Haalawwan nagaa fi qajeelaa keessatti gammachuu fi tasgabbii dhabuu.
 Gammachuu dhabuu fi mukaa’uu.
 Mallattoolee mul’atoo ykn sodaa dhuunfaa fi rakkoolee mana barumsaan walqabate agarsiisuu.
3.3.2 Amaloota Daa’immaan Rakkoo Currisaa fi Amalaa Qabanii
a) Amala waliigalaa
 Ammaa amma teessuma isaaniirraa ka’uu fi daree keessaa gad ba’uu baay’isuu.
 Amala addaa agarsiisuun daree keessa asii fi achi deemuu baay’isuu.
 Sagalee guddaa dhageessisuun iyyuu.
 Warra kaan jeequu.
 Hangafootaa fi ykn barsiisotaaf ajajamuu diduu.
 Himannaa baay’isuu.
 Hanna.
 Qabeenyaa balleessuu.
 Falmii baay’isuu.
 Dhugaa jallisuu.
 Nyakkee (temper tantrums).
 Garee keessaa hiriyootaan baafamuu.
 Hojii manaa fi daree xumuruu dhiisuu.
a) Amala Yaad-sammuu
 Dandeettii xiyyeeffannoo fi yaadachuu gad-aanaa qabu
 Qorumsa dandeettii sammuu ( intelligence test ) irratti firii giddu galeessaa gad galmeessisu.
 c) Amala Barnootaa
 Firiin barnootaa isaanii gad-aanaa dha.
 Barnootarratti rakkoo qabaachuun rakkoo currisaaf nama saaxila. Akkasumas rakkoo currisaa
qabaachuun immoo barnootaan milkaa’oo akka hin taane nama godha.
 Seera daree keessaa cabsuu fi naamusa barnootaan ala ta’uu.
 d) Amala Qaamaa
 Ijoolleen dhibee currisaa hamaa qaban hedduun qaamaan ijoollee biroorraa adda addummaa hin
agarsiisan. Garuu, kanneen hubama qaamaa cimaan isaan mudate rakkoo currisaa uummachuu
danda’u. Kan akkas isaan taasisu immoo namoonni hubama hin qabne isaan irratti ilaalcha gad –
aanaa waan qabaniif dha.
 Amala Qunnamtii
Daa’imman rakkoo currisaa fi amalaa qaban rakkoo
qunnamtii hammas beekame hin qaban Garuu namoonni
rakkoo “schizophrenia” jedhamu qaban takka takka
rakkoo afaanii fi qunnamtii ni agarsiisu.
3.3.3 Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Rakkoo Currisaa fi Amalaa Qabaniif
Godhamu
 Xiyyeeffannoo barsiisaa (Teachers’ attention): Daa’imman yoo barsiisaan xiyyeeffannoo kennuufii dhiise amala hin
taane agarsiisu. Kanaafuu barataan amla gaarii akka agarsiisuuf xiyyeeffannoon barsiisaa barbaacissaa dha.
 Barattoota amala gaarii agarsiisan jajuu.
 Amala sirrachuu qabu battalatti sirreessuu (Immediate correction).
 “Time out”: Mucaa amala hin barbaachifne agarsiise tokko saa’atii murtaa’eef bakka biraa tursuu. Asirratti wanti
hubatamu iddoon itti erginu sun kan miidhaa hin geessifne ta’uu qaba. Saa’atiin isaas murtaa’ee kabajamuu qaba.
 “Response cost”: Daa’ima amala hin taane agarsiise tokko gocha jaallatamaa inni raawwataa jiru irraa dhorkuu dha.
Fkn utuu fiilmii ilaalaa jiruu yoo jeeqe akka fiilmii hin ilaalle gochuu.
 “Token economies”: Mucaa amala gaarii agarsiise tokkoof badhaasa laachuu.
 “Contingency contract”: Yoo ati amala gaarii akkasii agarsiifte ani immoo waan akkasiin siif godha jecuun walii
galtee uumuu.
 Ysseldyke fi Algozzine (1995) barattoota rakkoo currisaa qaban gargaaruuf
tarsiimoowwan armaan gadii akka fayyadamnu tarreessu:
1. Amaloota gaarii daree keessatti agarsiifamuu qabu barattootatti beeksisi.
2. Namni hin agarsiifnes akka adabamu ibsiif.
3. Amaloota qajeeloo mu’atan dinqisiifadhu.
4. Amaloota hin taane sirreessuu irratti ejjennoo wal fakkaataa fudhadhu.
5. Amaloota gaggaarii barsiisi, shaakalsiisi.
6. Yeroo amalootni gaariin mul’atan badhaasi ( Badhaasni bifa garaagaraa
kanneen akka jajuu illee ta’uu danda’a )
7. Barattoonni akka currisa isaanii to’atan barsiisi.
8. Yeroo tajaajila olaanaaf gara nama biraatti ergitu sadarkaa umrii barataa sanaa
hubannoo keessa galchi.
Presentation on Disability

Contenu connexe

Tendances

Principles Of Effective Work
Principles Of Effective WorkPrinciples Of Effective Work
Principles Of Effective Work
Saurabh S
 
Leadership and Managmant
Leadership and Managmant   Leadership and Managmant
Leadership and Managmant
Wael Ammar
 
Women empowerment
Women empowermentWomen empowerment
Women empowerment
Mumbai Ngo
 

Tendances (20)

Reverse Narrative SOAR Analysis
Reverse Narrative SOAR Analysis Reverse Narrative SOAR Analysis
Reverse Narrative SOAR Analysis
 
Concepts in Participatory Monitoring and Evaluation
Concepts in Participatory Monitoring and Evaluation Concepts in Participatory Monitoring and Evaluation
Concepts in Participatory Monitoring and Evaluation
 
Stakeholder mapping
Stakeholder mappingStakeholder mapping
Stakeholder mapping
 
Principles Of Effective Work
Principles Of Effective WorkPrinciples Of Effective Work
Principles Of Effective Work
 
Shared leadership and task delegation
Shared leadership and task delegationShared leadership and task delegation
Shared leadership and task delegation
 
Stakeholder Analysis
Stakeholder AnalysisStakeholder Analysis
Stakeholder Analysis
 
Board development for non profit organizations
Board development for non profit organizationsBoard development for non profit organizations
Board development for non profit organizations
 
Welcome To Capacity Building.ppt
Welcome To Capacity Building.pptWelcome To Capacity Building.ppt
Welcome To Capacity Building.ppt
 
5.1.2 counterfactual framework
5.1.2 counterfactual framework5.1.2 counterfactual framework
5.1.2 counterfactual framework
 
Leadership and Managmant
Leadership and Managmant   Leadership and Managmant
Leadership and Managmant
 
Foundation Stones Intro1: A Spiritual Building's Foundation
Foundation Stones Intro1: A Spiritual Building's FoundationFoundation Stones Intro1: A Spiritual Building's Foundation
Foundation Stones Intro1: A Spiritual Building's Foundation
 
Stakeholder analysis
Stakeholder analysisStakeholder analysis
Stakeholder analysis
 
10 Project Proposal Writing
10 Project Proposal Writing10 Project Proposal Writing
10 Project Proposal Writing
 
Christian Leadership
Christian LeadershipChristian Leadership
Christian Leadership
 
How to do Stakeholder Analysis
How to do Stakeholder AnalysisHow to do Stakeholder Analysis
How to do Stakeholder Analysis
 
6 Characteristics of Biblical Leaders
6 Characteristics of Biblical Leaders6 Characteristics of Biblical Leaders
6 Characteristics of Biblical Leaders
 
The State of Ageing in 2020
The State of Ageing in 2020The State of Ageing in 2020
The State of Ageing in 2020
 
Women empowerment
Women empowermentWomen empowerment
Women empowerment
 
Introduction to Gender Analytical Tools in the agricultural sector and Tips o...
Introduction to Gender Analytical Tools in the agricultural sector and Tips o...Introduction to Gender Analytical Tools in the agricultural sector and Tips o...
Introduction to Gender Analytical Tools in the agricultural sector and Tips o...
 
Stakeholder Management
Stakeholder ManagementStakeholder Management
Stakeholder Management
 

Similaire à Presentation on Disability

Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfHiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Desalechali1
 
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdfHidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Desalechali1
 
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdfKALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
Desalechali1
 

Similaire à Presentation on Disability (20)

Jedhi Malee (just do it).pdf
Jedhi Malee             (just do it).pdfJedhi Malee             (just do it).pdf
Jedhi Malee (just do it).pdf
 
Dhalootnii kun
Dhalootnii kunDhalootnii kun
Dhalootnii kun
 
Dhalootnii kun
Dhalootnii kunDhalootnii kun
Dhalootnii kun
 
Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptx
 
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
 
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfHiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
 
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdfHidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
 
4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptx4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptx
 
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptKenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
 
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
 
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
RIFOORMII BARNOOTA.pptx$33€^$×_&3€377×=€€=%
 
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdfQoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
 
Dandeettiin kamiiyyuu ni Baratama .pdf
Dandeettiin kamiiyyuu ni Baratama    .pdfDandeettiin kamiiyyuu ni Baratama    .pdf
Dandeettiin kamiiyyuu ni Baratama .pdf
 
Safuu jaalalaa
Safuu jaalalaaSafuu jaalalaa
Safuu jaalalaa
 
Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6
 
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfBAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
 
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdfKALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
 
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa taKarooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
Karooro Daldalaa waldoota keenya hundaa ta
 
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumnBarnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
 
Akkaatummaa - Dhiheessa.pptx
Akkaatummaa - Dhiheessa.pptxAkkaatummaa - Dhiheessa.pptx
Akkaatummaa - Dhiheessa.pptx
 

Presentation on Disability

  • 2. Hanqina qabatamaa dandeettii yaaduu yeroo ammaa mul’atu fi jireenya guyyaa guyyaa keessatti ogummoota ykn amaloota naannoon wal simachiisuu armaan gadii lama ykn lamaa ol irratti hir’ina kan agarsiisu dha. Isaanis Qunnamtii, of kunuunsuu, qabannaa manaa, dandeettiiwwan hawaasummaa, fayyadama naannoo, of qajeelchuu, fayyaa fi nageenya mirkaneeffachuu, barumsaan cimuu, bashannanaa fi hojii dha.Rakkoon kunis umrii hanga waggaa 18 keessatti kan mul’atu ta’uu qaba
  • 3.  Rakkoon saalessa sammuu haalawwan gurguddoo armaan gadii of keessatti qabata:  Hanqina dandeettii yaaduu(Significantly sub average general intellectual functioning).  Hanqina ogummoota naannoon wal simsiisuu(Deficit in adaptive behavior or skill.)  Umrii dagaaginaa keessatti kan mul’atu ta’uu qaba(Manifestation during developmental period)  Hanqina dandeettii yaaduu (Significantly sub average general intellectual functioning).
  • 4.  Dandeettiin hojii sammuu kan murtaa’u qorumsa dandeettii sammuu sadarkaa isaa eeggateen dha.Kana jechuun qorumsa dandeettii sammuu kennuudhaan dandeettii sammuu safaruun dha.Dandeettiin sammuu(IQ) nama tokkoo giddu galeessi isaa 100 dha.IQ’n kan shallagamu umrii sammuu(mental age) umrii isa dhugaa(chronological age) tiif hiruun dhibbaan baay’isuun dha.  Umriin sammuu kan ittiin ibsamu sadarkaa dagaagina dandeettii sammuu umrii dhugaa namtichaa wajjin wal bira qabuun dha.  Fkn Mucaan waggaa 8 tokko gaaffii mucaan waggaa 10 qofaan deebisuu danda’u yoo deebise umriin sammuu(MA) isaa 10 jechuu dha.Chronological age(CA) jechuun immoo umrii mucichaa isa dhugaa jechuu dha.
  • 5.  Hanqina ogummoota naannoon wal simsiisuu (Deficit in adaptive behavior or skill.)  Kun namni tokko hojii umrii fi aadaa tokko keessatti irraa eegamu hojjechuu irratti dadhabbii gama ofiin of danda’anii dhaabbachuu, jireenya hawaasummaa fi hojii guyyaa guyyaatti hojjetamu keessatti hanqina qabaachuu dha.  Umrii dagaaginaa keessatti kan mul’atu ta’uu qaba(Manifestation during developmental period)  Kana jechuun saalessi sammuu umriiwwan duraa (ga’eessummaan dura (waggaa 18 dura) kan mul’atu ta’ee dhiibbaan isaa bara jireenyaa guutuu kan mul’atu dha
  • 6. Amaloota Daa’imman Rakkoo Dagaagina Sammuu Qabanii  Kutaa xiqqaa armaan olii keessatti hiika rakkoo sammuun boodatti harkifachuu barattee jirta.Hiika rakkoo dagaagina sammuu keessatti wantoota gurguddoo sadii: Hanqina dandeettii yaaduu,hanqina ogummoota naannoon wal simsiisuu,Umrii dagaaginaa keessatti kan mul’atu ta’uu qaba kanneen jedhantu jiru.Kutaa xiqqaa itti aanu keessatti immoo amaloota namoonni rakkoo dagaagina sammuu qaban agarsiisan baratta.
  • 7. A. Amaloota Yaad-sammuu  Akka hiriyaa isaanii umrii walfakkatuu tti haalaan baratanii hubachuu irratti ni rakkatu.  Dandeettii yaad – rime barachuu fi yaada qindeessuu gad – aanaa qabu.  Rakkoo waa yaadachuu, wantoota addaan baasuu, waa tartiibaan kaa’uu fi wantoota walfakkaatan walfakkeessuu.  Yaad-rimeewwan adda addaa baratanii qabachuu irratti hiriyoota isaanii gadi A. Academic characteristics  Hojii barumsaa hedduu irratti raawwii gad – aanaa qabu
  • 8. A. Amala Qaamaa  Rakkoo qindoomina qaamaa.  Warri “Down syndrome” qaban fuulli isaanii geengoo kan ta’ee fi harki fi miilli isaanii gabaabaa kan ta’e dha.  Barattoonni rakkoo dagaagina sammuu hamaa qaban baay’een danda’anii hin dhaabbatan, baay’een immoo gargaarsa nama biroo malee ol ka’uu hin danda’an. A. Amala Currisaa fi Hawaasummaa  Amala gama hawwasaan /aadaan/ fudhatama hin qabne mul’isu.  Hawaasummaa fi currisaan kan hin bilchaanne dha.  Amala addaa qabaachuun isaanii namoonni biroon akka ofirraa isaan fageessu isaan taasisa.
  • 9. A. Amala Qunnamtii  Dubbachuu fi dandeettii afaan fayyadamuun boodatti hafoo dha.  Of – ibsuu fi nama hubachuu irratti rakkoo qabu.  Namoonni rakkoo dagaagina sammuu hamaa fi baay’ee hamaa qaban dubbachuullee kan hin dandeenye jiru. Amaloota Daa’imman Rakkoo Dagaagina Sammuu Salphaa Qaban Daree Idilee Keessaa Addaan Baafnee beekuuf Nugargaaran (Koughetal. 1955):  Waan axereeraa ( abstract ) yaaduu dadhabuu   Dhaggeeffachuu fi qajeelfama hordofuu dadhabuu.  Seera taphaa wallaluu fi cabsuu.  Barumsaan, hawaasummaa currisaan fi qaamaan saffisa dhabuu.  Naamusa wallaaluu fi cabsuu.  Of danda’anii waa hojjechuu dadhabuu.  Bitaa itti galuu (easily confused).  Fedhii gad – aanaa qabaachuu fi xiyyeeffannoo yeroo dheeraa dhabuu.  Raawiin daree keessaa gadi aanaa ta’uu.
  • 10. Deeggarsa Daa’imman Rakkoo Dagaagina Sammuu Qabaniif Godhamu
  • 11. Deeggarsa Maatii  Ilaalcha gaarii qabaachuu.  Gorsaa fi gajeelcha gadi fagoo kennuu.  Ogeessotaan mari’achuu.  Maatii daa’imman rakkoo akkanaa qabanii wajjin mari’achuu. Gargaarsa Mana Barumsaan Godhamu  Barachuuf qophaa’uu.  Dagaagina ogummaa hawaasummaa.  Dagaagina cimina qaamaa.  Dagaagina afaanii.  Dagaagina dandeettii herregaa.
  • 12. Qophii barachuu fooyyessuuf: Ogummaa kana akka dagaagfatan gochuuf daa’imman akka odeeffannoo adda baafatan, madaalan,walitii dhufeenya bu’aa fi sababaa wantootaa akka hubatan, ogummaa namoota biroo akkeessuu akka dagaagfatan gochuu. Ogummaa afaanii fooyyessuuf:  Gochaawwan adda addaa kennuufiin raawwii isaa hordofuu.  Guyyaa guyyaatti wantoota jireenyaan walqabatan dubbisiisuu.  Jechoota akka baraniif taphaan walqabsiisanii shaakalsiisuu.
  • 13. Gochaawwan dandeettii herregaa guddisuuf gumaachan  Wantoota tarreessuu, qoqqooduu, walqixxeessuu.  Wantoota adda addaa walitti makuu fi addaan baasuu.  Waa’ee qarshii fi safaruu shaakalsiisuu.  Lakkaa’uu. Gochaawwan dagaagina hawaasummaa daa’immaniif gumaachan  Gochaawwan waa akkeessuu ( Gahee taphachuu ).  Daree keessatti fi alatti Itti gaafatamummaa kennuufii. Gochaawwan Dagaagina sochii qaamaaf gumaachan  Shaakalawwan kallattii adda addaatti nama sochoosan fkn akka kubbaa ha’uu fi kkf hojjechiisuu.  Akka mucichi fiigu, utaalu gochuu.  Gufuuwwan adda addaa keessa hulluquu
  • 14. Qabxiiwwan gurguddoo kudhan barsiisota barattoota saalessa sammuu qaban barsiisaniif (ysseldyke and Algozzine, 1995).  Filannoowwan baruu – barsiisuu fakkeenya adda addaan wal qabsiisanii dhiyeessuu.  Barattoonni waan baratan isaanii galuu isaa carraa hojiin agarsiisuu kennuufii.  Carraa bal’aa shaakalaaf kenni.  Ogummaa haaraa barsiisuu keessatti waan qabatamaa gargaarami.  Kan hiriyoota isaaniif gootu caalaa yaada sirreessaa fi gargaarsaa kenniif.  Abbaltii fi gaaffilee madaallii akkaataa rakkoo barachuu isaanii maqsuu danda’u tti qopheessi.  Raawwii isaanii barattoota warra kaan caalaatti yeroo yerootti madaali.  Barsiisa kee naannoo wanti baratame itti raawwatamu waliin wal simsiisi.  Ogummaawwan ciccimoo yemmuu barsiiftu bakka xixiqqaatti qoodii dhiyeessi.  Barattoota warra kaaniif kan gootu caalaa sirriitti irra deebitee barsiisuuf of qopheessi.
  • 15. Hubama qaamaa jehuun Sababoota adda addaa kan akka dhibee sirna narvii giddu –galeessaa fi sirnoota qaamaa biroo irraa kan ka’e haalawwan daa’imman qaama isaaniitti fayyadaman irratti, barnootaa fi sochii guyyaa guyyaa keessatti dhiibbaa kan uumu dha(Ysseldyke fi Algozzine (1995). Rakkoo fayyaa hamaa(Chronic Health Problems): jechuun immoo dhibee umrii guutuu namaa wajjin utuu namatti hin wayyaa’in ykn namarraa hin badin turuu fi jireenya namaa jeequun hojii guyyaa guyyaa daangessu dha.
  • 16. Amaloota Daa’imman Hubama Qaamaa fi Rakkoo Fayyaa Qabanii A. Amala Waliigalaa  Anniisaa fi cimina dhabuu  Mana barumsaarraa ammaa amma hafuu  Gochaawwan adda addaa keessatti hirmaachuuf haala gochichi isaan hirmaachisuu danda’utti akka jijjiiramuuf ykn mijatuuf barbaadu.  Qindoomina gad – aanaa maashaalee ( poor motor coordination )  Ammaa amma kufuu ( frequent falls )  Dubbii isaanii hubachuuf nama rakkisa ( speech difficult to understand )
  • 17. B. Amala Yaad-sammuu  Hubamni qaamaa fi dagaaginnii yaad-sammuu hariiroo kallattii hin qaban.Garuu sababa bakkaa bakkatti socho’uu irratti rakkoo qabaniif nammoonni hubama qaamaa qaban hanqinni odeeffannoo isaan mudata.Adeemsa dheeraa booda sababa hanqina odeeffannoo kanaaf dagaagina yaad-sammuu irratti hanqina agarsiisu. C. Amala Barnootaa  Barattoonni hubama qaamaa qaban warra hubama qaamaa hin qabneerraa raawwii barnootaatiin sababa hubama qaamaa qabaachuusaaniitiin garagarummaa hin qaban.Barattoonni kun sababa rakkoo kanaatiif manni barumsaa itti barfachuu, yaalii adda addaa argachuuf gara ogeessaa deemuu waan danda’niif hojii barumsaa adda addaarraa yemmuu hafan firiin barumsaa isaanii gadaanaa ta’uu danda’a.
  • 18. D. Amala Qaamaa  Barattoonni hubama qaamaa fi rakkoo fayyaa qaban sochii qaamaa irratti hanqina ni agarsiisu..  Namoonni “Cp” qaban gosoota rakkoowwan sochii armaan gadii keessatti ramadamu. I. “Spasticity”: Akka malee hollachuu, Waan tokko qabachuu dadhabuu, hiddi maashaalee goguu,deemsi isaanii quba isaaniirra dhaabbachuudhaan jilba isaanii keessatti dabsanii waliin rukutaa deemu. II. “Athetoid”: Sochii al-kallattii, arrabaa fi gorora to’achuu dadhabuu, dubbii irratti rakkachuu III. “Ataxic”: Madaala qaamaa eeggachuu dhabuu,adeemsa utaalcha fakkaatu, yemmuu deeman waan tabbarra hejjetan itti fakkaata; garuu lafti walqixa dha, luka bal’isanii deemu. IV. “Hypotonic”: Adeemsa sirrii deemu.Garuu deemsa eegaluuf ykn dhaabbachuuf ni rakkatu V. “Rigidity”: Bakki miidhame sun humnaa ol waan goggoguuf (extreemly stiffness ) sochii irratti baay’ee rakkisa. VI. “Tremor”: Sochii ofii to’achuu dadhabuu ( yemmuu to’achuuf yaalan rakkoon isaa itti caala ),deemsi isaanii nama daalalu ( shubbisu ( dancing ) fakkaata.
  • 19. E. Amala currisaa fi hawaasummaa Hubamni qaamaa kallattiidhan currisaa fi hawaasummaarratti kallaattiin kan walqabatu yoo ta’uu baatellee sababa bakkaa bakkatti socho’uuf rakkoo qabaniif walitti dhufeenya hawaasummaa akka hin goonee fi rakkoo hawaasummaa akka qabaatan isaan godha. F. Amala Qunnamtii Namoonni “Cp” qaban baay’een isaanii dubbachuu irrati baay’ee rakkatu. Dubbachuuf illee meeshaa gargaartuu kan fayyadaman ni jiru.
  • 20. Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Hubama Qaamaa fi rakkoo Fayyaa Qabaniif Godhamu a. Wal’aansa adda addaa (Medication, therapy, and surgery)  Qoricha fudhachuudhaan dhiibbaa rakkichi fidu hir’isuun ni danda’ama.  Wal’aansa qaamaa (physical therapy) fi wal’aansa dubbii (speech therapy) kennuufii. b. Meeshaalee gargaartuu fi meeshaalee addaa ( Assistive devices and special devices )  Meeshaalee gargaartuu garaagaraa kan akka namoota rakkoo “CP” qaban akka harki isaanii hinsosochoone deeskiitti gad hidhuu, meeshaalee addaa kan nyaataaf gargaaran.  Qaama nam–tolchee ( prosthesis ), meeshaalee sochiif gargaaran kan akka teessuma konkolaatu ( wheelchair ), ulee irkoo ykn dhadhaabbataa ( crutches ),meeshaa ittiin nyaatan,gbatee ittiin walii galan( communication board) fi kkf dhiyeessuufii ykn haala mijeessuufii, akkasumas haala isaan itti fayyadamanis yeroo yeroon hordofuu.  Meeshaa gargaartuu barreessuu dhiyeessuufii (Writing aids) (This includes computers with word processing programs and with adapted keyboards).
  • 21. c. Naannoo fooyyessuu ykn mijeessuu ( modifying the environment )  Naannoon, mooraanii fi dareen barnootaa sochii barattootaaf mijataa kan ta’e gochuu.  Taa’umsa barattootaa akka dheerinaa fi rakkoo isaaniitti sirreessuu.  Sagantaan barnootaa yemmuu ba’u daree sochii fi barnoota daa’imman kanaaf ta’utti ramaduu.  Meeshaalee ispoortii adda addaa akka rakkoo barataa hiikuu danda’utti jijjiiruu ykn mijeessuu. a. Haala Baruu-Barsiisuu Mijeessuu ykn Fooyyessu(Adapting instruction)  Akka fedhii barattootaaa guutuu danda’utti abbaltii mijeessuu.  Wanta baratamu ykn barreeffamu bifa anniisaa salphaan hojjetamuun mijeessuu.  Meeshaalee barreessuu anniisaa salphaa barbaadan akka fayyadaman gochuu.  Yemmuu baratanii fi qorumsa qoraman gidduu gidduutti gad ba’anii boqonnaa akka fudhatan gochuu.
  • 22. a. Ilaalcha Hawaasaa Jijjiiruu (Changing the attitude of school community and the society)  Namoota hubama adda addaa qaban kan irra caalaa isaan miidhu hubamicha utuu hin ta’in ilaalacha hawaasichi isaaniif qabu dha. Kanaaf, maatiin, hiriyoonni, barsiisonnii fi hawaasni naannoo kan biroon ilaalcha gaarii fi gargaarsa barbaachisaa daa’imman kanaaf gochuu qabu.  Namoota rakkoo qaban kanaaf humnaa ol gadduufiin (excessive pity and sympathy), dalagaa akka hin dalagne dhorkuu (over protection) hin barbaachisu. Kanaafuu, waan isaan hojjechuu danda’an akka hojjetaniif bakka barbaachise qofaatti gargaarsa gochuufii dha.
  • 23.  Barattoota dhukkuba shukkaaraa qaban haala armaan gadiitiin gargaaruu dandeenya:  Qoricha insuliinii ni fudhatu yoo ta’e haala isaan itti lilmoo waraannatan haala mijeessuu.  Nyaataa fi dhugaatii mi’aawu akka hin fudhanne gorsuu.  Gochaawwan ciccimoo anniisa gaafatan irraa bilisa gochuu.  Nyaata isaanii mana barumsaa keessatti haala isaan itti nyaatan haala mijeessuu.  Yeroo yerootti fincaanii fi boqonnaaf yemmuu eeyyama gaafatan eeyyamuufii(qorumsa utuu qoramaa jiraniillee gad ba’anii fincaan fincaa’anii akka deebi’an gochuu.)
  • 24. a. Asmii(Asthma): Asmiin dhukkuba sombaa qaamolee hargansuu miidhu dha.  Barsiisaan wantoota dhukkuba asmii namatti kaasuu danda’an dursee beekuu qaba.  Walumaa galatti barattoota dhukkuba asmii qaban haala armaan gadiitiin gargaarra:  Wantoota baay’ee qabbanaa’aa ta’an akka hin fudhanne gorsuu.  Dhiphina, bineeldota rifeensa qaban, kosii manaa ofirraa akka fageessan gochuu.  Ispoortii yeroo hundaa hojjechuun faayidaa yoo qabaate iyyuu namoota tokko tokkotti yeroo ispoortii waan itti cimuu danda’anuf of eeggannoo gochuu.  Gara mana yaalaa akka dhaqan jajjabeessuu.
  • 25.  Barattoota gaggabdoo isa guddaa ( grand mal seizure) qabaniif gargaarsa godhamu (Heward fi Orlansky, 1988):  Suuta jedhanii ciibsuun cuftuu huccuu isaa banuufii.  Wantoota jajjaboo fi qara qaban irraa fageessuun hanganni ofiin dhiisutti callisanii ilaaluu.  Waan tokkoyyuu afaan isaa keessa hin kaa’in; garuu yoo afaan banee jira ta’e akka inni arraba isaa hin ciniinneef waan akka huccuu lallaafaa ilkaan isaa gidduu kaa’i.  Hoomachi afaan isaa keessa akka ba’uuf mataa isaa bukkeetti jallisuun huccuu lallaafaa jala kaa’uu.  Yeroo of baru boqonnaa akka fudhatu gochuu.  Hargansuu isaa mirkaneessuun gargaarsa duraa nama afuurri addaan citeef godhamu godhuufii.  Yoo turtiin isaa daqiiqaa 10 caale gara mana yaalaa geessuu.
  • 26.  Dadhabbii barachuuf hiikni irratti walii galame hin jiru. Beektonni adda addaa yeoo adda addaatti hiika garaagaraa kennanii jiru. Akka Labsii Barnootaa Namoota Hubama Qabanii (Individuals with Disability Education Act)(IDEA) tti, hiikni armaan gadii akka hiika dhiyootti fudhatamee jira:  Dadhabbii barachuu jechuun hanqina hojii sammuu dhaibee sirna narvii giddu-galeessaarraa maddu ta’ee rakkoo dhaggeeffachuu, dubbachuu, dubbisuu, barreessuu, sababeessuu, qooyyaboota herregaa akkaataa gaariin shllaguu dhabuu keessati ibsamu dha. Dadhabbiin barachuu barattoota sababa hubama qaroo,hubama dhageettii,hubama qaamaa(motor disability),rakkoo dagaagina sammuu(intellectual disability),rakkoo currisaa, rakkoo haala naannoo,rakkoo dinagdeetiin barachuu irratti rakkoo qabaachuu hin dabalatu.
  • 27.  Hiikonni dadhabbii barachuuf kennaman hundi isaaniiyyuu ulaagaalee armaan gadii kan guutan dha: a) Garaagarummaa(Discrepancy)  Barattoonni dadhabbii barachuu qaban dandeettii isaanii fi firii barnootaa isaanii gidduu garaagarummaa guddaatu jira. a) Hir’ina /Hanqina(Deficit)  Barattoonni dadhabbii barachuu qaban akka warra hubamicha hin qabneetti hojii isaan hojjechuu hin dandeenye jira. a) Xiyyeeffannoo(Focus)  Rakkichi adeemsa hojiilee sammuu bu’uuraa kan afaan fayyadamuu fi hubachuu of keessaa qaburratti kan xiyyeeffatu dha. a) Keessaa baasuu(Exclusion)  Dadhabbiin barachuu rakkoolee barachuu kanneen akka rakkoo dagaagina sammuun, hubama miiraa, rakkoo currisaa ykn carraa barachuu dhabuun dhufu hin dabalatu.
  • 28. Amaloota Daa’imman Dadhabbii Barachuu Qabanii A. Amaloota Yaad-sammuu  Rakkoo yaadachuu.  Rakkoo wantoota adda baafachuu.  Tarsiimoo yaaduu uummachuu fi dagaagfachuu wallaaluu. B. Amala Barnootaa  Firii barnootaa isaanii fi dandeettii isaanii gidduu garaagarummaa guddatu jira.  Yeroo ibsi daree keessaa godhamu hordofuu dadhabuu.  Kaka’umsa gadaanaa qabaachuu fi hojiiwwan barnootaa irratti hirmaannaa xiqqaa qabaachuu.  Rakkoo hiikuu dadhabuu.  Barachuurratti qindoomina dhabuu.
  • 29. C. Amala Qaamaa  Gama qaamaatiin wanti addaan isaanirratti mul’atu yoo hin jiraannellee sochii qaamaa gooree kanneen akka waa muruu, sararuu, ykn qalama haala gaariin qabachuurratti rakkoo qabu. D. Amala Currisaaa fi Hawaasummaa  Xiyyeeffannoo,tasgabbii hin qaban.  Hariiroo hawaasummaa gadaanaa qabu. E. Amala Qunnamtii  Baay’een isaanii dandeettii afaanii hanga eegameen gadi qabu.  Ajaja raawwachuurratti rakkoo qabu.
  • 30. Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Dadhabbii Barachuu Qabaniif Godhamu A) Gargaarsa waliigalaa  Wantoota barataman duraa duuba isaa eeguun bakka xixiqqaatti caccabsuu fi salphisuu.  Tooftaa onnachiiftuutti gargaaramuu.  Yaada- gabbii battalummatti kennuu ( immediate and task – oriented feedback ).  Tooftaa fakkaattiirraa barachuun (modeling) barsiisuu. Barataan barsiisaa isaa akkeessuu. waan jaallatuuf barataadhaaf fakkeenya gaarii ta’uu.  Wantoota xiyyeeffatamuu qaburratti akka xiyyeeffatan shaakalsiisuu.  Waan barsiifnu si’ataa fi kan nama harkisu gochuu.  Wanta barsiifnu gabaabsuun dhiyeessuu.  Yemmuu barsiifnu meeshaa deeggarsa barnootaa garaagaraatiin deeggaraa barsiisuu.  Qabiyyee barnootaa ciccimaa ta’an yemmuu barataan dammaqaa ta’ee jiru barsiisuu.  Hojiiwwan manaa, qorumsaa fi kkf gabaabsanii dhiyeessuu fi duub deebii ( feedback ) battalaa kennuu  Tooftaa adeeffannoo bilcheessuu shaakalsiisuu (Training information.  Kakaasota ilaalamanii fi dhaga’aman qabiyyee kee wajjin wal hin qabanne hir’isuu.  Fooyya’insa barattootaa madaalaa deemi.
  • 31. A) Gargaarsa gooree (Specific intervention strategies) 1. Afaan Ilaalchisee  Ogummaa dhaggeeffachuu akka dagaagfataniif haala isaan itti waan dubbatamu tokko hordofan, odeeffannoo bilcheessanii fi beekumsa ga’aa waa’ee jechootaa qabaachuun haasaa nama dubbachaa jiruu hiika itti kennan shaakalsiisuu.  Jechootaa fi haala galumsa jechootaa barsiisuu keessatti yaadota barataan beeku ( jireenya guyyaa guyyaan walqabatan ) tti fayyadamuu.  Ogummaa dubbachuu shaakalsiisuuf fakkaattii (model) gargaaramuu fi gocha isaanii onnachiisuu.  Yemmuu waa dubbisan hubannoodhaan hiika itti kenaa (Comprehension and decoding) akka dubbisan barsiisuu.  Barreessuu barsiisuu keessatti barsiisaan ofii quboota sirriitti barreessuu danda’uu ykn kan sirriitti barreeffame dhiyeessuufii dha.  Barreeffama qubeen isaa xaxamee barreeffamuu fi kan sirriitti barreeffamu wal keessa akka hin makne addaan baasanii barsiisuu.  Seera qubeewwan itti barraa’an ( Sarara olii, sarara gadii, gidduu) warra oolan shaakalsiisuu.
  • 32. 1. Herrega Ilaalchisee  Rakkoo herregaa irratti isaan agarsiisan keessaa tokko hubannaa ij-sammuu (visual perception) waan ta’eef mallattoolee, argama wantootaa qilleensa keessatti ibsuu danda’uu shaakalsiisuu.  Lakkoofsota poozatiivii isaan negetiiviirraa akka adda baasan barsiisuu.  Piroobileemota jechootaa gara barreeffamaatti jijjiiruun furuu akka danda’an shaakalsiisuu.  Lakkoofsota tartiibaan kaa’uu akka danda’an shaakalsiisuu.  Tarsiimoo adda addaa ittiin gaaffilee herregaa furan addaan baasuun itti agarsiisuu.
  • 33. 3.8.1 Hiika Rakkoo Qunnamtii  Rakkoo qunnamtii jechuun waan yaada isaa keessa jiru baasee ibsuu dadhabuu ykn waan namni biraa dubbate tokko hubachuurratti raakkoo qabaachuu jechuu dha.Walumaagalatti qunnamtii uumuu, fudhachuu fi hubachuu irratti hanqina qabaachuudhaan ibsama.  Rakkoon qunnamtii hanqinoota adda addaa dubbii fi afaan keessatti mul’atan kan of keessatti qabate dha.Daa’imman rakkoo dubbii qaban sirriitti sagalee baasuudhaaf,yaa’insa ykn dhangala’ina sagalee fi qulqullina sagalee baasaniirratti rakkoo qabaatu. Daa’imman rakkoo afaanii qaban mallattoo fi seera namoonni qunnamtiif itti gargaaraman hubachuu ykn ibsuuf baay’ee rakkatu. Daa’imni tokko rakkoo dubbii ykn rakkoo afaanii qabaachuu ykn lamaan isaa wal faana qabaachuu danda’a. Rakkoon qunnamtii rakkoo dubbii fi rakkoo afaanii jedhamee iddoo gurguddaa lamatti qoodamuu danda’a.
  • 34. 3.8.2 Amaloota Daa’imman Rakkoo Qunnamtii Qabanii a. Amala waliigalaa (General characteristics)  Ajaja hordofuu dadhabuu.  Dubbii qulqullina hin qabne.  Rakkoo sagaleessuu.  Rakkoo hima keessatti duraa duuba jechaa eeguu.  Sagalee dubbii namatti hin tolle.  Dubbii ciccitaa.  Irra deddeebi’anii waa gaggaafachuu.  Yemmuu haasa’an sagalee jechootaa waliin dhawuu, keessaa hanbisuu, itti dabaluu ykn bakka buusuu.  Saffisa dubbii suuta jedhaa ykn baay’ee ariifataa.  Akka haala hawaasa naannootti afaanitti fayyadamuu dadhabuu.  Waan dubbatame hubachuu dadhabuu.  Xiyyeeffannoo qunnamtiif gargaaru dhabuu.
  • 35. a. Amala Yaad-sammuu  Bu’uurri guddina sammuu afaanii fi walitti dhufeenya gochuu dha. Sababa rakkoo qunnamtiirraa kan ka’e walitti dhufeenya gochuu dhabuun namoonni rakkoo qunnamtii qaban dagaagina yaad-sammuurratti hanqina agarsiisu. a. Amaloota Barnootaa  Daa’imman rakkoo qunnamtii qaban akaakuuwwan barnootaa kanneen akka dubbisuu, haasaa afaanii fi kkf irratti firii gaarii hin galmeessisan. a. Amala Qaamaa  Namoonni rakkoo dubbii fi amalaa qaban waan addaa qaama isaaniirratti mul’atu hin qaban.Garuu namoonni rakkoo akka “Cp”, hidhii baqaqaa fi kkf qaban rakkoo dubbii fi afaanii akkasumas rakkoo qaamaa ni agarsiisu.
  • 36. a.Amala Currisaa fi Hawaasummaa  Qunnamtiin hawaasummaadhaaf baay’ee barbaachisa. Haalli itti daa’imman rakkoo qunnamtii qaban itti hiriyoota isaanii qunnaman haala nama hin harkifneen waan ta’eef walitti dhufeenyi gaariin gidduu isaaniitti akka hin uumamne godha.Kanaafuu, barattoota biroorraa akka fagaatan, ofitti amantaa akka hin qabaanne isaan godha.
  • 37.  3.8.3 Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Rakkoo Qunnamtii Qabaniif Godhamu a) Rakkoo dubbii ilaachisee  Ogeessa wal’aansa dubbiin gargaarsa godhamu (Help by speech therapist ).  Sagalee dubbii ofilaalii ( mirror ) keessatti of ilaalaa akka shaakalan gochuu.  Jecha deddeebi’anii akka jedhan gochuu ( word retelling ).  Yemmuu yaalii godhan onnachiistuu fayyadamuu.  Fakkaattii dubbii gaarii ( Models of appropriate speech ) dhiyeessuufii.  Ergaa isaa irratti malee bifa ykn haala itti dubbatamee fi rifaatuu uumu irratti xiyyeeffachuu dhiisuu ( speech competition and time constraits ).  Shaakalaaf carraa kennuufii.  Yemmuu dubbatan dhiphina tokko malee bilisaan akka dubbatan gochuu  Qabattoota naannoo kanneen akka dorgommii dubbii, yeroo murtaa’e keessatti xumuruu fi kkf hir’isuu.  Gorsuurra ofii jedhii itti agarsiisi.
  • 38. a) Rakkoo Afaanii ilaalchisee o Jechootaa fi himootaan taphachiisuu. o Seer-luga barsiisuuf hiika isaarratti xiyyeeffachuu. o Dadhabina isaanii utuu hin ta’in cimina irratti xiyyeeffachuu fi jajjabeessuu. o Barattooni bilisaan marii akka godhan jajjabeessuu. o Barreeffama fooyyessuuf barattoonni waa’ee sirrummaa hojii isaanii irratti akka hin dhiphannee fi callisanii akka barreessan jajjabessuu. o Waa’ee fakkii tokkoo akka barreessan gochuu. o Beekumsa jechootaa fooyyeffachuuf kanneen beekan irraa ka’anii kanneen haaraa akka dagaagfatan gochuu. o Gosa barnootaa hundumaa keessatti qabiyyeewwan dagaagina afaaniif gumaachan galchuun barsiisuu.
  • 39. 3.9.1 Hiika Kennaa Addaa fi Dandeettii Olaanaa  Kennaa addaa fi dandeettii olaanaaf hiikni adda addaa irratti wal mormamaa ture wagoota hedduudhaaf kennamaa tureera. Akka Heward fi Orlansky (1988) keessatti caqasametti qaamni seeraa Amerikaa kennaa fi dandeettii addaa akka armaan gadiitti ibseera:  Kennaa fi dandeettii addaa jechuun barattoota hojii sammuu, kalqaa, aartii, dandeettii geggeessummaa, ykn hojii barnootaa murtaa’erratti raawwii fi dandeettii baay’ee olaanaa qaban ta’ee dandeettii isaanii kana caalaatti bakkaan ga’achuuf mana barnootaa keessatti kan barattoota kaaniif godhamu caalaa tajaajila addaa kan barbaadan dha. (Sec. 582, P.L. 97-35).
  • 40.  Daa’imman kennaa fi dandeettii addaa qaban jechuun daa’imman namoota ogummaa kanaa qabaniin addaan baafamanii beekamuu danda’an ta’ee hojii isaaniitiin raawwii baay’ee olaanaa kan qabanii fi amaloota armaan gadii keessaa tokkoon ykn tokkoo oliin kan ibsamuu danda’an dha.  Dandeettii sammuu waliigalaa (General intellectual aptitude).  Dandeettii waliigalaa gosa barnootaa murtaa’e (Specific academic aptitude).  Hojii kalqaa (Creative or productive thinking).  Dandeettii geggeessummaa (Leadership ability).  Hojii aartii (Visual and performing arts).
  • 41.  Kennaa addaa (gifted): Hojiiwwan sammuu kanneen akka wantoota hatattamaan hubachuu, madaaluu, rakkoo hubachuun fi furmaata itti kennuutiin namoota garee walfakkaataa keessa jiran irraa caalmaa guddaa agarsiisan dha (marland, 1972)  Dandeettii Olaanaa (talented): Ogummaawwan adda ta’an kanneen akka muuziqaa, hojii harkaa, ispoortii fi kkf irratti dandeettii fi ogummaa namoota kaanirraa baay’ee adda ta’e kan qabani dha.
  • 42. 3.9.2 Amaloota Kennaa fi Dandeettii Addaa a) Amala Yaad-sammuu  Wantoota wal xaxaa fi axereeraa ta’an saffisaa fi salphaatti hubachuu danda’u.  Dandeettii sababeessanii yaaduu olaanaa.  Odeeffannoo qabachuu, saffisaan qindeessuu fi hiika itti kennuu danda’u.  Beekumsa haaraa argachuuf fedhii fi hawwii guddaa qabu.  Xiyyeeffannoo yeroo dheeraa ( long attention span ) qabu.  Saffisaan barachuu.  Waan irra deddeebi’amuu fi haaraa hin taane jibbuu.  Waan tokkorraa ka’uun kan biraa hubatanii barachuu danda’u (Generalizes learning).  Dandeettii waa yaadachuu baay’ee olaanaa.  Dandeettii yaada haaraa hubachuu fi furmaata kennuu baay’ee olaanaa.  Fedhii bal’aa qabaachuu.  Naannoo tasgabbaa’aa keessatti barachuu fedhu.  Haala barachuu haaraatti salphaatti madaqu.
  • 43. a) Academic characteristics  Firii baay’ee olaanaa galmeessisuu  Hojii barnootaa tokko irra yeroo dheeraa turanii hojjechuuf dandeettii olaanaa qabu.  Hojiiwwan barnootaa akka dubbisuu,fi yaalii hojjechuu qofaa isaanii irra turanii hojjechuuf dandeettii olaanaa qabu.  Ogummaawwan barnootaa kanneen akka dubbisuu, barreessuu, fakkii kaasuu umrii isaanirraa eegamuun duratti gonfachuu.  Wal fakkeenyaa fi garaagarummaa wantootaa saffisaan hubatu.  Wanta baay’ee wal xaxaa ta’e tokko caccabsanii salphisanii hubachuudhaaf tooftaa mataa isaanii qabu.
  • 44. a) Amala currisaa fi Hawaasummaa  Amala of ceepha’uu qabu.  Rakkoo nama biroo akka kan ofiitti fudhatu.  Hiriyoota umrii isaanii olii filatu.  Waan itti fakkaate tokko ykn sirriidha jedhanii itti amanan tokko hammam yoo rakkisaa ta’e illee hojjechuudhaaf cimina guddaa qabu.  Miiraa fi fedhii nama biro sirriitti hubatu.  Hojii baay’ee al tokkotti raawwachuuf cimina addaa qabu.  Amala qofummaa agarsiisu.  Amala geggeessummaa agarsiisu.  Dhimmoota safuu hawaasaaf iddoo guddaa kennu.  Itti gaafatamummaa waan tokkoo ni fudhatu (take risks).  Of danda’anii waan tokko hojjechuuf dandeettii guddaa qabu.  Namoota biroo fakkaachuu hin barbaadan ( non conforming )  Dogoggora tokko malee waan tokko hojjechuuf baay’ee dhama’u.
  • 45. a) Amala Qunnamtii  Barttoonni kennaa fi dandeettii addaa qaban hiriyoota isaanii olitti dandeettii afaanii fi qunnamtii qabu.  Jechoota hedduu beeku; dubbisuu, barreessuu, dubbachuu irratti umrii itti eegaman baay’ee dursanii ogummicha gonfatu.
  • 46. 3.9.3 Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Kennaa fi Dandeettii Addaa Qabaniif Godhamu 1. Sirna Barnootaa Jijijjiiramaa(Differentiated curriculum)  Kun sagantaa baruu-barsiisuu akka fedhii barachuu dhuunfaa barataa sanaatti jijjiiramuu danda’u dha.Sagantichi raawwii hojii sammuu, waan axereeraa yaaduu, sababeessuu,mala rakkoo hiikuu uumuu, fi ofiin of to’achuu irratti xiyyeeffata.  Sagantichi qabiyyee tokko gad fageenyaan hubatanii beekumsa olaanaa gonfachuu, fi dhuunfaadhaan barachuu, waan tokko qoratanii bira ga’uu fi yeroo barbaachisetti immoo saffisiisuu of keessatti qabata.
  • 47. 1. Gabbisa(Enrichment)  Tooftaan kun dhiyeessa gochaalee fi muuxannoo dabalataa kitaaba barataatiin ala jiran filatanii sochii baruu barsiisuu keessa galchuu dha. Innis haala armaan gadii qabata.  a. Barattoonni toraban torbaniin yeroo murtaa’e hojii barnootaa kanneen akka waa kalquu ykn ogummaawwan yaaduu olaanaa ganirratti akka hirmaatan gochuu dha.  b. Daa’imman kennaa fi dandeettii addaa qaban gosa barumsaa murtaa’e dhuunfaa isaaniitiin akka gad fageenyaan qo’atan gochuu.  c. Barattoonni kennaa fi dandeettii addaa qaban beekumsa baratan gara hojii qabatamaa guyyaa guyyaa keessatti raawwatamu irratti akka hirmaataniif namoota gurguddoo isaan geggeessanii wajjin akka oolan gochuu.  d. Barttoonni hojiiwwan karoorfaman kanneen akka ogummaawwan yaaduu (Thinking skill), rakkoo hiikuu (Problem solving), fi hojii kalqaa (Creativity) akka shaakalan ykn hirmaatan gochuu.
  • 48. 1. Saffisa (Acceleration)  Kun barattoonni sirna barnootaa ykn qabiyyeewwan barnootaa mana barnootaa keessatti barataman yeroo baay’ee gabaabaa keessaatti akka xumuran gochuu dha.  Innis bifoota armaan gadiitiin raawwachuu danda’a:  a) Mana barumsaa dursanii galchuu (Early school admission): Utuu umriin isaa hin ga’in oolmaa daa’immanii ykn mana barumsaa sadarkaa 1ffaa akka galu gochuu dha.  b) Dareerra utaaluu (Skipping grades): Samisteera tokko ykn kutaa tokko irra darbanii kan biraa akka baratu gochuu dha.  c) Daree Teleskooppessuu (Telescoping grades): Wanta bu’uuraa baratamuu qabu yeroo gabaabaa keessatti akka xumuran gochuu. Fakkeenyaaf,sagantaa waggaa sadii waggaa lama keessatti xumuruu.  d) Bakka guddaatti ramaduu (Advanced placement): Barataan tokko utuma sadarkaa 2ffaa barachaa jiruu koorsii kolleejjii kennuufii.  e) Kolleejjii dursanii galchuu (Early college admission): Ijoolleen kennaa addaa fi dandeettii olaanaa qaban waggaa 13, 14 ykn 15 tti kolleejjii seenuu danda’u.
  • 49. 1. Mala Filannoo Adda addaa Fayyadamuu(Eclectic approach)  Sagantaa mala hunda fedhii dhuunfaa daa’imman kennaa fi dandeettii addaa qaban guutu of keessatti qabate dha.Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti mala gabbisaa, saffisaa fi akkasumas tajaajila gorsaa fi qajeelchaa kan of keessaa qabu dha. Amalli addaa sagantichaa inni kan biraa immoo waan barataan dareetti barate fi ogummaawwan akka qorannoofaa akka dagaagfataniif sagantaa seminaaraa qopheessuu fi akka hirmaatan gochuu dha.  Qabxiilee barattoota kennaa addaa fi dandeettii olaana qaban barsiisuuf nu gargaaran  Ogummaa fi saayinsii barsiisuutiin sirriitti leenjifamuu.  Sammuu dhaan bilchaataa, currisaan kan hin jijjiiramne, rakkoo namaa kan hubatuu fi amanamaa ta’i.  Nama hojii jaallatu fi tooftaa fayyadamu ta’i.  Wantoota rakkisoo ta’an amanii fudhadhu.  Mala baruu – barsiisuu kee jijjiiri.
  • 50.  Haala ijoolleen of danda’anii barachuu danda’an jajjabeessi.  Qabiyyeewwan barnootaa kanneen akka keessumaa afeeruun, daawwii dirreen, agarsiisaan, fi kkf’niin gabbisi.  Barattoonni qixa dandeettii isaaniin akka baratan eeyyamiif.  Nuffiin akka hin jiraanne barattoota kee ilaali.  Mana kitaabaatti akka gargaaraman, ogummaa qorannoo ( research skills ) akka qabaatanii fi haalota kana raawwachuuf leeccalloon akka mijaa’u godhi.  Barattoonni dhuunfaa isaaniitiin akka baratan haala mijeessi.  Qabiyyee barsiiftu keessatti tekinoolojii gargaarami.  Maatii fi hawaasni waa’ee kennaa fi dandeettii addaa akka beekan barsiisi.  Kennaa, hojii kalqaa fi raawwii addaa daree keessatti barattoonni mul’isan kabaji; jajjabeessi.  Gaaffilee dandeettii yaaduu olaanaa gaafatan daree keessatti kaasi.  Marii daree keessaa bifa ho’aa fi nama harkisuun akka jiraatu godhi.  Rakkoowwan furamuu qaban jiraatan godhi.  Daa’imman kennaa fi dandeettii addaa qaban waan isaan hin beekne tokkotti gad hin dhiisin. Bakka isaa karaa sirrii ta’een fi ijaaruu danda’uun ceepha’i. Ofii isaaniitiin of danda’anii akka waa hojjetaniif karaa sirrii itti agarsiisi.
  • 51.  Daa’imman hubama qaroo qaban amaloota isaanii armaan gadiitiin daree barnoota idilee keessaa addaan baafnee beekuu dandeenya. a. Amaloota Walii galaa  Akka Ysseledyke fi Algozine (1995) ibsanitti namoonni hubama qaroo qaban amaloota gurguddoo armaan gadii agarsiisu:  Iji diimachuu.  Morma jallisanii ilaaluu.  Ija tokko cufuu.  Ija human ol lilibsachuu.  Asii fi achi deemuurratti rakkachuu.  Dubbisuurratti rakkachuu, sararri irraa dubbisaa jiran jalaa baduu.  Waan fakkiirra jiruu fi ilaalamu sirriitti arguu dadhabuu.  Ifa sodaachuu.  Ijaa fi harka waliin qindeessanii waa hojjchuu dadhabuu.  Fuula walitti gudunfuu.  Waan dubbifamu baay’ee ofitti butuu ykn baay’ee ofirraa fageessuu.  Fageenyatti waa arguu dadhabuu.  Waldhayinsa qubeewwanii.  Yemmuu barreessan toora waraqaa eeguu dadhabuu.  Ammaa ammaa gufachuu fi qodaarra ba’uu.  Waan fageenyarra jiru yemmuu ilaalan ammaa amma morma sisirreeffachuu.  Dhukkubbii mataa ammaa ammaa.
  • 52. a. Dagaagina Yaad-sammuu  Yaad-rimeewwan baay’een ilaaluudhaan waan baratamaniif namoonni hubama qaroo qaban yaad-rimeewwan tokko tokko kanneen akka yaaad-rimee qalamaa hubachuuf ni rakkatu. a. Amala Barnootaa  Yaadni bu’uuraa itti daa’imman hubama qaroo qaban barnoota baratan kan warra hubama qaroo hin qabnerraa garaagarummaa yoo hin qabaannellee daa’imman hubama qaroo qaban amalabarnootaa armaan gadii agarsisu.  Gadi bu’insa firii barnootaa.  Barnoota tasa baratamu irratti murtaawoo dha.  Akkeessuu dhaan barachuu irratti rakkoo qabu.
  • 53. a. Amala Qaam-sochii  Qaro-dhabeeyyiin barsiifata sochii qaamaa adda ta’e kan akka raafamuu qaamaa, deemsa namatti hin bareedne, harkaa fi mataa raasuu ammaa amma mul’atu qabu. Ciminnii fi qindoominni qaamaa isaaniis gad aanaa dha.Hanqinni isaan ciminaa fi sochii qaamaan wal qabate agarsiisan kun kallattiidhaan hubamichaa wajjin kan wal qabatu utuu hin taane sababa sochii qaamaa adda addaa hin gooneef dha.  e. Amaloota currisaa fi hawaasummaa  Sababa rakkoo qaroorraa kan ka’e qaro-dhabeeyyiin maatii isaaniirraa fagaatanii hiriyoota isaanii wajjin taphachuuf, yaada wal jijjiiruuf ni rakkatu. Kun immoo walqunnamtii afaaniin ala ta’e ( non-verval communication ) akka hin barree fi hin fayyadamne isaan taasisa. Kanaafuu,hiriyoota isaaniin fudhatama hin argatan. Kanarraa ka’uun jireenyi hawaasummaa fi currisni isaanii jeeqamaa dha (ysseldyke and Algozine, 1995 ).
  • 54.  Amaloota qunnamtii  Dhaga’uudhaan odeeffannoo baay’ee ariitiidhaan ni guurratu.  Sababeessuu afaanii irratti ni rakkatu.  Walumaa galatti hanqinni qunnamtii afaanii bal’inaan mul’ata.
  • 55.  Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Hubama Qaroo Qabaniif Godhamu  Ysseldyke fi Algozine(1995) barattoota hubama qaroo qaban gargaaruuf tarsiimoowwan armaan gadii tarreessaniiru.  Baratichaa fi barsiisaa gidduu fageenya jiru hir’isuu.  Wantoota balaqqeessa’anii fi arguurratti rakkoo qaban hir’isuu.  Karaa gara balbalaatti geessu bilisa gochuu.  Barataan iddoo fedha isaa akka taa’u eeyyamuufii.  Foddaa, cufaa manaa fi kkf gar-tokkeen banuu dhiisuu, wantoota nama gufachiisan karaarraa kaasuu.  Wantoota bifa ilaaluutiin dhiyaatan ( video, fakkii ) sagaleen ibsuu.  Sagalee naannoodhaa jeequ hir’suu.  Wantoota barattoonni itti fayyadaman yeroo hunda bakka murtaa’aa kaa’uu.  Fuullee ijaatti gargaaramu yoo ta’e sirriitti hojjechuu isaanii mirkaneessuu.  Barreeffamoota, qorumsa, kitaabilee, meeshaalee, fi naannoo tajaajila barattoota rakkoo qaroo qabaniif akka tolutti mijeessuu.  Ifa ga’aa daree keessaa.
  • 56.  Barnoota qaro-dhabeeyyiif haalawwan mijaawuu qaban tokko tokko  Tarsiimoowwan armaan oliitti dabalataan meeshaalee fi haalota haalota mijaawoo armaan gaditti fayyadamudhaan barattoota hubama qaroo qaban gargaaruu dandeenya.Isaanis:  Meeshaalee bireelii.  Kaaseettii sagalee waraabu.  Kaalkuleetara haasa’u.  Meeshaa barreeffama guddisee iskiriinii televizyiyoonarratti agarsiisu.  Kaartaa bireelii(Braille atlases).  Giloobii argama wantootaa bireeliin ibsu (Relief maps and globs).  Abakasii.  Sarartuu bireelii.  Leenjii hubannoo naannoo ofii fi sochii.  Leenjii ogummaa dhaggeeffachuu.
  • 57.  Hubama dhageettii yemmuu jennu wanti sammuu keenyatti dhufu dhageettii dhabinsa guutuu dha.Garuu hubamni dhageettii dhageettii dhabinsa guutuu qofa miti.
  • 58.  Pasonella fi Care (1981) akka ibsanitti Hubama dhageettii jechuun jecha walii galaa kan rakkoo dhageettii salphaa irraa hanga baay’ee cimaa ta’e of keessatti qabate ta’ee dhageettii dhabinsa guutuu fi gurra jabina ( deaf & Hard – of – hearing ) qoodama jedhu kan of keessatti qabate dha.  Gurrana dhagahuu rakkachuu (hard–of–hearing): Hubama dhageettii fayyadama meeshaa deeggarsa dhageettiitiin (Hearing aid) ykn isa malee hamma tokko dhaga’uu fi qunnamuu dandeessisu dha.  Dhageettii dhabinsa/duudamuu (deaf): Hubama dhageettii fayyadama meeshaa deeggarsa dhageettiinis (Hearing aid) ta’e utuu hin fayyadamin sagalee dubbiif gargaaru dhaga’uu fi hiika itti laachuu hin dandeenye dha. Sagalee dhaga’amurraa waan hiika– qabeessa ta’e hin argamne dha. Safarri guddina sagalee isaan dhaga’anii 70 dB ol dha.
  • 59. 3.2.2 Amaloota Daa’imman Hubama Dhageettii Qabanii a) Amala Waliigalaa(General Characteristics)  Gearheart (1988) amaloota barattoonni hubama dhageettii qaban akka armaan gadiitti tarreessa.  Hanqina hordoffii (Lack of attention): Waan dubbatamu waan itti hin dhaga’amneef waan dubbatamu hordofuu dhiisuu  Dhukkubbii gurraa fi dhangala’aa gurra keessaa yaa’u.  Hanqina dagaagina dubbii (Lack of speech develoement).  Waan tokko raawwachuuf deeggaarsa hiriyaa barbaadu ( Dependence on classmates for instruction ).  Garaagarummaa guddaa dandeettii fi firii barnootaa gidduu ( Disparity Between expected and Actual Achievement ).  Gaaffii gaafatameef deebii wal hin simne kennuu.  Ajaja dubbii afaanii hordofuu dadhabuu
  • 60.  Yeroo haasa’an humnaa ol sagalee ol kaasuu ykn gad qabuu.  Waan dubbatamu tokko irra akka deddeebi’amu barbaaduu.  Kallattii sagalee wallaaluu.  Morma jallisanii dhaggeeffachuu.  Madda odeeffannootti dhiyoo taa’uu barbaaduu ykn sagaleen akka ol ka’uuf gaafachuu.  Jeequu fi aaruu baay’isuu.  Hirmaannaa gochaalee afaaniitiin qajeelfaman irraa of–qusachuu ( Reluctance to participate in oral Activities ).  Yemmuu maqaadhaan waamamu deebii laachuu dhiisuu.  Haasaa keessatti jechoota murtaa’an qofaatti gargaaramuu  Hojii gareef abbaa miseensota xiqqoo filachuu (Best work in small groups)
  • 61. a) Dagaagina yaad – sammuu ( Cognitive Development )  Akka walii galaatti dagaaginni yaad–sammuu daa’imman hubama dhageettii qabanii fi hin qabnee garaagarummaa hin agarsiisu .Garuu, sababa odeeffannoo karaa hedduu funaannachuu irratti rakkoo qabaniif warri hubama dhageettii qaban dagaagina yaad–sammuu irratti hanqina agarsiisu.  c) Amala barnootaa ( Academic characteristics )  Hubamni dhageettii dagaagina afaaniirratti dhiibbaa ni qaba.Rakkoon dagaagina afaanii immoo fiixaan ba’insa firii barnootaa irratti dhiibbaa ni qabaata. Bakka haalli baruu-barsiisuu barattoota hubama dhageettii qabanii hin deeggarretti firiin barnootaa barattoota hubama dhageettii qabanii gadaanaa ta’a.
  • 62.  d ) Amala Afaanii(Language Characteristics)  Namoonni hubama dhageettii qaban afaan irratti hanqinaalee armaan gadii agarsiisu.  Rakkoo sagaleessuu.  Rakkoo qulquliina sagalee.  Rakkoo jechoota baay’ee beekuu fi itti fayyadamuu.  Caasaan himaa isaan itti fayyadaman baay’ee salphaa fi kan hin jijjiiramne dha.  Hima baayee gabaabaa ta’e.  Hima hir’uu ykn hin xumuramnetti gargaaramu.  Dubbiisuu fi barreessuu ( keessumaa dubbisuu) irratti rakkachuu.  e) Amala Qaamaa(Physical or motor Development)  Hubamni dhageettii dagaagina qaamaarratti dhiibbaa hin qabu. Tarii barattoonni hubamni dhageettii sababa rakkoo keessa guraarra ga’een isaan qunname rakkoon madaallii qaamaa isaan qunnamuu danda’a.
  • 63. e) Amala currisaa fi hawaasummaa (Social /Emotional development) Hubamni dhageettii amalaa fi dagaagina currisaa irratti dhiibbaa ni qabaata. Daa’imman hubama dhageettii qaban amala mukaa’uu, qofummaa ni agarsiisu. Sadarkaan qunnamtii fi hariiroo hawaasummaa namoota hubama dhageettii qabanii maatii isaanii, hiriyaa isaanii fi hawaasa naannoo wajjin qaban ilaalcha namoonni namoota hubama dhageettii qabanii fi sadarkaa qunnamtii isaaniirratti hundaa’a.
  • 64. 3.2.3 Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Hubama Dhageettii Qabaniif Godhamu I. Gargaarsa karaa maatii godhamu  Ilaalcha gaarii ijoollee isaaniif qabaachuu qabu.  Maatiin akkaataa itti daa’imman hubama dhageettii qaban wajjin qunnamtii godhan ykn wajjin .haasa’an leenjii argachuu qabu.  Hanga dana’ametti qulqulleessanii haasa’uu.  Daa’imman carraan haasa’uu fi qunnamtii gochuu kennamuufii qaba.  Daa’imman gurra- jabina qaban sagalee guddistuu akka gargaaraman gochuu.
  • 65. I. Gargaarsa mana barumsaan godhamu  Ysseldyke fi Algozine, 1995 akka ibsanitti barsiisonni adeemsa bar-barsiissuu keessatti barattoota hubama dhageettii qabaniif deeggarsa armaan gadii kennuufii danda’u.  Baratichaa fi madda odeeffannoo gidduu fageenya jiru hir’isuu.  Suuta jedhanii dubbachuu fi sirriitti sagaleessuu.  Sagalee naannoodhaa jeequ hir’isuu.  Yemmuu barsiiftu odeeffannoo ilaaluudhaan guuramanirratti xiyyeeffadhu.  Bakka taa’umsa barataa bifa walakkaa geengootiin ( semi – circle ) qindeessuu.Kanaafuu barataa fi barataan akkasumas barataa fi barsiisaan rakkoo tokko malee wal argu.  Maddi ifaa fuuldura barataatiin akka hin jiraanne gochuu.Sababni isaa baratichatti calaqqisuun dubbisa hidhii akka hin dhorkineef ykn fuula barsiisaa arguu akka hin dhorkineef.
  • 66.  Barsiisaanis ta’e barataan yemmuu dubbatan fuula barataa hubama dhageettii qabuu ilaalaa haasa’uu qabu.  Barataan kun barumsicha hordofaa jiraachuu fi dhiisuu isaa addaan baasuuf gidduu gidduutti gaaffii gaafadhu.  Baratichis gidduu gidduutti waan isaa hin galle akka gaafatu carraa kenniif.  Meesahaa deeggarsa sagalee fayyadama yoo ta’e sirriitti hojjechuusaa mirkaneessuu.  Sochii qaamaa (gesture) yemmuu gargaaramtu naannoo fuulaa ykn hidhiirra xiqqoo fageessuun gaarii dha. Sababni isaa sochiin hidhii akka hin argamne dhorkuu waan danda’uuf.  Hiriyaa yemmuu ibsi godhamu yaadannoo barreessuuf qopheessuu.
  • 67.  Tarsiimoowwan gargaarsaa kan biroo  Af-latoo gara afaan dubbiitti nama hiiku (Interpreter tutors).  Piroojektara fayyadamuu (Using overhead projectors).  Daa’imichi meeshaa deeggarsa sagalee (Hearing aid) akka fayyadamu gochuu.
  • 68.  Rakkoo currisaa jechuun hubama namoota umriin, aadaan,qomoon,fi kkf walfakkatan keessaa rawwii isaaniitiin adda ta’anii akka mul’atan gochuun milkaa’ina barnootaa, hawaasummaa, fi kkf irratti dhiibbaa irraan ga’an dha. (Zionts et al., 2002).  Taylor fi Sternberg (1989), Garwood (1983) rakkoo currisaa akka armaan gadiitti ibsanii jiru:  Rakkoo currisaa jechuun hubama yeroo dheeraaf ykn dhaabbataaf barataan amaloota armaan gadii akka agarsiisu godhuu fi fiixaan ba’insa barnoota isaarratti dhiibbaa kan fidu dha:  Hubama kan biraa utuu hin qabaatin barachuu dadhabuu.  Hariiroo hawaasaummaa gaarii hiriyoota ofii fi barsiisota wajjin uumuu dadhabuu.  Haalawwan nagaa fi qajeelaa keessatti gammachuu fi tasgabbii dhabuu.  Gammachuu dhabuu fi mukaa’uu.  Mallattoolee mul’atoo ykn sodaa dhuunfaa fi rakkoolee mana barumsaan walqabate agarsiisuu.
  • 69. 3.3.2 Amaloota Daa’immaan Rakkoo Currisaa fi Amalaa Qabanii a) Amala waliigalaa  Ammaa amma teessuma isaaniirraa ka’uu fi daree keessaa gad ba’uu baay’isuu.  Amala addaa agarsiisuun daree keessa asii fi achi deemuu baay’isuu.  Sagalee guddaa dhageessisuun iyyuu.  Warra kaan jeequu.  Hangafootaa fi ykn barsiisotaaf ajajamuu diduu.  Himannaa baay’isuu.  Hanna.  Qabeenyaa balleessuu.  Falmii baay’isuu.  Dhugaa jallisuu.  Nyakkee (temper tantrums).  Garee keessaa hiriyootaan baafamuu.  Hojii manaa fi daree xumuruu dhiisuu.
  • 70. a) Amala Yaad-sammuu  Dandeettii xiyyeeffannoo fi yaadachuu gad-aanaa qabu  Qorumsa dandeettii sammuu ( intelligence test ) irratti firii giddu galeessaa gad galmeessisu.  c) Amala Barnootaa  Firiin barnootaa isaanii gad-aanaa dha.  Barnootarratti rakkoo qabaachuun rakkoo currisaaf nama saaxila. Akkasumas rakkoo currisaa qabaachuun immoo barnootaan milkaa’oo akka hin taane nama godha.  Seera daree keessaa cabsuu fi naamusa barnootaan ala ta’uu.  d) Amala Qaamaa  Ijoolleen dhibee currisaa hamaa qaban hedduun qaamaan ijoollee biroorraa adda addummaa hin agarsiisan. Garuu, kanneen hubama qaamaa cimaan isaan mudate rakkoo currisaa uummachuu danda’u. Kan akkas isaan taasisu immoo namoonni hubama hin qabne isaan irratti ilaalcha gad – aanaa waan qabaniif dha.
  • 71.  Amala Qunnamtii Daa’imman rakkoo currisaa fi amalaa qaban rakkoo qunnamtii hammas beekame hin qaban Garuu namoonni rakkoo “schizophrenia” jedhamu qaban takka takka rakkoo afaanii fi qunnamtii ni agarsiisu.
  • 72. 3.3.3 Deeggarsa Barnootaa fi Xiin-hawaasummaa Daa’imman Rakkoo Currisaa fi Amalaa Qabaniif Godhamu  Xiyyeeffannoo barsiisaa (Teachers’ attention): Daa’imman yoo barsiisaan xiyyeeffannoo kennuufii dhiise amala hin taane agarsiisu. Kanaafuu barataan amla gaarii akka agarsiisuuf xiyyeeffannoon barsiisaa barbaacissaa dha.  Barattoota amala gaarii agarsiisan jajuu.  Amala sirrachuu qabu battalatti sirreessuu (Immediate correction).  “Time out”: Mucaa amala hin barbaachifne agarsiise tokko saa’atii murtaa’eef bakka biraa tursuu. Asirratti wanti hubatamu iddoon itti erginu sun kan miidhaa hin geessifne ta’uu qaba. Saa’atiin isaas murtaa’ee kabajamuu qaba.  “Response cost”: Daa’ima amala hin taane agarsiise tokko gocha jaallatamaa inni raawwataa jiru irraa dhorkuu dha. Fkn utuu fiilmii ilaalaa jiruu yoo jeeqe akka fiilmii hin ilaalle gochuu.  “Token economies”: Mucaa amala gaarii agarsiise tokkoof badhaasa laachuu.  “Contingency contract”: Yoo ati amala gaarii akkasii agarsiifte ani immoo waan akkasiin siif godha jecuun walii galtee uumuu.
  • 73.  Ysseldyke fi Algozzine (1995) barattoota rakkoo currisaa qaban gargaaruuf tarsiimoowwan armaan gadii akka fayyadamnu tarreessu: 1. Amaloota gaarii daree keessatti agarsiifamuu qabu barattootatti beeksisi. 2. Namni hin agarsiifnes akka adabamu ibsiif. 3. Amaloota qajeeloo mu’atan dinqisiifadhu. 4. Amaloota hin taane sirreessuu irratti ejjennoo wal fakkaataa fudhadhu. 5. Amaloota gaggaarii barsiisi, shaakalsiisi. 6. Yeroo amalootni gaariin mul’atan badhaasi ( Badhaasni bifa garaagaraa kanneen akka jajuu illee ta’uu danda’a ) 7. Barattoonni akka currisa isaanii to’atan barsiisi. 8. Yeroo tajaajila olaanaaf gara nama biraatti ergitu sadarkaa umrii barataa sanaa hubannoo keessa galchi.