SlideShare une entreprise Scribd logo
QORICHA MARAATUU
© Magarsaa Qana'aa
Asoosama
Teessooo:
Mob.0917099505
Mob.0925845957
Email: megiikenea2015@gmail.com
Facebook: Aagaa Buuree Ergee
Gulaaltota:
1. Dhaabaa Wayyeessaa (MA)
Gaazexeessaa (VOA), Ogeessa fiilmii, barreessaa
Asoosamaaf fiilmii, gulaalaa kitaaboleetis.
2. Fedhasaa Taaddasaa (MA)
Barsiisaa, barreessaaf gulaalaa kitaabole.
Mirgi abbentaa seeraan eegamaadha. Kitaaba kana hayyama
barreessaan ala gartokkees ta'e guutummaan maxxansuun
raabsuun seeraan nama gaafachiisa.
Maxxansa lffaa Sadaasa, 2/2008/15
Maxxansa 2ffaa sadaasa 2/2010/17
Finfinnee Oromiyaa
Yaadannoo
Maraattotta qullaa Magaalaa keessa fiiganii dhagaa darbataa, warra
hidhamanii hiikamanii, hidhamanii hidhaan dadhabeef: yaadannoo
haa ta'u.
Isa abjootee abjuu ta'ee hadoodee raatuu ta'ef, nama sobni quufee
lafa dhiinnaan, dhugaan mataa buusee qooknaan, miilli mataa
hooqnaan, kansaa ormaaf taanaan, ormi qe'ee dhuunfannaan
maraateef....
Dhuguma Seenaan nama maraachiiti !
Jara Seenaan maraachite, maraattota qullaa buusan, warra huccuu
keessatti maraataniif, maraatuu waan barbaade dhabee maraate,
maraatuu qoricha dhabee hidhaaf reebichaan jiaratuuf yaadannoo
haa ta'u!
Akkasumas rak:kattoota daandii gubbaa taa'anii kadhatan kanneen
naannoo mana amantaa, qaxxaamura karaaf gabaa keessa
adeemanii harka facaasanii kadhatan sanaafis yaadannoo haata ··· u.
Yeroon akkas jedhu namootan maqaatiin beekaa ture Dhibhi-.aa.
Qumnagar Warquu, Dhugumaa Siyaannee... fa'i11111 11a11i
yaadatama. Biyyoon isaanitti haa salpatu! malee utuu d11'a1111 11111
badiin isaan kadhattoota magaalaa Hindeef ummatn 11111111111111 ~1111.w
biratti beekamoof jaallatamoo turani. Carraa kannui fuyv:ul:1rnct'11
warra hiddi isaanii gogee qacceen isaanii gnhunhhull' kana warra
nama yaadatu hin qabne yaadadhen isin ya11d11d1iisa.
Yaadannoo
ii
111
Galata
Dursa isa amma jedhe ga'u, isa akeeka isaa bakkaan gahatu, hin
jijjiirarnne, uumaa umama isaa kabaju, angafa nagaa Uumaa
keenyaaf galanni macca hundumaa biraa isaaf haata'u.
Akkasumas warra utuu hin baratiin baranii na barsiisan, "Baradhuu
bari'. Barii barreessi! Barreessii nuuf dubbisi! Dubbisii nuuf
dubbadhu! Duubbadhuu dubbachiisuuf!" natti cabanii warra na
guddisan abbaakoo Qana'aa Wiirtuuf Harmeekoo Nagaashee
Gammachiisiif galanni qofti hin malu.
Obbolaankoo kan waliin dhalanne, Urgee Qana'aa, Alamituu
Qana'aa, Qalbeessaa Qana'aa, Ayyaantuu Qana'aaf Amaanu'el
Qana'aa jara bu'uura milkaa'inakooti. Nan gal~teeffadha.
Yeroon barnootakoo sadarkaa addaa addaa baradhu mara kan
deggersi isaanii na biraa hin dhibamiiniif kitaabni kunis amma
xummura argatutti Ogummaatiin na wallaanuu bira darbanii
abbumaa isaa fudhatanii Ispoonsera kan naaf ta'an, jaalleef hayyuu
uummata Oromoo Eessumakoo Dhaabaa Wayyeessaaf maatii
isaaniif kabajaaf jaalalan qabuuf ibseen galateeffadha.
Nuffii tokko malee jalqabaa anga xummuraatti Rispoonsera hojii
kanaa kan naaf ta'e Abdii Taakkalaaf galanni ani qabu qofaatti.
Yeroo yerootti gorsaaf tumsa cimaa naaf kennuutiin obsaaf
ogummaa kan naaf ta'an Daadhituu Bayyaneef matii isaanii
hundaatu utubaa milkaa'nakootii ta'ee natti mullata.
Hiriyyoonnikoof michoonnikoo warri jalqabaa amma xummuraatti
na waliin yaadaan itti gubachuu irra clarbanii galma ga'insa isaaf
iv
kan mala dhahaa turan; Darajjee Dheeressaaf maatii isaa, Ecbbisaa
Tarrafaaf maatii isaa, Mallasee Argawuuf maatii isaa, Guddinaa
Toleeraaf maatii isaa, Rattaa Guddataa, akkasumas Biraanuu
Sanbaatoo sabni Oromoo afaan isaa, aadaan isaaf Ogbarruun isaa
ittiin baballate ana waliin haa galateeffatu.
Michootakoo Eebbisee Dagaagoo, Aster Mardaasaa, H/W
Alamaayyoo Abdiisaa, Shibbiruu Nagaasaa, Balaay Alamuuf
Tsagaahee Waajjiraafaa warra amma ani xummuritti akka Haaroon
arka gara waaqaatti naaf qabanii tumidha. Naaf haa jiraatani.
Oggummaa barrreeffama kopuuteraan kan itti naaf dadhaban,
Caalaa Fiixee, Aster Mardaasaaf maatii ishee guddaan
galateeffadha.
Fakii qola kitaaba kanaa irra galuuf kan suura isaanii naaf
arjooman Warqinash Duuressaa, Daawit Algaaf Sooromee
Tafarraa galanni isaanii kan onnee koorraa maddedha.
Qola kitaaba kanaa kan maxxansa 2ffaa akka
fooyya'een akka dhiyaatuuf kan naaf dhadhabe
Gammadaa Olaanaa daddabaleen galateeffadha.
kanatti bifa
hayyuu keenya
Yeroon akka Sinbira mana gadhiiftee ta'ee, akka Hos11111111,
adamsame kan golgaa naaf ta'an Warqish Ayaanaaf rruuuii isaaniii
galannikoo dilbii hin hirranne ta'eefii, gurnaachi isaanii s1111 11aar
isaan biratti Siidaa yaadannoo haata'u.
Namoonni ani utuun maqaa isaanii hin xuqiin yeroo hundumaa
galata isaanii Alala guuraa deddeebi'u heedduudha.
v
Abdii Taakkalee Hundeef
Abdi! Ati hin miixatte. Ani nan ofkale! Utuu ati dhimma kana
dhimmakee hingodhanne ta'ee amilee maaliitiinan hojjedha!
Gumaachikee tokko lama miti. Kitaaba kana sikeessattan
dubbiseen barreesse. Kennaakee humnakeef qabeenyakee caalaa
inni ati yeroo wal arginu hunda jalqabaa kaasee amma
xummuraatti, isan irra deddeebi'ee seenaa kitaaba kanaa sitti
odeessuuf yerookee naaf kennitee utuu na hinnuffiin isa ati obsaan
na dhaggeeffattee gorsaaf jajjabina naa kennaa turte sanatuu
tilmaama hin qabu! Dhamaateenkee kun kan nama tokkoof
hoolame miti! Kan lammii keenya maraaf hoolamedha. Kun
dhoksaa milkaa'ina keenyaati. Lammiikeef jiraadhu. Kan akkakee
nuuf haa margu!
vi
I
J.
Dhaamsa
Barreeffaman barreessaa ture bifa kitaabaan isiniif dhiyeessuun
anaaf isa jalqabaati. Gara fuula duraatti wantootni ani sirreeffadhu
akka jiran nan beeka.
Ani Asoosama mata dureen isaa "QORICHA MARAATUU"
jedhu kana akkan barreessuuf wanti na kakaase waa heedduudha.
"Dugda hindhungatanii, hunda hin dubbatanii" jedhu, warri
keenya. Isaan sana amma waanan tarreessu miti. Garuu jabina
Waaqayyoon jalqabee gara xumuraatti fideera. Ta'us ani hundan
barreesse miti. kaan isiniif, kaan ofiifan dilbii hanbifadhe.
Dubbisuuf barreessuu waliin jalqabne kana walumaan haa
xummurrun dhaamsa kooti.
Hub:- Dubbistoonni koo Asoosama kana keessatti dogoggora
Aadaa, Afaanii, Qubee, Seera uumaaf uumamaa yoo argitan,
dogoggora kooti; malee kan Aadaa keenyaa ykn kan uumaa
keenyaa akka hin taane himeen "Na hofkalchaa" isiniin jedha..
► Yeroo dubbistan miira dubbisaa keessa seenuudhaan akka inni
isin taasise ta'aa dubbisa. Fkn:- Yoo inni isin gaddisiisc
gaddaa, yoo isin boosise boo'aa, yoo isin dallansiise dallanna,
yoo isin kolfisiisee kolfaa, yoo isin sirbisiise Amantaa keessan ,
of keessatti eeggadhaatii sirbaa, yoo isin ciibse ciisaa
abjoodhaa, yoo isin ajjeeses du'aa, yoo isin muraaches huccuu
of irraa baasaa, yeroo fayyitan uffadhaa. biyya .inni isin geesse
deemaa, waan inni isinitti mullisu ilaalan! Kun amala inni of
keessaa qabu dha.
vii
,,, Ka'umsaaf xumura seenaa kanaa beekuuf jalqabaa amma
xurnuraatti yoo xiqqaate si'a lama utuu gargar hin kutin duraa
duubaan dubbisaa.
Ijoollotni dandeettii dubbisa dheeraa hin horatiniif
«1n,rnuudhaan hin bilchaatin utuu bara kanaaf ga'aa ta'ani naaf
:1nbbisanii hawii kooti,
, feroo dubbiftee xummurtu kitaaba kana argattee dubbisuu
keetii kan gammadde yoo taate waa sadii godhi:
I: Bilbiliitii yaada naaf kenni!
2.Kitaaha kana nama baayyee jaallattu, kan kitaaba dubbisuu
akka amaleeffatu feetuuf tookko bitii kennaa godhii kenniifi.
.:Kitaaba kana iddoo gaarii kaawwadhu. Namaaf hin ergisiinis.
Dubbisa gaarii
viii
1
Rooba buubbeen dhaalame... mukeen gurguddoo irraa damoota
harcaasee, guddaa qullaa dhaabee salphisu! Biqilaa lafarraa
buqqisee duguugee mancaasu!..: Mana diigee namas tamsaasa!
Buubbeen sun obonboleettii makatee biyya rakkisa. Isa yoroo
Naqamteen dhaabatanii ilaalan tulluu Koomtoo ol ambisee....
Warri beekan "Bokkaa karaa Koomtoo dhufeef dubbii karaa
Qoonqoo... " jedhu.
Amma waaqatuu sabasaaf yaadee sabbata isaa diriirse! Sechi
kichuun buqqa'ee guddaan salphachuun itti hin fufu! Manni
diigamee namni tamsa'uun raawwateera! Ganni darbee birraan
bari'ee yeroon weedduus ga'eera! Abaaboon daraaree sinbirroonni
weeddisanii, sagaleen Gugees dhagaa'amuutti jira. Hurriin gaarren
irraa sokkee, fagoon dhiyaatee, dukkanni ifee, dhokataan
mullachuutti jiru. Tulluun, dachaan, dirreen ifanii qulqullaa'anii
argamu. Waan gammadan fakkaatu!
Daraaraan daraaree urgaa'ee, Boqqolloon bilchaatee asheetiin
nyaatamuu eegalee, Agadaan harraba babbaafatee nama harrabsa!
Ifti biiftuu ganamaas nama daawwachiisa, bakkeetuu miidhaga,
lafatuu ifa, qilleensatuu... shiw... shiw... shiw... jedhee,
qabbaneessa. Jireenya ilma namaa fakkata!
Yerroo tolu .....
Hojjennaan milkoofnaan... , abjoonnaan dhugoomnaan ...
dorgomnaan mo'annaan ... haggaamnaan qabannaan, barbaannaan
argannaan, akka bofaa muuxatul ni haara'u! haaraata'u! keessa
namaatuu gagammada. Abdiituu daraara. Abjuutu bilchaata.
miilatuu nama fiiga. qalbiituu deebee gala. utuu hinyaatiin
1
-
gabbatu. soda malee dubbatu. fuula namaatuu ifa. dukkanatuu
sokka!
Yeroo bari'us waan hindhiine fakkaata. Ofii garuu ifnis dukkannis
yeroo qaba.Yeroo ifutti ifee yeroo dukkanaa'us dukkanaa'a. Suuta
suuta iddoo waliif gadhiisu. Isaaniif seera. seera Uumaa uumamaa.
Utuu dukkanni hin jirree ifti galata hin qabu! Utuu ifni hinjirree
dukkanni hinbalfamu. Dukkana guyyaa bineensaa, kan bineensi
keessaa wacu! Inni nama nyaatu, inni guyyaa balfu, kan keessaa
guungumu! Dukkana golgaa fafaa kan budaan keessaa waastu!
budaan nama nyaattu, kan guyyaa namaa halkan bineensa! kan
guyyaa dhokatu halkan bakkee keessa!, kan halkan hasaasu
guyyaan bakkee baasa! warra halkan hamatut guyyaa ija dheessa!
Hundumtuu yeroo ofii isaanii keessatti dachee kana irratti waan
danda'an hojjetu. hangafaaf quxisuu fakkaatu. Eenyu akka hangafu
namni beeku hinjiru yoo ta'e iyyuu uumaan uume beeka.
Afaan Uumaa keessaa kan dursee ba'e garuu dukkana. Akka
dukkanni dursutti dubbata. Dukkana Limixiitu lafa uffisee ture.
Isaa booda kan urjiin, Jiiniif kanneen halkan yeroo asii ol ilaalan
gombisaa bantii waaqaa jelaan akka xomboraa achii gadi ilaalanii
dukkana sana ibsan uumaman. Utuu isaan amma humna isaanii itti
hin dadhabne ta'ee dukkanni kun hamaa ture. amma Aduun ba'utti.
Galanni urjootaaf ji'a sanaa hinbadiin. isaantu hammasuu
sodaachiise.
Isa booda, kan ifti dhugaan baanaan dukkanaan "Halkan"
jedhamee, guyyaadhaan "Guyyaa" jedhame. Hamma Biiftun
baatutti wanti ifaaf dukkana addaan qoode hin jiru. ifti booda
dhufe. dukkana booda. kanaaf kan dura dukkanaa'ee booda ifa;
2
l
kan dura ife booda dukkanaa'a; Isas dabaree isaa dukkanatu
eeggata. Kanaaf ifee dukkaneessa. Kan dukkanaa'e erga hin ifa
ta'ee iftis dabaree isaa dukkanaaf bakka gadhiisa.
Dukkanaa'uun waan in oolleef golaa ifa. Akka ifu waan beekuuf
hammaatee dukkanaa'a! Garuu dukkanni kun isa kami?
Isa guungumnaan dhagaa'amee iyyannaan maraatuu jedhamani?...
isa Gurri dhaggeeffatee dhaga'ee Harrabni adoodee dubbachuu
didu?
Kan garaan haasa'ee boonyaan ilkaan qasa'ee kolfu! kolfa ilkaanii
isa Garaan abidda baatu!
Tarii isa himatanii himatamanii, guyyaan dukkanaa'ee, Qaroon
keessa ofii ciimma'u sanaa? isa abjuun abjuu ta'ee hafee... qalbiin
akka culuuluu Dabaaqulaa....akka firii Baachoo ... akka buqqee
Seexanaa.... Rarra'ee taa'u!.... waan kaa'an fuudhuun dhibee waan
fuudhan kaa'uun dirqama ta'u kanaa?....
....kan utuu hin haasa'iin haasa'amanii, utuu hinargiin gaafataman!
yeros taa'anii adeemu! ciisanii fiigu! Hin ulfaa'iin da'u! argamanii
dhibamu! Kanaaf, waanti hundumtuu Ilkaaniin ta'a! Ilkaaniin
gabaa ba'anii IIkaaniin gurguramu ! llkaaniin bitamanii, irbaata
Ilkaanii ta'u !
Kanneen kanatuu wal nama gansiisa. utuu ilaalanii argaa wal nama
saalfachiisa!
Yeroo Arrabni lama ta'u gar-Iamatti huasa'unil gar-lamatti
warroomu! kana dukkanni guyyaa dukkunccssu! nama namummaa
gansiisee bineensa taasisa! dukkanni hamaan kana!
3
....haasa'anii hin ofkollan taanaan akka Gaayyaa mataatti abidda
baatanii garaatti bishaan calalanii qoqu ! kami dukkanni kana
caalu?
Ifti jedhamus kami? Isa gogaa jiidhaa godhanii soba dhugaa
taasisanii? beekaa wallalaa taasisanii... wallaalaa mataa beekaa
irratti hagsiisanii? du'aa weeddisanii, geeraranii jiraachisanii, isa
jiru ajjeesanii? isa gurraachaan adii jedhanii gurracha addeessanii?
kanaa ifti?
Moo... isa sanyoon gola dhaallaan dhirsi ala taa'u!? Tarii isa
aduun iftee dachee kana ibsituu?
Hundumtuu yeroo isaaniif kenname keessatti warri ifanis ifanii
dukkanaa'uf, warri dukkanaa'anis dukkana'anii ifuuf dabaree
walsaamu.
Yeroon kan isa yeroon hojjeteeti! Isa darbe jajuun isa har'aa
tuffachuudha! Nama yeroof taa'eef yeroon hin teessu!
Warra yeroo keennameef keessaatti taphatanii dirree gadi
dhiisaniif yeroon tapha kubbaa millaaf kenname daqiiqaa
sagaltama qofa.
Yoo taphni gartuu lamaanii wal-qixa ta'e daqiiqaatu dabalamaaf.
Hamma sanaatti qabxiitu bekama malee mo'aaf mo'amaan hin
beekamu. Hamma kun ta'utti eenyu iyyuu eenyuuf dirree
hingadhiisu. Hamma humna isaa keessaa gangalata malee. Yerootu
dirree keessaa oofee baasa. abbaan seeraa ofii maqaa bada.
Yoo kana ta'uudhaa baate taphichi tapha ijoollee isa isaan
moofaa bututtuu hodhanii tapahatan ta'a. warra goolii malee
daqiiqaa hin lakkoofne !
4
Warri keenya warri naannawaa Magaalaa kanaa naannaa'anii
jiraatan.ta phattoota wayaa taphaa uffatanii dirree marsanii
jabeenya qaamaa hojjechaa jiran fakkaatu.
Warri dirree seenanii jiran, warra yeroo beekanii yeroo kennameef
keessatti taphatanii kan ba'an yoo ta'aniif, isaaniis dabaree isaanii
seenaanii taphachuuf waan qaama ho'ifachaa jiran fakkaatu. "ija
jabeessaaf falli hindhibu" jedhani. warri taphachuuf malan bakkee
jiru.'Ormaaf miila dachaafachuun isaaf miilla diriirsuudha!' Ofiin
jalaa maqanii, tokko tokkoon ol naqanii, gadi bahanii har'a akka
itti ol galan dhabani.
Ammas wayaa ispoortii uffachuun taphataa nama hin taasisu.
Baay'ee sosocho'uunis hamma hafee jiru bulleessuudha. Nan kufa!
Nan caba! Jechaa yoo taphatan, hin kufu! Hin cabu! yoo kaayyoo
ofiif wareegamuuf faarsan immoo kaayyoon ofii hincabiin malee
seenaan cabaa wal'aanti.
Warri seenaa hinbeekne garuu seenaa booresanii seenaa dhabu.
Nama seenaa qoratee, seenaa beekee seenaa hordofuuf garuu
warri seenaa hinbeekne yoo wallaalani illee seenaan hinwallaaltu.
Isa du'eef isa jiru mararreeffattee faarsitee faarfatti.
Kan seenaa wallaalan akkuma jiran uummata akkas biyya garaa
garaatii dhufee walitti narnrnee seenaa balleesse kana keessaa
Magaalaa kanatti dhalatanii guddatanii akka gnuriitti ijoollonni
gurguddootaa durii caalaa seenan beekanjiru. B1111y'cc namoota
Magaalaa kanaa akka jireenyaaf wal mukuu namoota qomoo
addaa addaatu dagaachiise. Kun qofti» hinibsu,
Firaa'ol haadha warraa isaa Seenaaf Aadde Qananii fudhatee
Asoosaatii hojiin jijjiramee erga dhufee jiraata Magaalaa kanaa
5
ta'ee baatii lama lakkoofsiiseera. Kutaa Bulchiinsa Magaalaa
Buraayyuu Saansuus lammaffaa, naannoo mana adabaa
(sirreessaa) dhiiroota. Mana Kireeffatee jiraata.
Magaalaan Buraayyuu Magaalota addaa godina addaa naannoo
Finfinnee jedhaman keessaa tokko. Magaalaa guddaa Finfinneerraa
gara lixaatti argama. Yeroo baay'ee uummata Oromoo shawaa
lixaaf godinaalee wallaggaa Arfan keessaa dhufantu
hedduumrninaan keessa jiraata. Firaa'olis isaan keessaa tokko
ta'eera.
Seenaan, dadhabbii waan qabduuf yeroon da'umsashee geenyaan
Qananiif Firaa'ol qophii barbaachiisu xumuraniiru. Firaa'ol
galgala galgala yeroo hojiitii gara manaatti galu mooraatii ala
baasee naannoo mana isaanii irraa utuu hin fageessiin daandii
qaqal'oo keessa keessaa sanarra adeemsiisee miilla hikkaachiisa.
Waan Dookteroonni jedhan hojiirra oolchaa jira.
Yeroo dhi'oo as Seenaan nageenyishee jeeqamaa dhufe. Guyyaa
tokko yoo mataa himatte guyyaa tokkommoo laphee himatti.
Darbitee darbitee garaa ciniinnaas hin himatti. Waan itti cimeef
malee akka aadaa Oromootti dubartoonni garaa dhukkubbii hin
himatani. Seenaanis kana beekti.
Seenaan gara laphee himattee hin beektu. dhukkuba dhiyooti. erga
kanaan qabamtee dhi'ee bari'u dhibeen isheen himattu dha'annaa,
rukkuttaa lapheeti. Waan isheen himattuuf dhiiftutu wallaalame.
Nyaata dhiiftee qal'attee muka calii taateetti. iji keessatti
addaateera. manni yaalaa isaan hinhafne. dhukkubnishee
Dookteroota biratti "kana! Sana!" hin jedhamu. Jelaa dhokataadha.
6
l
Kan akka Dr.Wandimmuu Xilaahun wajjiin marxifntt.· hlnjiru.
Firaa'ol wajjiin yeroo gabaabduu Seenaa deddeebisee ihu1khis1111
ture keessatti michuu waliif ta'ani. Qooqni isaan ittiin walii g11l1111
Afaan Oromoodha. Lamaan Isaanii iyyuu afaan Oromoos tu'c
afaan Amaaraas sirriitti danda'u. Kan afaan Amaaraa haaraa itti
ta'u, Qananii qofa. Seenaan hamma tokko hin caccabsiti.
Dr.Wandimmuun walitti dhufeenya isaan wajjiinii ho'Ifateera.
Yeroo beellama Seenaa bilbilee Firaa'oliin waama... yoo isaan
dagatan. Jaalalaaf kabaja isaan waliif qabanitti guddaa gammada.
Firaa'oliif Seenaan har'as akka yeroo ijoollummaa isaanii sana
haasa'anii taphatu. Dubbannaan osoo hintaane ilaalcha ija isaaniitu
odeessa.... Jaalala isaani. Kan Dr.Wandimmuu qalbii hate isa
kana. yeroo hundumaa yeroo isaan argu yeroo isaa akka qircaa
qoqqoodamtee hanqattu sana keessaa isaan wajjiin hindudubbatiin
hinhafu. Jireenya isaanii sana dharra'a.
Beekumsa fagoo, jireenya ga'aa otoo ofharkaa qabuu jireenya
namaa hawwa. Namni uffatee nama keessa adeemuu isan beeku
malee mana keessaa abiddarra wal kaa'anii wal gubu .
Dr.Wandimmuuf Tigist. Wal jeequ, wal hammacu, wal w111u.h1 .
Abiddatu isaan gidduutti boba'a. ol galanii gadi ba'anli, ~11yy1111,
dhi'ee bari'u mana dubbii ta'aniiru. Jaarsoliin, hiriyyootni,
gaggeessitootni amantaa... jaarsummaa isaanii taa'an ii tl11dh11ha11 i.
Al meeqa araarsinaan al meeqa wal diigani. Wanti is1u111 himntaniif
wanti isaan wal dhaban wal hin beeku. Ynnnni is111111ii akka
dhunguu Harree wal bira darbaadha.
Yeroo dhi'oo as immoo haalli isaanii ukka malee hammaataa
dhufe. Dr.Wandimmuun darbee darbee malee mana hingalu. Kun
immoo isas hamaa fakkeesse. Isa garuu haala mana keessaa
7
calaqqisu sanatu mana isa jibbisiise. Tigistis "Mana kooti" jettee
akka manaatti mana qabattee hinjirtu.
Yaadnishee, qalbiin ishee bakkee jira. bakkee hin bulleef malee.
Hundumtuu walitti qeerramsa... yeroo wal argan. Kanatu jireenya
warra jireenya isaanii ho'ifatanii jiraatan hawwiisiisa
Dr.Wandimmuun.
****
8
2
Duratti maatiin Dr.Wandimmuu dhaloota achii miti yoo ta'e iyyuu
Godina Qelleem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan
Machaaraa jiraatu. Dr.Wandimmuun achitti dhalatee guddate.
Yuuniversiitii Jimmaati kan inni Dookteeran eebbifame. Akkuma
eebbifamee ba'een · Finfinnee Hoospitaala Phaawuloositti
ramadamee hojjechuu eegale. Yeroo boqonnaa isaatti
Hoospitaalota, Kilinikoota miti-mootummaa ta'an irra deemee
hojjeta.
Dr. Wandimmuun amantaa isaa jalqabuma irraa eegalee akka
gaariitti hordofa. Yoo kaaniif yeroo dhabe illee waaqeffannaa
isaaf yeroo hin dhabu. Achittis koree adda addaa keessa galee
hojjeta. Tigistinis achitti bare.
Tigist abbaashee Taganyiif harmee ishee Tsadaaluu irraa Godina
Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa horroo Ganda rifeentii
Caabiritti dhalatte. isaan biyya sanaaf galaadha. malee dhalataa
biyya sanaa miti. ta'us akka biyya sanaatti sooreessi beekamaan
Obbo Taganyi ture. Akka qabeenyaan cimaa dhufeen maatii isaa
hunda sassaabbatee Magaalaa Finfinneetti gale. Tigistis harka
caalu Finfinneetti guddatte. Maatiin ishees ta'e isheenis akka
gaariitti amantaa isaaniitti cichu. Amantaa Ortodoksi.
Tigistiif Dr.Wandimmuun yeroo wal baran, Tigist barattuu kutaa
kudha tokkootti. warrishee akka gaariitti guddisani. Carraan
namootni itti ishee barbaadanii argatan dhiphaadha. yeroo baay'ee
obbolootashee wajjiin deemti. Otoo waan qofaatti argamtu taatees
waan afaan saaqqattee dhiira haasoofsiiftu hinfakkaattu.
9
callisuutiin beekamti. Waanuma yeroo kadhannaa godhattu qofa
dubbattu fakkaatti.
Dhiira surree hidhatu ol jettee hinilaaltu. Homashee kana hunda
ilaaleeti kan Dr.Wandimmuun ishee jaallachuuf murteesse. Ofii
isaa haala mijataa waan dhabeef karaa geggeessitoota amantaa
isaanii itti dhaqe. Isheenis geggeessitoota isaaniitiif iddoo guddaa
waan kennituuf Dr.Wandimmuu jala hindeebifne. Jaalalli isheen
isa jaallatte garuu quubsaa hin turre.
Haaluma kanaan utuu yeroo itti hinkenniin kaadhimmate. Yeroo
sana barattuu kutaa kudha lamaa turte. Dr.Wandimmuun
kaadhimmatee utuu hinturiin barumsa dabalataa biyya bakkeetti
argatee deeme. Tigistis barnoota Yuuniversiitiif darbitee
Yuuniversiitii Bahardaariin ishee gahe.
Innis barnoota isaa xumuree hanga gara biyyaatti deebi'utti,
isheenis hanga barnoota xumurtutti calleensa waggaa muraasaatu
isaan gidduu ture. Hamma yeroo kanaatti innis isheenis waadaaf
kakuu qubeelaa kabajanii turani.
Yeroon boqonnaa barnoota isaanii yeroo garaa garaa ta'us si'a
Dr. Wandimmuun galu qofa wal arguuf carraa qabaachaa turani.
Akka barnoota xumuraniin gara gaa'ela isaaniitti akka seenaan
isaan miti namni iyyuu qopha'aadha. Dr.Wandimmuun barnoota
xumurus gara biyyaatti waan hin deebi'iin jiruuf yeroo eebba
Tigist carraa irratti argamee eebbisiisuu hin arganne. Maatii ishee
qofatu argamee eebbisiise.
Amma garuu eebbifamanii galanii isa argaa ijaaf wal dheebochaa
turan, jaalala qilleensarra ta'ee ture sana akka nama nyaata
dharraa nyaatuutti qoosmiittis ta'e hiriyyoota isaanii wajjiin
10
dhamdhamaa jiru. dhamdhama harraba. dhimma isaanii Iulurm
harkisuu hinbarbaanne. Akka ariifatuuf haalduree lafa j11l111111
xumuraa jiru. Dr. Wandimmuun Tigistis gama ishee ilaallatuun ...
marii isaan gidduutti ta'u dur mari'atani.
Gaa'ela isaanii dura gaaffii wal gaafataniif deebii waliif
deebisaniiru. Isa kan icciitil isaani. Gaaffiin Dr.Wandimmuu inni
guddaan Tigist amanamummaashee eeggattee jiraachuushee ture.
Kana immoo ishumarraa malee deebii amansiisaa hinargatu. Kan
gaafatamuu qabus ta'e kan deebisuu qabus ishuma. Isheenis gaaffii
gaafatamteef deebii kennuuf ija hinsukkuummanne. Durba
ta'uushee akka gaariitti deebifteef. Tigist gaaffiin isheen gaafatte
fayyummaa isaa qofadha. Deebisuun isatti hin cimne.
"Barbaannaan" jedhee, waraqaa qorannoo dhiiga isaa isa kan yeroo
dhiyoo itti argiisiise.
Tigist waan dhageesse caalaa waan argitteetti quufteetti. Inni
garuu waan dhagahe amanee waan amane abdate. Haa ta'u malee
akka waan dhagahe argee waan shakke amanu beeka. Hamma
sanaatti garuu waan amane shakkaa jiraata!
Guyyaan waan gaafatamaniif deebii quubsaa qabatee wann
dhagahanii amananirra, arganii amanan tokko garuu dhiyauchau
jira. Guyyaa sana waan shakkanis dhugoomsatanii waan 11m11111111is
amanu. Silaa maaliif amananii shakku? Maaliif shakanii 11m111111?
Maaliif dhagahanii amanu?
Kan Tigistiin lafti cite guyyaa cidha isaaniiti. Waan ruuwwattee
arguuf hin tilmaamiin argite. Dhagaan cabe walitti adeema? waan
akka dhagaa cabe! Guyyaa cidhaa kan waamaman qofa utuu
hinta'iin kan hinwaamamiin dhufus akkuma jiru kan waamamee
hafus jira.
11
Isa Fuudhuufis ta'e ishee heerumtuufis har'a guyyaa cidhaati.
Warra cidhaaf cidha. Bakka bashannanaatti waan jarjaraniif mana
maatiishee ta'aa turuu hinbarbaanne. Mushurroonni Hamaamotaaf
kanneen bareechuuf achitti argaman maraan marfamanii gadi ba'aa
jiru. Kadhattoonni Magaalaa kanaa akka jiranitti biyyaatti waan
hafan hinfakkaatani. Hiriira galanii dhaabatu.
Hurraa harka namaa jalaa deebi'e funaannachuuf.... Pestaala harka
harkatti qabatanii dhaabatu. Kan hurraa harka namaarraa debi'e
pestaala isaaniitti naqeefii gaggeessaa jiru namicha gola qodaa
keessa hojjeechaa jiru. Hammi argatan fudhatanii ofirra deebi'a
jiru.Warri dabareen isaan hingahiinis duraa duubaan dhaabatanii
eeggatu.
Miinzonnishee veelloo ol sassaabaa adeemu. Faayaan addaa addaa
rnataashee irraa achii gadi gadhiifameera. Waan akka adii haphii
qaqaawwa baayyatu ... kan yoo itti siqanii ilaalan malee qaama
ishee iddaa jirbii fakkaaatu sana waliin wal-fakkaatee "waa... irra
jira" nama hinjechisiifne sanatuu sammuushee irratti hidhamee
faana isheerratti gad-dhiifamee jira.
Achuma keessa wan hinilaalle fakkaatti malee suuta ija lafa jalaan
waan bakkee sanatti ta'u ro'ataa miila fuuti. Nama asii achi
ilaaluuf adda bahee hinargamu malee isa achii as ilaaluuf wanti
dhokatu hinjiru. Wanti hundumtuu ija keessa.
Utuu suuta dallaatii ba'anii kadhattoota hiriiranii dhaabatanii ija
facaasan sana argite. lji ishee furuurfamee kadhattoota sana
keessaa nama dabaree duraarra jirurra bu'e. Pestaala isaatti
naqsifatee ofin-a deebi'aa jira.
12
Miinzotashee gidduutii akka nama elektirikiin qabee 11aah·1·
butamte. Nama isheen beektu, nama gola ishee keessaa. Namu
kiyyoon jaalalashee qabee gadhiise, nama booji'amee boojuudhu
gale, nama isheen imimmaan buusiftee waadaa tufsiiftee, dhiiga
dhugsiifte, dhiiga ormaa!
Kan tufani hinarraabani! Nama kan tufe arraabee, dhiiga dhuge
tufe! Nama booressee, booruu calale! Gurbaa seenaa dagatee
baqatee... seenaan gaafannaan, Seenaa barbaadee.... seenaa
argatee... seenaa hamate! Gurbaa of gatee... of dhabee.. of
wallaalee ... of barbaadee... of argatee ... ishee gane; sana itti
fakkaannaan, isa gara fuula duraatti adeemtu naasuun hidhaa cittee
miila fudhachuu dadhabde. akka dhaabachuu taatee utuu irratti
hin beekamiin gara fuula duraatti ...
Maaltu akka ishee mudate yoo beekuun isaan dhibe illee
naasuushee irratti hubataniiru. isheenis afuura jabaa ol fudhattee
akka sagalee naasuu dhageessisuu taatee turte. Utuu hinturiin adda
baafachuuf suuta ijashee namoota gidduutiin ...
... .Innis pestaalasaa xaxatee bobaa jala suuqqachaa, achi as gara
mushurrootaatti ija baasaa... Iji isaaf iji ishee walirra bu'e! ... H i 11
barte! Innis takkumaan baree akka nama namni hari'ee gugatcc ...
qaaniitu ulee fudhatee booddee bu'ee haleela. Fehoo
hinbuqqaaneen dugda isaa duubaan sammuu isaa keessa nsi ~•adii
waraanaa hari'a. Ofirra galagalee 2ffaa ilaaluu hindandeenye.
Maaltu akka ta'aa jiru wallaalte, Tigist. Maddii isaa akka
Ruumaanii sanatuu daalachaa'ee dhooqee boolla ta'e! rifeensa
mataa isaatu guftaa'e! ijaawwan isaa warra akka ija Boqqolloo
sanatu boollawan isaanii dhodhooqan sana keessa gadi bu'anii
13
dhokatanii akka yeroo kaanii fagootti hinhubatamani. namas
hinmararani; malee namumasheen shakkitee bibir'attu sana.
Erga manaa ba'ees waan tureef, galaa fudhatee bahe of harkaa
fixee, waan nyaatu dhabee, kana fakkaate! "dhugaa isadha" jettee,
amanuu hin dandeenye. wayaan inni uffatee jiru irratti xuraa'ee
waan irrattis cicciteef kadhattoota sanarraa wanti adda isa godhu
yoo jiraate dhiiga ijoollummaatuu ofhima.
Milikkiita guddaa kan ta'eef biqila nyaara ijasaa gamaa gamanaan
walitti ejjetee taa'u sanaaf quba harka isaa quba ja'affaa sana.
ishee harka isaa bitaa quba moggee sanatti rarraatee jirtu. Kanneen
kun kanneen sammuushee keessaa hinbadneef iddoo isaaniis
hingadhiifne waan ta'aniif isaan argite isa ta'uu amante, Tigist.
Lapheenshee mudhii qabatee sirba. sirbasaani. Hin dhiitata... , akka
dibbee iyya... , of rukutee, of reebee, ofii iyyee, ofii sirba.
hunkurama yaadaa kanaan hunkuramaa, gaaffii "Eessaa dhufe?
Eessan dhufe? Attamitti? maaltu itti hime? tole! Maal ta'ee akkas
ta'e? hinmaraatee?
Hinfakkaatu!
Moo ... abjuun arge?
Abjuu Akka hin taanee beeka!
Kana yoon yeroo ka biraa arge malee amanuu hin danda'u.
Tarii arguu dhiisuun danda'a.
Nan arga! 'nan arga' jedheen argee?" jettee,
of gaafataa, ofiif deebisaa, of jabeessaa, of laaffisaa, of gootomsaa,
of daboomsaa, ofiif mo'armaa, utuu of amansiisuuf dhamaatuu
14
mana gahani. Lafti galgalaa'ee dukkanaa'eera. Namoonni,
hamaamonniif kanneen keessummaa dhi'oo ta'an hundi gara mana
manasaaniitti galaniiru. Kan hafee mana jiru warra
Dr.Wandimmuuf keessummoota fagoottii dhufan qofa. Yeroon
ciisichaa waan ga'eef miinzota golaa gadi baasee ofii itti ol seenee
cufate. Dr. Wandummuun.
Yeroon sun dukkana galgala tokkeo osoo hin taane, dukkana hin
bariine akka ta'e bartee, dukkana xaxattee, dukkanaan da'attee,
ifa dukkaneessitee, dhugaa martee balleessitee imimmaan sobaan
amanamummaa gatte ganuuf malteeshee malattee xaxattee ciifte
Tigist.
Uffata cidhaa ofirraa yaafatee jijjiirrate. Sagalee isaan gidduutii
hinbaaneen yeroo yartuuf gungumani. Raasaa fedhii jaalalaan
loqode. Daqiiqaa muraasa sanaan booda booji'amanii wal
fudhatanii uffata keessa badani. Wayaa gadi gadhiisii waan akka
ca]aqlaqaa kan fuul a duraan banaa; ol baasee gadi buuse. isa
mudhiin isaa fo'aa qabu; fo'aa akka sabbataa. garuu sabbata miti.
Kan bifti booraa. Miinzotasheetu itti jijjiiree gadi ba'e.
Hafata gara mataa duraatti siqxee kottoonfattee walitti galtee
teesse. Keessishee sodaa guddaan guuteera.Waan isheen hiitc
hiikuun, isa isheen dachaafte diriirsuun isa hindhibne. Jilbasheen
dachaaftee funyaan biraan geessee xaxattee teesse sanaa diriirscc,
sabbata isaan hidhan hiike. wal'aansoo wal gubbaa badnni. Isheen
"hin ta'u!" jettee, akka diduu haata'uu waan kaayycclfutte
ishumatuu beeka; garuu ofitti butuu hinbarbaanne.
Ammaa booda maaltuu haata'uuf wal'aansoo wal qabu?
Keessumaa Tigistiin maal fayyada? wal'aansoon kanaa boodaa?
Utuu of dadhaabsiisuu dhiistee ... !
15
Utuu wal bubbutanii uffata ofirraa gatanii bakkee wal baasaniiru.
Isarraas gadi qunca'ee, isheenis qullaa qulqulluudha. Yeroo inni
saaqqatee gidduu seenuuf irra oolu, jilbashee walitti qadaaddee,
miilashee wal keessa xaxattee gangalatti. Heeyyamamtuu hintaane.
Go.! 3 akka boolla Daammuu urgaa'u, kanneen ergaa guyyaa sanaa
hirnauiin faayarnee walga'e, hafata lafarra gamaaf gamana ga'ee
diriiree mijatee hafame sanarra akka sa'aatii seekkoo wal
naannessu. Akkumasaatti dhiirri dhiiruma! Cufaa isheen cuftee
cinii.itee qabde buqqisee, waan isheen dhoksite baasuuf humna
ishee caalee....
Isheenis akka mo'amte bartee isa hiite hiiktee harka laachuu
jalqabde. Fedhiinsaa akka malee dabalee qaamnisaa qophii hunda
xumureera. Dr.wandimmuun gudeeda seennaan Tigisti harka
kennitel
Fala isa dhuma! Jela ciiftee wirriiqfattee wixxifatti. Kan
Dr.Wandimmuu caalaa yaabee ishee qabee mo'amuu dideef, kan
isheen yaabdee qabdee mo'achuu dadhabde.... fedhiisheedha.
Fedhiishee, isa ishee keessaa akka abidda gammoojjii boba'u sana.
Isatuu sammuushee irraa aara.
Dr.Wandimmuun, Isheenis achumaan isa duraan sookonfattu
iddootti qabdee, isa dheekkamtee gungumtu callifte. waan ta'u
dhaggeeffachuuf, Dr.Wandimmuun dhugaadha hinseene; isa
· sheen tasgabboofte. Fedhii wallaansoon hubameen....
Soba haata'u dhugaa isa ishumatu beeka! Akka nama dhukkubbiin
iui dhagahamee hoollanna sagalee... haadnaa dhageessifte. Akka
yaaddce wal'aansoo sobaa qabdee ija sobaan boossee, imimmaan
sobaa buuftcef, akka nama nama mallattoo dhukkubbii itti
16
dhagahamee taatee turteef hinmilkoofne. Battalumatti tnof't111111
sobaa sun barame!
Yeroo wanti inni amane dharoomee, wanti inni shakke dhugoomu,
yeroo waan eegu dhabee wanti inni isheerraa dhaga'e galagaltoo
ta'u! lafti silumaa dukkana halkaniiti; keessa isaatuu dukkana
limixii ta'ee fuulli isaa gurraacha'e! ta'us garaagarummaa bifasaa
isa duraaf ammaa kan argu ishee qofa. Ishee isa sobde sobdu !
Yeroo gabaabduu gidduutti fedhiin isaa guutuummaa gara aariif
dheekkamsaatti jijjiirame. Maal dheekkamsa qofa! Yeroo itti
kennuu hin barbaanne. nafa gudeeda ishee keessaa butamee ba'ee
harka isaa hiixatee mataa hafata isaanii olqabee Shugguxxii butate.
Rasaasa nyaachifatee Harka isaa bitaan mormashee hafatarratti
hudhee gadi qabe. harka mirgaan shugguxxicha gurrashee keessatti
qadaadee...
"Guyyaan cidha kenyaaf guyyaan du'a keenyaa har'a! siifis
anafis!" jedhee, ciniinnatee ija babaasee...
Elaa! Hin hollata. kar-kar-kar-kar jedhee dafqatu irra cite, Haa
dubbattuuf yeroo hin kennineef. Silaas namni hudhamee jiru,
namni daraaramaa jiru akkamitti dubbata? Utuu dubbatee maal
dubbata?
Ittuma fufee "Sirbii baafadhu! Himii dhaammadhul Dhaamsa
seenaaf dhaami! 'Sirba guyyaa du'aa, du'a guyyaa cldhau' jedhii
sirbi!.... Si keessa buuseen ofkeessa buusa!" jedhee, isa gurratti
qadaade irraa buqqisee mormashee gadi dhiise.
Araara itti argisiisuu isaa miti. utuu dubbattee maal akka isheen
dubbattu dhaga'uu barbaadee yeroo kennuufii fedheeti:
17
Arraba kaleessa sobe irraa har'a maal dhaga'a?! Utuu dubbattees
maal amana?! garaaf dadhabee waan godhutu itti bitaacha'eef
malee....
Amma ammaatti waan gochaa jiru waan beeku hinfakkaatu. Akka
nama qaamni biraa hoogganuutti ofhoogganaa hinjiru.
Bokoktee, hukkaamamtee fuullishee diimatee Timaatimii
bilchaate ta'eera. Dafqi illee ishee irraa citu dafqa du'aati.
Jireenya du'aaf jireenya gidduu jiruun, sagaleeshee ciccituun, akka
haasa'uu barbaaddeetti karaa hin haasofne sanaan jela ciiftee ...
"Tur...tur. .. nu hin balleessin! Nan hima!
Jaalladhee akkas hin taane, dirqameeni! ...
Sitti himuu sodaadheen, si sobe!...
Yoon sitti hime, sin dhaba!
Si dhabuu immoo hin barbaadu!
Si dhabuurra, ofdhabuutu naaf salphata!
Waan yaadde hindhiisiin!
Garuu, dura waanaan sitti himadhu altokko
nadhaggeeffadhu !" Jettee, hasaastee dubbatte. Sagalee isaaf ishee
gidduutii hinbaaneen. Waan gola sanaa ta'aa jiru namni beeku
hinjiru.
Kan tokko du'aaf jireenya gidduu taa'ee lubbuu kaa'ee fuudhu,
tokko immoo itti nyaatee dhugee sirba!
18
Isa itti aggaame deebifatee, ka'ee huccuu isaa uffate. gara s11111111uu
isaatti deebi'ee waan isheen jettu dhaggeeffachuuf....
Oljettee qarqarasaan teessee, imimmaan ofirra dhangalasaa, gadi
jettee, kafana ofitti xaxattee... Yeroon barnoota ko Yuuniverslltll
waggaa lammaaffaa barachaa ture akkan boqonnaa simisteeraaf
gara maatii dhufee deebi'een utuu hin turiin namudate!...
Guyyaa tokko hiriyyaa koo naannoo kampaasiitii mana
kireeffattee jiraattu, kan wajjiin daree tokko barannutu gara
manasheetti nafudhatee gale. isheen anaaf hiriyyaa koo ishee
jaallatamtuu turte. Erga buna nuuf danfisnaan dhugnee booda
yeroon galuuf ka'u lafti baay'ee dhi'ee ture. Naannoon mana
jireenya ishee halkan qofaa deemuu/ shamarraniif haaturuu
dhiiraaf mijataa miti. Ani yooman yaade?... Wanti bakkeetii
baqatan akka gola seenu! Isan halkan guyyaa sanaa
'utuu....utuu...'jedheenan hamma har'aatti 'utuu.. .' jechaa jira.
Tibba sana bokkaan akka malee roobaa ture. Rooba Bonaa.
Keessaa kan guyyaa sanaa adda. Akka roobeen bariisise. 'rooba
Bonaati' jechuun nama dhiba. Rooba Gannaa kan Adoleessaa
irraa wanti adda taasisu hin jiru. Anas akkan achi dhlislfadhu
kan godhe roobee dhiisuu diduu bokkaa galgala sanaati. Akkuma
isaatti akka inni faara caamaa hin qabne baree yeroon
haguggadhee gara kaampaasiitti qajeeluufjedhu kophaa koo
waanaan ta'eef hiriyyaan koo sun naa/ sodaattee akkan buluuf
waan baay'eedhaan na amansiiste.
Gara halkan walakkaa erga nuti rafnee hirlvvaan ishee dhufee
mana nurratti reebe. Yeroo isheen kaatee bantuuf hiriyyaa isaa
kan wajjiin oolan tokko wajjiin dhugaatii quufanii macha'aanii
daddarbatamaa ol seenan. Mana cuftee oldeebite. Hiriyyaan ishee
19
sun duraan ishee wajjiin wal biratti waan nu beekuufkarumashee
akka gaariitti walitti dhufeenya qabna. Inni isa wajjin jiru garuu
gurbaa yeroo baay'ee/na rakkisaa ture.
Ani bakkan ciisee jiruu hinsochoone. Waan inni nama wajjiin
jiruuf of mul'isuu hin barbaanne. Isaaniif hafata nuun gama ture
sana sisirreesssite haftee raffiftee dhuftee iddoo isheetti deebite
ciifte. Hundumtuu hirriba keessa sokkineerra. Hiriyyaan ishee sun
bakka ciisee ka'ee dhufee karaa qarqaraashee cinaa ciise,
Anaan hammasumaui hirribni waan na hin fudhatiiniif wanti
ta'aa ture natti dhagahamaa ture. Ani yerosin of jibbe. Ibsaan
akka hin ibsamne dursee dhorke. Gurbaan sunis dukkana sanaan
dahatee bakkan jiruu humnaan nafuudhee iddoo ciisaa turetti
nagee.ffate. Sanaa booda isaan gamatti nuti gamanatti wal-aansoo
keessa galle. Humna nacaale. iyyadhus maal ta'us wanti naa/
argamu hin turre. Guyyaan sun ifa koo har'aa dukkaneesse!
Gammachuu koo har'aa kanafakkeesse.
Halkan guyyaa sanaa naaf hiriyyaa koo warra gumaa nu
godhe! Ani ammas wanti yaadame yoo dhibame iyyuu hamma
har'aatti jaa/alii maal akka ta'e waanan beeku hin qabu.
addunyaa jaalala keessa hin seenne. onneenkoo jaalalaa/ hin
saaqamne. duudaadha! Ati garuu dhugaa qabda! Waan feete
raawwadhu! .... Jettee, Meesha inni achi darbatee dhiise fuutee itti
kennite. Harkaa fuudhee, rasaasa keessaa yaasee giiphii isaatti
naqatee achi gatee dhiise. Waan isheen itti odeessite sanarra darbee
waa gochuuf waa dubbachuu hindandeenye.
Mukti sohaa dhugaa hindaraaru! dubbiin Tigist hammarn
dhugaadha? ... guyyaa sanaa kaasaanii muka hudaan tuqe wal
taasisani! Of amansiisec dhiisuuf yaalii godhus keessi isaa yeroo
20
tokko tokko akka waan rafee dammaquu akka inni of jibhcc ishl'l'
jibbee jeeqamu taasisa. Kana ilaalchisanii hiriyyoonni isaa haala
isaanii kana irratti hubatanii arnansiisuuf wanti isaan hin jcdhiin
hin jiru. inni garuu yeroof dhiisee yoo dagatc
fakkaateyyuu ... Waan namni dhiise dhiisuu dadhabee ulaagaa
namni bira darbeen of dhiphisaa jiraata. Tigistis isa guyyaa cidha
isaanii kadhattoota sana keessatti nama sana argite hamma
yoonaatti Dr.Wandimmuu dhoksitee barbaaduu hin dhiifne.
****
21
3
Miidhaginni Magaalaa Buraayyuu itti caalaa dhufe. Uummatnis isa
duriirra amma saffisan dabalaa jira. Iji namaa bulee ka'ee fuula
haaraa arga. "Ebelu warra ebeluudha, ebelu biyya akkaasiitii
dhufe" namni jedhee wal himu hin jiru. Oduun akkanaa as
keessatti fudhatama hinqabu.
Firaa'ol, Seenaaf Qananiinis suutuma suuta jireenya Magaalaa
kanaatti baraa dhufaniiru. Firaa'oliif Seenan galgala galgala
bakkee bahanii wal bashannansiisuu hindadhabne.Yeroo wal
fudhatanii bahaan Seenaan dhukkuba himattu hunda tapha
Firaa'olitti dagatti.
Har'a boori utuma jedhamuu yeroon da'umsa Seenaa darbeera.
Firaa'oliif Qanaaniin ofjibbaniiru. Isaantu ciniinsifachaa jira
jechuun ni dandaa'ama. Seenaaf ciniinsuun da'umsaa isa jalqabaa
waan ta'eef lafti itti fokkisaajira. Utuu Dr.Wandimmuun hunduma
isaaniitti sagalee jajjabinaa hindubbatu ta'ee hammasuu
hinjajjabaatan turani; Hundi isaanii ...
Guyyaan isaa Jimaata guyyaa sa'aatii laaqanaati. Laaqana kan
qopheesse Qananiidha. Akka nyaata nyaataaniin Qananiin bakka
ciisichaatti oldarbitee ciiste. Hojii waan hojjechaa turteef takka
raftee boqonnaa fudhachuu waan feete natti fakkaata. battala
Sireerra geesseen hirribni qabe. Seenaan akka fuullee Firaa'ool
teessee jirtutti soofaarra dalga hirkatte. lsheenis isa raferra waan
wayyitu miti. Firaa'ol gara hojiitti deebi'uuf taa'ee daqiiqaa
lakkaa'a.
22
Akka wayaa waraanaa uffatetti, meeshaa guutuu naqatee "Asiin
dhufe; achiin dhufe" hin jenne. namni eenyummaan isaa hin
beekamne tokko dhufee ol itti seene. Kan argaa jiru Qananiidha.
Yeroo hidhata meeshaa isaaf marata rasaasa mudhii isaatti
maramee, maramee, almeeqa maramee handhuura isaa irratti wal
ciniinee taa'u sana ilaalaan gootota Oromoo darban keessaa tokko
nama jechisiisa. Akka akkas hinjenne immoo du'aan hin deemu!
Hin dubbatu! Kan hinjirre warra jiran hinta'u! warri jiranis warra
du'an hinta'ani!
Yoo utuu jiruu akka waan du'ee ta'e hoo?
"Warruma jiran keessaa tokko" nama jechisiisa. Akka akkas
hinjennes yeroo dubbatu akka loltuutti hin dubbatu. Ergamaa
Waaqaatti of fakkeessa; haboodhaan dubbata. Qaratti akka akkas
hinjenne immoo foon qabeessa; foontu irraa sochoa'a. Akka ol
seeneen meeshaa harka mirgaan qajeelfatee qabatee jiru sana adda
Seenaa irratti aggaammate. Seenaan akka dhallaadduu bishaan
keessaa hurgufamuutti kaate. akka Calii gudeeda harmootaa irratti
dirqamtee...
Akka hurgufu, fagsiisuu, dudubbachiisuu godha. Hafuura hamaa
kan budaa, kan amajaajii, kan xibaaraa iyyisiisuu barbaada.
Giiphii isaa keessaa gudunfaa moofaa tokko baasee hiikee waa
keessaa fuudhe. Kibiritii itti qabsiisee haarasaa Seenaatti ule.
Qoricha aadaa ta'uu mala.
Sagalee ol fudhattee iyyiti Seenaan!
Ulfa da'umsaaf guyyaan lakkaa'amee darbe sana baattee lafatti
ofreebdi. Qananiin iyyuuf iyyuuf jettee hudhamti. Waan ishee
23
hudhu hinbeektu; Waan argaa jirtu garuu dubbachuu
hindandeenye.
Firaa'ol isa barreeffamatti gadi jedhe ol hinjenne. Qananiin isa
inni utuu Seenaan dararamaa jirtuu callisutti haartee dhekkamti.
Amala isaa yeroo kaanii miti; waan ta'eef isa ta'uu isaa shakkiti.
Wanti isheen ta'aa jirtu isa hindhibu. Afaan dubbatee "Dubbadhu!"
jedhe. Erga takka iyyitee harrabnishee takaalame. Yeroo muraasaaf
akkasumatti lafa gangalatti malee dubbachaa hin turre.
Isa calliste dubbattee, isa hidhamte hiikamtee "Wayyoo nan
bade!... salphinatuu na qabate!. .." jettee iyyuu jalqabde. Qananiin
harki laamsha'ee miilli hadoodeera. Arrabnishee ni socho'a malee
hindubbatu. Waan ishee dawweesse wallaaltee utuu Seenaan badii
tokko malee nama eenyummaan isaa hin beekamne kara
adeemaadhaan reebamtuu ilaalti. Silaas utuu dhiirri taa'uu
dubartiin loluun salphina dhoksaa caba aadaa qaba. Ta'us Qananiin
kana hineegne. Dubbichis dubbii dhiiraaf dubartii irratti eegan
miti.
Itti sardee dubbata. Yeroo kennuufii hin barbaanne. "Amma dafii
himi! Ati maali?" jedhe, itti fufee. Hinhurgufa, hinwixxifachiisa,
"Nuti baay'eedha. ofhimnee hinbeeknu. akka itti ofhimnu
hinqabnu. kakuu qabna; kan bara fagoo!" jettee, iyya itti fufte.
Baay'atanis Seenaatu iyya!
Wantisheen dubbattuuf wanti namtichi dubbataa jiru Qananiitti
bitacha'e. namtichi ammas ittuma fufee haara Qoricha sanaatti
gadi qabee "Har'a of himtanii keessaa deemtu! Har'a guyyaa
keessantu ga'e! guyyaa salphina keessanii!" jedhe.
24
Akka irratti gadi jettetti itti caalchiftee fagaa, mammunuumnn,
dubbiin cimee waan itti dhufeef isa hidhan hiikanii isa dhoksun
haasa'uu eegalani.
Qananiin iyyuufis ta'e ka'ufis, yaaliin isheen hingoone hinjiru.
Garuu hindandaa'amneef. Firaa'ol waan barreessu barreessee
xumuree dubbisa eegale. Kun immoo kan caalu Qananiitti abidda
buusee gubaa jira.
"Nuti hafuura; hafuura hamaa, hafuura xibaaraa, hafuura budaa,
hafuura dangaboo, kan kudhaamaa, kan jinniif golfaa... " jedhanii,
waa meeqa himuutti ka'ani. Kan dubbatu garuu Seenaadha!
Wanti Seenaan himaa jirtu Qananiif haaraa ta'e. Achuma keessatti
isheenis utuma dhiphattuu gidduu gidduutti waan ta'aa jiru
dhaggeeffachuu jalqabde.
Qaaruu isaa gamaaf gamanaa irraan dafqatu xumura. Akka isaan
abdii kutataa dhufan argee, humna jabaatee "Eessa eessaa
dhuftan?" jedhee, gaafate. Amma isaanumtiyyuu haara ibidda
sanaatu boossisa haata'u yookiis humna qoricha sanaa ...
imimmaan roobsaa mataa Seenaa hurgufanii wacabbaru. "Nuti kun
dhufne Goojjam, Debre Maarqos, Debre Taabor, Debre Siinuu,
Debre Birhaan, Xaanaa Balas, Dangab..." jedhanii waa meeqa
tarreessani.
Qananiin waan Seenaan dubbattu ijaan arguu haa turu gurnumuu
dhageessee hin beektu; abjuu taatee dhaggeeffatti. kun isheetti
hiibboo ta'e isa Seenaan qofaashee akka nama mecquatti iyyitee
odeessitu. Qananiin namtichi irraa adeemuu isan eegaa jirti. Inni
garuu isa dhiituuf kabalu, isa reebuuf sardu dhiisee, gaaffii fi
deebiidhaan afaan gogsaa jira.
25
Seenaan abidda gadi itti jettee turte irraa oljettee itti odeessaa jirti.
Abiddi sun garuu cinaashee taa'ee haaraa jira malee hin dhaamne.
Yoo isheen odeeffannoo barbaadamu kennuu didde ammas
abiddasheetti ishee deebisuuf...
"Amma eessa eessashee qabdanii jirtu?" jedhee, gaaffii itti haanu
gaafate. Seenaan akka miillasaa jela teessee asii ol ija isaa keessa
ilaaltetti "Mataashee, lapheesheef handhuurashee jabeessinee
qabnee jirra; buusaa nafashee mara olbaafnee gadi buufnee
caccabsineerral" jedhani. Seenaatu odeessa miti; Seenaa keessaa
odeessu!
Sagalee haariin machaa'een, "Yoomii eegaltanii qabdan?" jedhe.
"Nuti bara hinqabnu. habaabiliishee irraa akaakiliisheetti,
akaakileeshee irraa abaabayyuusheetti, abaabayyuushee irraa
akaakayyuusheetti, akaakayyuushee irraa abbaasheetti, abbaashee
irraa isheetti darba dhufne!" jedhanii, isa jilba jilbaa jalqabanii
weeraranii turan sana, tokko tokkoon himuu jalqabani.
Qananiin iyyuuf hudhamtee ka'uuf waan gadi ishee qabu
wallaaltee callistee waan ta'u ilaalte. waan gaaffiii itti ta'aa jiruuf
deebii dhabdee yaadan waadamaa jirti. Bakka jirtu jiraattee
Firaa'oliin, bakka inni jirutti, Seenaa lafatti, namticha Seenaa
irratti, akka inni irra dhaabatee asii gadi ilaalee dhiphisutti, ija
hamaan ilaalti.
Itti fufee "Amma erga isheetti ceetanii attam attam gochaa jirtu?"
jedhe.
Isas hindhoksine. "Akka itti jireenyaa dhowwineerra; biyyaa
hariinee baafnee, maraachinee qullaa buufnee turre. Garuu nuuf
hin mijanne; hamma xinnoof nu harkaa baate." Jedhani. Gadi itti
26
jedhee ija keessa ilaalee "Kaayyoon keessan maali'!" jedhee
gaafate.
"Nuti kaayyoon keenya ittiin qabnee qomooshee lafa kana irraa
haxaawuuf turre; Haa ta'u malee ammas jabeessinee qabneerra.
Sammuun ishee yeroo hundumaa boqonnaa hinqabu. Nutuu goola.
shokoksaa hundumaa birrachaa oolti. Nutu dabumaan lapheeshee
hate. Handhuurashee ciniinnee qabneerra. gadi jettee ol hinjettu.
yeroo da'umsashees dabarsineerra. Ittiin qabnee ajjeesuufi! ...."
jedhani.
Kan akkasii dur yeroo ijoollummaashee isa argaa turte yaadachaa
jirti Qananiin. Dur namoota budaan nyaatteef akka qorichaatti
abbaashee itti waamu turani. Abbaa Qananii. .. Obbo Dhugumaa.
waraabeessa ajjeesee gogaashee irraa baasee erga inni gogee ol
galchee mana kaa'a. Yeroo namoonni naannoo isaanii nama
budaan qabame gara isaa fidanis ta'e itti waamanis gogaa
warabbeessaa sana irraa kutee abidda keessa buusee nama budaan
qabe sana ula. Yeroo muraasaa booda itti haadeebitu iyyuu malee
yerosiif iyyitee gadi dhiiftee deemnaan namtichi fayyee gala.
Obbo Dhugumaan kanaan beekamaa ture. Isa yeroo sana xinnoo
taatee argaa turtetu ija ishee dura adeerna Qananii ... yeroo
isheen Seenaa ilaaltu.
Qoricha gudunfee baatu sana dabalee abiddicha keessa buusee itti
haarsuudhaan "Wanti isiin hojjechaa jirtan hundumtuu kunoo
amma bakkee ba'eera!... Barri isin jilba jilb111111 jilha jilbatti
darbitanii garboomfattan amma darbeera!... Ammu dufaa keessaa
iyyaaf boo'ichaan bakka dhuftanitti deebi'u! ammaa booda bakki
isin qabattanii 'Irratti duuna!' jettan kun du'aa keessaan iyyuu hin
kaa'u!" jedhee mataa Seenaa qabee haara sanatti gombisee
27
meeshaa harkatti qabatee ittiin doorsisa ture sana itti qadaade.
Meeshaa waraanaa.
Aaraan ukkaamamtee dafqi irra cite. Abidda itti boba'utti jettee
iyya burunqeetti buufti. Sagaleetu kan Seenaadha malee kan iyyuu
jara sana. Irra dhaabatee akka isheen itti daddabaltee iyyitu sardaa
jira.
Qananiinis isa Seenaan dararamaa jirtu ilaaluu dadhabdee isa
gidduun calliftee waan isheen odeessaa turte dhaggeeffachaa jirtu
dhiiftee akka yeroo jalqabaa waan taatu dhabaa jirti. Isa Seenaan
iyyitu isheenis gargaartee iyyuutti kaate.
Ammas utuu wal irraa hin kutiin "Iyya dhumaa iyyii sokki!"
jedhee ajaje.
Seenaan iyya dhumaa iyyite!... Qananinis yeroo isheen iyyitu ishee
wajjiin iyya dhumaa iyyite. Firaa'ol lafaa ol utaalee ka'e.
Seenaanis isa wajjiin ...
Firaa'ol yeroo inni itti gara hojiitti deebi'u waan hin ga'iiniif
manaa hinba'iin jira. Yeroo Qananiin bir jettee dammaqxu
Firaa'oliif Seenaan irratti gadi jedhanii naasuudhaan hafuura citaa
jiru. Wanti Qananiin argaa turte abjuu ture. Qananiin bakka ciisaa
turtetti dafqa qofaa taateetti. Isheenis akka nama figicharra ooleetti
hafuuraa ciccitaa jirti. Garuu rafaa turte. Isa isaan of maddiitti
argite, wareertee sagalee naasuun "Maali?... Maal taatani
ijoolle?..." jette.
"Homaayyuu hintaane; ofii garuu isiin nagaadha mitii?" jedhee,
deebisee gaafate Firaa'ol. Seenaan Isa isheen akkas taatu
hinjaallanne. naasuudhaan fajajjee dhaabatti.
28
"Maalaan ta'e?" jettee, deebiftee gaafatte.
"Maali. .. amma iyya guddaa iyyitaniim!" jedhe, itti fufee.
Iyya isa dhumaatu bakkeetti ba'ee dhagaa'ame malee inni kaan of
keessatti ture. Isaanis akka isheen abjootte baraniiru. Isheenis
akka abjuu ta'e bartee ...
Abjuu abjoochaa turte jalqabaa hamma dhumaatti ol jettee teessee
odeessuutti kaate. bukkeeshee cinaan gamaaf gamanaan taa'anii
dhaggeeffacha jiru. Abjuushee duruu beeku lafa hinbu'u. wanti
isheen itti odeessaa jirtu inni guyyaa har'aa garuu waan isaanitti
tolaa jiru hinfakkaatu. Faara hammaatanii dhaggeeffatu. abjuu
abjoottee nama hiiku barbaaddee hinbeektu. Yoo hiikaniifis itti hin
quuftu.
Ammas akkuma amala ishee ofiin abjoottee hiikkachuu jalqabde.
Akka argitetti yeroo odeessitu gochaan isheen abjuu sana keessatti
argite baay'ee suukkanneessaa ta'us yeroo isheen hiiktu hiika
isaatu ishees ta'e isaanis gammachiise.
Amma isheen himtee fixxee gara hiika isaatti darbitutti jarjarani iru.
Qananiin akka afaanii fixxeen takka itti yaaddee "Hiikni isnn
gaariidha!... gaariidha! hiikamadha!" jettee, afaanii hinxumurrc:
kan Seenaa ciniinsuun qabee ammaaf ammatti itti sarde. Firnu •ol
nafa nafa Dr.Wandimmuuf bilbila harkaa irratti bilbllee himc.
Innis akka isaan ariitiitiin gara kilinika ofii keessan hojjctuuui
fidan itti himee bilbila cufe.
****
29
4
Magaalaa Burraayyuu keessaa kilinikoota tajaajila da'umsaa haala
gaariin taasisan keessaa kilinikni Madaanalem kan naannoo Kattaa
Simaachoo keessaa isa tokkodha. Dubartootni jiraattota naannoo
kanaa wabii lubbuu akka ta'ee jirutti leellisu. Dookteroonni achii
hojjetanis haalaan jajamu. Dr. Wandimmuun isaan keessaa isa
tokkodha.
Aduu har'as uummanni itti yaa'ee tajaajilamaa oole. Kan halkan
dhufanii deessifnaan ganamaan galan baay'eedha. Warri halkan
dhufanii guyyaa ofkolanis hinyaratani. Kaan da'uuf dhufu. Kaan
da'anii galu. Manni kun hin kosu. Aduun har'aa dhi'ee
galgalaa'eera. Firaa'ol Seenaaf Qananii konkolaataa keessa
buufatee dhufe. Kan inni itti fayyadamaa jiru konkolaataa
waajjiraatti. Konkolaataa keessaa buusanii mana galchani.
Dr.Wandimmuun deessiftoota ramadeefi kanneen dursan achi jiran
tajaajiluutti deebi'e.
Dr.Wandimmuun namoota hundumaaf ho'a malee tokko lamaaf
miti. Hammi achi deemu kan isa hin qunnamne hin jiru. Kanaaf
inni nama ho'eefi nama itti dhibaa'u hin qabu.
... Akka ol seensisaniin warri dabareen kutaa da'umsaa keessa
hojjechuun guyyaa sana kan isaanii ta'e ariitiidhaan ilaalanii akka
isheen daqiiqaa afurtami shan(45) booda deessu Firaa'olitti himan.
Daqiiqaan afurtamii shan(45) yeroo muddamaaf sardamaa, yeroo
miixuuf ciniinsuu keessatti waggaa 45 namatti ta'a.
Firaa'ol hamma sanaatti olgalee gadi ba'ee ciniinsifachuu jalqabe.
Saa'atii harka isaa irraa xeephni isaa cinnaan giiphiitti baatu sana
30
/10/TT urd f7T: ~
meeqa
teessi.
kan jedhame geenyaan deessistoonni ol itti seenani. Seenuun
ciniinsuudhaan hafuuraa cituu jalqabde. Akki isheen taatu namu
dhaabatee ilaaluuf abjuudha. Miixattee, mixiixxatte, ciniinsifattee
afuura dhumaa baafatti; ni boossi, harka facaafti. akka nama
qabachuus fakkaata. Nama qabattee miixattu! ... Utuu ciniinsifatanii
eenyuun qabatanii miixatu!...
Waanuma qabame qabattee miixachuuf... Seenaan harkashee
lamaaniin nama barbaaddi! lyyi ishee mana sana keessaa hundee
kutaa manichaa gamaaf gamanatti ittifamee mana keesssa deebi'ee
miidhagee achi gadi yeroo inni ba'u isa bakkee jirutu gurra
qabata.
Yeroo isa isheen "Uuu-u- uuu-u ... naa gamte!" jettu dhaga'u, of
qabuu dadhabee gadi ba'e Fraa'ol. Iyyi kan isaatu caale. Akka inni
ta'u qofaatti. Dookteroonnis isa gadi baasanii Qananii of biratti
hanbisanii gargaaruu jalqabani. Hamma xinnoo hin turre. kan
mucaan dhalattee sagalee boo'ichaa dhageessifte.
gadi baasee ilaalee deebisa. Qananiin Seenuu qnbuttcc
Akkaaf boosse ! Adunyaan kun nama boosifti !
Firaa'ol yeroo sagaleeshee dhagahu hafuura jabaa baafatee Sc~111111
hubachuuf utaalee ol seene. Akka seequu taatee achumu ciiltec
Firaa'oliin ilaalte; achumatti Seenaan.
"Baga gammadde!...baga gammadde!...baga hiikmntes!. ..situu
ciniinsifachaa turee... !" jedhanii, Firaa'oliin dubbisanii walii
isaanii immoo walitti galagalanii afaan Amaaraan, Afaan
Ingiliffaan, warreen kaanis afaan Oromoottiin " Maali dhiirri akkas
haadha manaa isaaf lubbuu dhabu kun! ... Inni kaan ofii odeessa!
31
Kan akkasii arginee hin beeknu!" jedhanii ajaa'ibsifatu.
Dr.Wandimmuunis isaan wajjiini. Hamma Seenaan hiikamnaan
Firaa'ol fuulli Ilkaan ta'eera. Qananiin gammachuun ji'a badde
taateetti.
Utuu hin turiin mucaa galmeessuuf kutaa galmeetti Firaa'oliin
waamani, "Eenyu jennu?... abbaa eenyuu siin jennu Firaa'ol?"
kan jedhe namticha galmeessuuf galmee banatee, qalama harkatti
qabatee galmeetti gadi jedhedha. Dhiira ture.
"OROMIYAA haa jennu!" jedhe Firaa'ol.
Namtichi akka ol jedhee ilaaluu ta'ee...
"Maqaa biyyaadha!" jedhe.
"Maqaa namaatis." Firaa'oltu jedhe.
"Ta'us kan dhiraati!" jedhe Dookter.
"Sirrii jette! Oromoon Dhiira!. .. Haati Dhiiraa Oromiyaadha!. ..
Kanaaf haadha Dhiiraatuu dhalate jechuu kooti !..." jedhe Firaa'ol.
Jedhi kaa haa ta'uu!.... kan ati jette nuti maal jenna!" jedhee,
galmeesse.
Achi keessa dhimmi tursiisu waan hinjirreef gaafas bulanii
borumtaa isaa akka galan ta'e. Dr.Wandimmuun konkolaataa kan
isaa jijjiireefii manaan ga'ee deebi'e. Sababni inni konkolaataa
isaa jijjiireef, kan dhibuu malee konkolaataan Firaa'ol qabatee
jiru namoota dhukkubsataniif mijataa waan hintaaneef...
Guyyaa sanaa kaaftee Qananiin Oromiyaa guddisuuf waan kakatte
fakkaatti. guyyaa tokkoof hinboossiftu. akkaataan isheen itti
32
I...,../"' I "T" .._ ••- -
T
sossobdu daa'ima harma hodhu miti; nama guddaa 11111111,siist•c
raffisa. Yeroo isheen Oromiyaa huruursuutti kaatu Fi run'oliif
Seenaan akka mucaa xinnootti isa haasa'an callisu. mana s111111
calleensatu fudhata.
"Hururuu hururuu !
Hururuu hururuu!
Hururuu yaa gudaree
Gudee guduruu dheertuu!
Mucaa kaarruun bareedduu!
Hururuu yaa gudaree!
Abbaya guute ta'ii!
Kan lubbuu hin duune ta'ii!
Hururuu yaa gudeekoo!
Maaltu dhaane mucaa koo?
Qananiitu dhaane malee!
Boonati boossise malee !
Hururuu yaa gudaree !
Hirriba mugde rafii!
Anoo si huruursinnaa!
Aannan beelofte dhugii!
33
Qabee sii qoraasinnaa
Hururuu hururuu !
Hururuu yaa gudaree !
Haati mucaa koo dhaantee
Mucaa didooftuu da'ii!
Dhidhibbaa Ganda labii !
Kan dhidhiibdu iyyuu dhabii!
Hururuu yaa gudaree !
Haati gudee koo deessee
Baddee barbaacha hin dhabduu !
Duutees awwaaleha hin dhabduu!
Hawwaalli dhawaa qabaa!
Duuti dhawaata qabaa!
Warra dhawaataan dhufee!
Maafan dhawaata kutaa!
Dhawaadheen keessa kutaa!
Hururuu yaa gudaree !
Araddaa Hiddii ta'ii!
Gurmuu Jaldeessaa ta'ii!
34
Goota Kaannisa ta'ii!
Gaaddisa Qilxuu ta'ii!
Bareeda Hiddii ta'ii!
Yaabbii Qamalee ta'ii!
Hururuu hururuu!
Gudee koo naaf guddadhuu !
Akka Biiftuu mul'adhuu!
Afaan hiikii dubbadhuu!
Akka booruu diimadhuu!..."jechuudhaan yeroo
isheen sagaleessitee huruursitu qalbii namaa booji'ee Fuudhee
sokka. Qananiin Oromiyaa qanansiiftee guddisuuf hojii godhatte.
****
35
5
Finfinnee keessaa kiiloon Afur (Araat kiiloo)n galrnoota Moototaaf
manneen durduriitti caala. Bara ammaa Magaalaa kana keessaa
wanti baay'een diigamee ijaaramaajira. Manneen dudulloomoonis
isaan keessaa tokko. Kiiloo Afur keessaas manni baay'een
haareffamaa jira. Kanneen diigamanii haala amayyaan ijaaramaa
jirantuu caalu. Kan kun hundi hin qaqqabiinis itti karoorfamee
jira.
Firaa'ol Oromiyaan dhalattee utuu hin turiin Buraayyuutii dhufee
kiiloo afur keessaa mana bite as galee jira.
Boor guyyaa kabaja waggaa lffaa dhaloota Oromiyaa waan ta'eef
hiriyoota isaa Magaalaa kana keessa jiran waameera... Firaa'ol.
Kadhattoota bara sanaa kun ta'uu beekee yaadaan qabee yoo hin
milikkiitanne ta'e iyyuu hin daganne. Magaalaa keessa deemee
bakka bakka isaan hafatanii taa'anii kadhatan, naannoo manneen
amantaa Ortodoksii, naannoo marfata qaxxaamura daandii
konkolaataatti argatee waamichasaa ittiin ga'eera. Jaratuu jara
guyyaa sanaati jedhe utuu hin ta'iin isaanis isaan kunis kadhattoota
waan ta'aniif isaaf yaadannoodha. Hiriyyoota isaa fageenya irra
jiraniifis bilbilee "Bakka bakka jirtanitti kabajaa oolaa!" jedhee,
gurra bubuuseera. Akka nama qoosaa haasa'uutti fakkeessee
kolfaan qabee itti hime. Isaaf garuu dhugaadha. Utuu akka garaa
isaatii biyya guutuutu Dungoo qabsiisee kabajaa oola... guyyaa
boori.
Warra fageenyarraa waamaman keessaa Bilisummaan isa tokko.
Inni abbaa ilmaa tokkooti. Maqaa mucaa isaa "Gadaa" jedhe.
Amma "Abbaa Gadaa" jedhamee waama. Bilisummaan abbaa
36
Gadaati. Manni abbaa Gadaa Adaamaadha. Abbaan Gadaa abbaa
seeraadha. Waajjira abbaa seeraa Oromiyaatti hogganaadha. Mana
isaa isa kiiloo 4 tti ijaaraa ture xumureera.
As Magaalaa Finfinnee waan jiruuf yeroo Firaa'ol bilbilee "Boor
kabaja dhaloota Oromiyaati!" jedhu... Bilisummaan "As Adaamaa
Harma dheeraatu qaqqaba. utuun biyya alaan jira ta'ees ani
waanan hafu miti; Kan jige haa dhangala'u malee!" jedhee qoosaa
isaa sana keessa makate.
Yeroo baay'ee yeroo bilbilan yoo qarshiin keessaa badduu baate
malee bilbila hincufani. haasaan isaanii hin minyaawa. As akka
jiru achumaan itti himee ...
"Silumaa kana yaadaan hin ciicattaaf as siqxee buluu barbaaddeeti
malee guyyaa boqonnaa kee maatii bira turuu qabda turte." Jedhe
Firaa'ol.
Innis isaaf hin hille "Ana qofaa seetee? Keessummaan baay'eetu
ana faana jira; Harka ulfaadheen sitti dhufa; akka rooba harfaasa...
Isaanis waan nabiraa hafan mitii cimsii qophaa'i!" jedhee, bakka
ol'aanaa akka isa kaa'an itti himate. Bilisummaan qoosuufjedhe.
"Osoo hin dhufiin bakka teessu haasa'achuukee dhiisii kan si
wajjiin jiran, kan dhufuu qaban qabadhuu ganamaan koottu ...
Bilisumma!" jedhe Firaa'ol.
"Nan dhufa!...Nan dhufa!" jedhee, waan yeroo baay'ee sobeef
kanaan qabatee haadhufu jedhee, akeekkachiise.
Bilisummaan "Waan ati jechuu barbaaddc naaf galeera! 'Inni durii
duri! qurxiin dubbii miilana!' jedhan rnitiire? Anis Alana akka
37
durii hin se'iin! ..." jedhee, bilbila Seenaatti kennisiise. Ishe
wajjinis takka haasaa bubbutatanii bilbila cufani.
Bilisummaan hiriyyoota isaa warra Magaalaa kana keessaa bakka
garaa garaatii hojii adda addaa keessa hojjetan baay'ee waan
qabuuf wal waamanii bakka tokkotti walitti naanna'anii taa'anii
haasa'aa jiru. Akka carraa isaan waliif hiriyyoota bara fagoodha.
Jalqaba hojii jalqaban hundumtuu baadiyyaa addaa addaa keessa
turani. Hundi isaanii damee Oromiyaa garaa garaa yoo ta'an iyyuu
kallattii addaa addaarraa walitti dhufanii qabata qabataan wal
baranii kaayyoo tokko keessatti tokko ta'anii hafani.
Bilisummaan akka isaan Firaa'ol wajjiin wal baran waan
barbaadeef qabatee deemuuf fedhee waa'ee isaa itti odeesse. Erga
bilbilameefii booda. Eeenyu akka ta'e wal odeeffannaa keessa
maqaa dha'ee itti hime Bilisummaan. Firaa'oliif jarri akkuma
Bilisummaaf hiriyyaa waliif hiriyyoota. Isaan wal beekuu isaanii
inni hin beeku ture.
Waamicha inni waamame isaanis waamamaniiru. Hundumtuu achi
taa'anii caasaan hiriyyummaa isaanii naanna'ee wal qabataa ta'uu
isaatti baay'ee gammadani. Achuma taa'anii waamicha waamaman
kana akka hafuu hin qabne wal akeekkachiisani. Ganama barii
akka waliif bilbilanii waliin deeman murteessanii galgala sana
gargar deebi'ani.
****
38
l
6
Namoonni karaa adda addaa isaan wajjiin walitti dhufeenya
qaban itti dhiyaatanii gorsanis lapheen Tigist kan Dr. Wandimmuu
ta'uu hin dandeenye. Yaadni ishee bakkee jira.
Amma iyyuu bakka kadhattoonni walitti qabamanii taa'an bira
garaa jabaattee hin darbitu. Waan qarshii kennituuf fakkaattee
ijaan keessa barbaaddi. Ijoollotaaf qarshii kennitee suura isaa
dhoksitee of harkaa qabdu sanaan bakka bakka kadhattoonni itti
argamanitti ergitee barbaachisaa jirti. Garuu hin milkoofne.
Maal akkasheen gochaa jirtu odeeffannoon Dr.Wandimmuu bira
waan ga'eef abidda irra wal kaa'aa jiru; ta'us odeeffannoo malee
waan qabatamaa argachuu hindandeenye. Suura jedhames yeroo
isheen akka carraa mana hinjirre, mana keessa ol injiree gadi
injiree dadhabe. Ijoollota isheen ergattee itti fayyadamtus
argachuu hin dandeenye. Silaa qarshii hamma isaan barbaadan
kenneefii dhoksaa isaan barbaadaan sana bara ture.
Isheenis akka inni odeeffannoo kana dhaga'e waan barteef suura
qabattee jirtu sana xaxxee awwaalte. ijoollonni sunis akka naannoo
sanatti hin argamne gooteetti. Dr.Wandimmuuf Tigist durhanii
darbanii dhimma tokko tokko irratti walitti dubbatu malee haasaa
walii dhiisaniiru.
Erga odeffannoo sana dhaga'ee kaasee Siree qofun baulute. akka
nama gaddarra jiruu gola ciisichaatii ba'ee gorduuba lafa hafatee
rafa. innis warra gaddanirraa hin wayyu. Utuu jiraachuuf
jireenyi hin dhibiin jireenyi itti hadhaa'e. Isheenis jirtuu isheetu
jira miti. Eenyu akka dursee himannaa seeraa jalqabu wal eegaa
jiru.
39
•
'I
Galgala hedaa immoo bakka bakka ciisan ciisanii walitti lallabanii
wal gonofaa bulani. Kaleessi Sanbata duraati. Har'i Sanbata
guddaadha(Dilbata). Isaan keessaa namni mana waaqeffannaa
deeme hin jiru. Waan kaleessa akka deemuu qaban waliigalaniif
har'a ganamaan ciree nyaatanii gara mana Firaa'olitti qajeelani.
Konkolaataa keessa yeroo taa'an Qeerramsaaf Reettiitu wal-cinaa
taa'a fakkaatu. Ija Eeboo hin qabneen wal ilaalu.
Iddoo mana Firaa'olfaa ga'anii Konkolaataa isaanii fuuldura dallaa
achi as itti qajeelfatanii dhaabbatani. Kilaaksii (afuuftuu) dhaan
"Phiiph... phiiph ... phiiph ... phiiph" godhanii waamani. Kan
dursee itti fiigee cufaa bane Waardiyyaadha. Konkolaataa isaanii
ol galchanii dhaabanii gamaaf gamanaan keessaa harca'ani.
Seenaan sagalee afuuftuu konkolaataa dhageessee gadi baate.
Dr.Wandimmuu akka gaariitti waan jaallattuuf itti fiigdee dubbifte.
Abbaa oolmaashe. Achii booda gara Tigistitti darbite Tigist wajjiin
maddii gamaaf gamanaa keessa Max...Max godhanii wal
dhudhungatani. "Seenaan jedhama" jette Seenaan. Tigistis
"Tigistin jedhama" jette isheenis dabaree ishee.
Seenaan baay'ee kokolfaa simatte. Simannaasheetti baay'ee
gammadani. Seenaan eenyumaafuu fafa'iidha. Dr.Wandimmuuf
Tigistis amma akka yeroo manaa dhifanii utuu hin ta'iin
hiikamanii waliin taphatu. Sababni isaas akka namoonni irratti hin
hubanneef malee waliif galanii, walii fayyanii miti.
Wan isaan Oromiyaaf kennaa kennuuf harkatti qabatanii dhufan
harkaa fuutee "Firaa'ol ol ba'ee jira. nooraa! ...nooraa! ...nooraa!"
11
40
I,

t
r
jettee, akka isaan hin mufanneef utuu isaan hingaafatiin eessa akka
inni deeme itti himte.
Haasaan Seenaa Tigistiin qalbii hate !
Firaa'ol Dungoo qabsiifamu bittee gara Dunqaana naannoo
isaaniitti argamuu deemee jira.
Balbala mana isaani karaa bakkee Fiinyaa qaamasaa gara alaatti
suura Dungoo qabsiifame tokkoof barreeffama "Happy Birth Day
to you!" jedhu ofirraa kan qabu afuufanii balbala gamaaf gamanaa
irratti rarraasaniiru. Qilleensatuu sosochoosa! Hiikni fakii
Dungoon tokko irratti kaafamee jiru sanaa "Waggaa 1 ffaa"
jechuudha. Faabirikaa isaatu beekee oomisha.
Barreeffamni Kompiiteraan gurguddatee barreeffamee "Happy
Birth Day to Oromia! ... Happy Birth Day to Oromia!. .. Happy
Birth Day to Oromia!" jedhu, mata-duree balbalaa irratti
maxxanfamee jira.
Yeroo balbala ga'an kan argamu, mana keessa golee gamaaf
gamanaa, naannoo Dungoon akka qabsifamuuf qophaa'e sanatti,
mana sana keessaa bakka inni itti hin maxxanfamiin hin jiru.
Waan jedhame tole jedhanii yeroo Dr.Wandimmuuf Tiglsti
olgalani, kan mana guutee garraaf gajjallaa ga'ee taa'u kadhnttootu
Magaalaa sanaati. Namni isaan dursee achi ga'e kadhattootu wurra
iddoo bultii hin qabne, kanneen mana namnu julu, daandii
walakkaa, naannoo manneen amantaaf kanneen bukkee keessa utuu
oliif gadijooranii lafti irratti bari'u sana qofadha.
Dr.Wandimmuuf Tigisti kil jedhanii na'uni. Yeroo waanti isaan
yaadanii dhufaniif wanti isaan argaa jiran galagaltoo ta'u. Isaan
41
akka yaada isaaniitti namoota ciccimoo, sossooreyyii, abbootii
qabeenyaaf kanneen jireenya mijataa qaban waame se'anii amma
humna isaaniitti uffannaa filatamaa qaban uffatanii ofmiidhaksanii
dhufani. Yoo wal miidhaksuuf fedhii hinqaban ta'e iyyu ...
Dr.Wandimmuun isa isaan bakka taa'anii ka'anii dhaabataniif
nooraa hin jenne.
Waan bukkulloonni Sarootaa ka'anii dhaabatan itti hin fakkaanne.
Seenaanis haala isaanii sana waan irratti hubatteef fudhattee gara
garraatti oldabarfachuuf waamaa deemti. Tigist waan
Dr.Wandimmuun yaadaa jiru yaaddi miti. wanti ishee naasise,
kadhattoota akkas baay'atan kana iddoo tokkootti argachuu isheeti.
Akka amalashee ijaan isaan keessa fiigdee sakatta'aa jirti. Garuu
nama barbaadde sana argachuu hin dandeenye. Waan barbaaddu
dhabdus miila isheetu Dr.Wandimmuuf Seenaa wajjiin deemaa jira
malee qalbiinshee kadhattoota sanarratti hafe. Isa Dr.wandimmuun
hinjedhiin isheetu "Nooraa! ... ulfaadhaa!"jennaan, bakka bakka
isaaniitti gadi tataa'ani.
Silaas isaantu namaaf ulfina kenna malee namni isaaniif ulfina
hin kennu. Akka isaan "Nooraa!" jedhaniifis hinkaane. waan hin
bariin har'a eessaa fidu? Maalirraa maal kaajeelu? yeruma
kadhattoota argitu dhagnishee rifeensa dhaaba. ammaaf ammatti
qalbiinshee badee fuullishee gurraacha'eera.
Seenaanis akka Dr.Wandimmuun hinsifeeffatiin waan irratti
hubatteef eger na tuffachuu irraan kan ka'e kana wajjiin na
waaman jedha jettee, ofkeessatti dhiphachaa waa meeqa
haasofteetti. Akkuma isaatti ol darbanii taa'ani.
l
42
r
:t!
Firaa'ol utuu isaan taa'anii hin turiin Dungoo bitee, harkatti
qabatee yeroo dhufee olseenu mana guutanii taa'u. "Maali jaranu
mana abbaan manaa keessa hin jirre keessa attam saalfii tokko
malee olgaltanii teessu?" jedhee taphasa Dr.Wandimmuu
mi'eeffachiise sanaan kolfisiisaa dubbisuuf...
Dr.Wandimmuunis yeroo gara manaatti galu akka hawwaalaa
dirgim jedhee taa'a; malee gara qoosaa kanaatti laafaa miti.
Manatti garuu waan dubbatu hin fakkaatu. Yeroo naannoo manaa
ga'u hafuurri akka hafuura Seexanaa kan nama dhedheekkamsiisu
irra buufata.
Utuu ta'ees eenyu wajjiin dubbata! Haadha warraa wajjiin ija
eeboodhaan wal ilaalu. Kan Tigist dubbi inni qajeeltootti dubbatu
dhageessu kunoo yeroo akkas walii wajjiin bakkee ba'anidha.
"Banaa argannaan Sareen iyyuu hin seenti! nuti mana banaa
argannee seenne!" jedhee, Firaa'oliiif deebisaa dubbisuuf olka'e.
Seenaan Tigistiin haasofsiisaa jirti. Waan tapha ho'ifataa jiraniif
utuu bira teessuu si'a Dr.Wandimmuun ishee biraa Firaa'oliin
dubbisuuf olka'u galagaltee hin ilaalle. Gara Seenaatti fuuln
naanneeffattee, harka ishee maddii isheetti dhadhaabbattee teessec
taphachuutti jirti. Seenaa wajjiin akka nama waliin yeroo dhccrnn
jiraatee wal hin dhibne. Dubartoonni walitti dhufeenya uumuun
isaan hin dhibu.
Dr.Wandimmuun waan beekuuf malee Tigist Scc1u111s ta'e
Firaa'oliin duraan waan beektu miti. Dr.Wandimmuunis carraa wal
isaan barsiisuu hin arganne. Jarri warra hiriyyaa walii wal
barsiisan miti. Isheenis abbaa manaakoo jettee, innis haadha
manaakoo jedhee... " Kana iyyuu warri rafnaani !" jette, Sareen.
43
Gaa'ela isaaniitti quufanii hin jiraanne. Yookiinis amanani.
Isheenis ta'e innis akka waan sechi gaa'ela dhaabbataniitti of
ilaalu; akkasitti walitti dhaadatu... mana keessa.
Kan isheen daftee baruuf gara Firaa'olitti hinmil'atiin yaada
tuffiiti. Eenyummaa isaa utuu hin beekiin michuun abbaa
manaashee isheef akkuma isaa waan itti fakkaateefi. Akkasitti
yaadde.
Yoo ol jettee hin ilaalle ta'e iyyuu gurrishee sagalee ho'isee nagaa
wal gaafatuun guutameera. Akka isaan wal dubbisanii walirraa
achi jedhaniin isheenis dabareeshee yeroo isheen dubbisuuf baasaa
isaanii addaan kuttee kaatu ....
Firaa'olis akka Dr.Wandimmuu dubbisee deebi'een garasheetti
harka hiixataa "Yeroo isaa eegnee haadha warraa kee wajjiin har'a
wal baruuf. .. " jechaa, gara isheetti darbe. Eenyu akka isheen
taate baree utuu hin ta'iin akka baru abdateeti.
Wal dubbisuuf jedhanii harka wal qabatanii ija ija keessa wal
ilaalanii cacallisani. Innis isheenis hin na'ani. Battalatti fuulli
isaanii jijjirame.Yeroo gabaabduuf manni guutuun callisanii waan
ta'u dhaggeeffatani. Isheen baddubaasa abjuu taate. Firaa'olis
waan arge amanuun isa dhibe.
Dr.Wandimmuuf Seenaan bakka ta'aan taa'anii waan ta'aa jiru asi
ol ofirratti ilaalaa jiru.
"Ati Firaa'oli moo?" kan jedhee dursee gaafatee Tigisti.
Akka waan hin dhageenyee takka callisee gorora liqimsee
"Eeyyee! Ani Firaa'oli! Ati garuu dhuguma Tigistidha?" Firaa'oltu
deebisee gaafate. Lamaan isaanii iyyuu wal arguu isaanii qofa
44
osoo hin taane nama akkas taa'ee isaan ilaalu kanaaf, gaaffii
gaafatamuuf jiraniif deebii waan qopheessaa jiran fakkaatu.
Harki lamaan isaanii iyyuu akka nama horii imaanaa nyaatee
hurgufama. Tigist al tokko Seenaa, al tokko Dr.Wandimmuuf
kadhattoota mana guutanii taa'aa jiran sana ilaalti. altokko tokko
immoo ija Firaa'ol keessa ilaalti. Firaa'olis ishuma faana...
Namni isheen yeroo dheeraaf kadhattoota bakka adda addaa jira
keessa qarshii kennitee barbaachiisaa turte, kan Dr.Wandimmuun
eenyummaa isaa wallaalus waa'ee barbaacha isheen qarshiidhaan
nama barbaachiisaa jiraachuushee dhaga'ee yeroo ammaa dhimma
kana sababeeffatanii manaa wal baasuuf jechaa jiran, namni
guyyaa cidha isaanii hurraa harka namootaa irra deebi'e
kadhattoota wajjiin utuu hiriiree fudhatuu iji isaaf iji Tigist walirra
buunaan abarraree bade sun Firaa'olidha.
Ammaas taanaan dhimmi kun isaaf isheef icciitiidha.
Dr.Wandimmuuf Seenaan waan beekan hin qabani.Warra gaaffii
gaafachuuf qophaa'anii jiranidha. Firaa'oliif Tigjist Baay'ee
dudubbachuu hin barbaanne. nagaa ho'aa wal gaggaafatanii iddoo
qabatanii taa'ani. Amma sanaatti taa'anii isaaniin ilaaluu malee
namni baasaa kan biraa jalqabe hin jiru. erga isan gadi taa'anii
"Maali jarana, isinoo baay'ee wal ho'iftanii wal beektumoo? ... Flrn
wal jalaa badee wal arge fakkaattu!" jedhe, Dr.Wandimmuun.
Isaanis yeroo jalqaba wal argan miira naasuutu itti dhngnn'ume.
Naasuun sun immoo akka nama nama badee argame dubbisaniitti
wal isaan dubbisiise. Yaada isaanii qullaa buuse. Isatu amma
yeroo taa'aan oduu afaanii gatee akka hattu akka isaan ija namaa
baachuu hin dandeenye isaan taasiisaa jira.
45
"Eeyyee sirriitti wal beekna! Ofii Dr.Wandimmu haadha
warraakeetti moo?" jedhee, Firaa'oltu walirraa utuu hin kutiin
deebisee gaafate. "Eeyyee haadha manaa kooti! Haadha manaa
namaa fudhatee adeema jettee hin shakkiin!" jedhe, Or.
Wandimmuun. Qoosaan qabee Tigistiin cige. Dr.Wandimmuuf
qoosaa, Firaa'oliif deebii,Tigistiif waraansadha! Tigisti waan
dubbattu dhabdee callifte.
Yeroo nama guyyaa cidha ishee kadhataa ta'ee itti dhufnaan
hamma har'aatti kadhattoota Magaalaa kanaa keessa barbaadu,
ammaa immoo nama guddaa, abbaa biyyaa, abbaa maatii taanaan
argitu maaltu itti haa dhagaa'amu! Nama Sababi isaa manni ishee
goolamee hunkuramaa jiru, yeroo tokko diigamee tokko ijaaramu,
yeroo tokko maraate, tokko fayyu! Inni manni irratti diigamaa jiru
maal haadubbatu! Utuu harraba hiikkatee dubbatee ...
Fuulli ishee kanshee hin fakkaatu. Erga hagamii as addeenyi ishee
sun aariif boo'icha irraan kan ka'e guggubatee shushunburateera.
amma immoo utuma teessuu gurraacha'ee dugda Eelee ta'e. Akka
irratti hin beekamneef balleeffannoo kokolfanii taphatu. Firaa'oliif
Tigist. Ofumaa tapha kan biroo itti kabeebsu; malee akka isaan
waa miliksuuf hasa'an irraa beekama.
Firaa'ol waan inni jechuu barbaade hubatee "Akka kanaatti
waanaan hin beekneef malee akkasitti hin shakkamtani." Jedhee,
quqummaadee dhiise. '
"Kan garaa garaa haataa'uu; bultee bataskaanaa!" jedhani.
Erga Firaa'ol irraa deebii fudhatee "Eessatti wal beektu? wal
beektu taanaan maaliif Tigist yeroo ani manaa maqaa si dha'u
naan hin gaafane?" jedhe, Dr. Wandimmuun.
46
T /....,.. r,. J-.-- "'T'" ••T,..:;r - - • -
Eessatti akka wal beekan utuu deebii hin kenniiniif "Maali nrn4111111
Firaa'ol kanuma isaa qofamoo? Maaltu akkasittis shakke" jettee,
sagalee akka haarii dubbatte. Tigist.
Seenaan gaaffiif deebii isaanii kana teessee dhaggeeffachaa hin
jirtu. Qananii wajjiin waan sooratamu golaa qopheessa jiru.
Kadhattoonni mana jiran sunis baasaa isaanii ho'ifatanii kolfanii
taphatu. Isaaniinis al-tokko tokko Seenaan golaa asbaatee
haasofsiifti. Dr.Wandimmuuf Firaa'ol walitti galagalnii baasaa
jalqabani. Tigist harkashee tokkoon addashee qabattee soofaa
irratti dalga hirkattee Dr.Wandimmuuf Firaa'ol gidduu teessi.
oduun Firaa'ol harkaa ba'a jettee sodaattee afaan-irratti eegdi.
Imimmaan dhufee ishee muddaa jira. Garuu akka itti boossu
waan hin qabneef teessee yaadaan of huruursiti.
Dr.Wandimmuun waa'ee wal beekuu Tigistiif Firaa'ol utuu hin
bariin oduu gara biraatti ce'uu hin barbaanne . Isa Tigisti jettu
dhiisee "haa ta'u malee eessatti wal beektu? "Qorataan fira niitii
ta'a!" jedhanii akka soddaa naaf hin taane Firaa'ol" jedhee
Firaa'oliin haasaa jalqabsiise xumursiisuu barbaade. Akka isaan
waa dhoksaa jiran waan irratti bareef dubbii qorooqora.
Firaa'ol harkaa baasaan badeera. Tigisti yeroo inni kana gaafatu
bakka teessuutti naasuudhaan sibiila bakkee bule taatee dilnllootti.
Teessee oduu isaanii dhaggeeffachuus ta'e Firaa'oliin ijaan ilnnluu
hin feene. Akka inni Seenaa waamuuf gaafatte. Achumnuis mata
duree baasaa isaanii jijjiiruu barbaaddeeti.
Bakka taa'uu ka'ee ol darbee Seenaa waarneef', Seenaan dhuftee
Tigist cinaa gadi teesse. Firaa'olis dhufee iddoo isaa qabatee gara
Dr. Wandimmuutti galagalee taa'e. waan baasaa addaan kutan itti
47
fufee gaaffii gaafatameef deebii kennuuf jedhu fakkaata. Waan
deebisu garuu kan qopheeffate hin miti.
Tigisti akka mana fincaanii deemuu barbaadde Seenaatti himnaan
wal qabatanii ba'ani. Kun fala isheen falattedha. Itti qajeelchitee
gara hojiitti deebite Seenaan.
Tigist mana fincaaniitti ol seentee cufatte. Fincaan maaltu ishee
qabee mitii immimmaan ishee lafa bu'uuf karaa ga'e sana
dhangaalaasuutti kaate. Akka dhaabattee jirtutti harka ishee
marattee hirkattee boo'icha jalqabde. Waan boossuuf waan dhiiftu
hin beektu. Gaabbiin jireenyaa hundi dhufanii itti naanna'anii
boossiisu ...
Utuu Firaa'ol deebii Dr.Wandimmuu hin kenniin hiriyyootni
Bilisummaaf Firaa'ol utuu hin hafiin dhufani. Isaan warra
Bilisummaan ganama har'aa bilbilee akka daffanii deemuu qabani
yaadachiise. Warra eda Hooteela taa'anii wajjiin mari'achaa turan
sana. Isaan Firaa'olifis jaala bara fagooti.
Firaa'ol hunda isaanii faara ho'aatiin simatee olgalche. Iddoo
isaaniif kenname qabatanii taa'ani. Seenaanis itti baatee
simatteetti. Firaa'ol hamma tokko erga isaaniin haasofsiiseen
booda "Taphadhaa!" jedhee, walitti isaan dhiisee gara
Dr.Wandimmuutti deebi'e. isatu isaan keessaa qobaadha; malee
isaan kaan sirriitti wal beeku. hiriyyoota waliin dhufan, kanneen
duraan mana jiran waliinis.
Or. Wandimmuun garuu michooma Firaa'ol malee achi keessaa
nama beeku hin qabu. Akkuma Firaa'ol gara isaatti deebi'een
"Amma guyyaa sana maalumaaf dhiphattee nu dhiphiste? Iyyitee
48
nu jeeqxe!? Kan ciniinsifatu hoo Seenaadhal?" jedhee Firau'uliin
gaafate.
Dr.Wandimmuun isa gaafa Seenaan Oromiyaa deessee yaadatee
gaafate. Gaaffii jalqaba gaafateef deebii hin arganne.
Keessuummaa simachuun walqabatee bishaan dhuge. Kaayyoon
Firaa'oolis isa dagachiisee mata duree baasaa kan biraa
jalqabsiisuu ture. Isa inni yaada kan biraatti ce'ee isa gaafate
dhugaa hin seene Firaa'ol. Dr.Wandimmuun garuu akka booda
haasa'amutti yaadee malee guutummaan guutuutti dagatee miti.
Akka waa hin xumuriin dhiise keessa isaatti itti dhaga'ama.
Gaaffii duraa dhiisee darbee innis "Dhiisa Dookteer! Aniif
Seenaan seenaa qabnaa! Dhugaatti miixuun Seenaa Guyyaa sanaa
kan Seenaa qofa miti; ana dabalateeti. Anii dhuguma hiikamtee
miillishee wal-qixxaata jedhee hin yaadne; garuu isuma ishee
uumetuu gara keenya gore malee haallishee sun haala yaaddessaa
ture.
Ta'us ani amma iyyuu mataa boowwaafachuu Seenaa arguu hin
fedhu. Isheen haadha manaa koo qofa osoo hin taane haadha
koodha. Haadha qullaa adeemtee natti uwwifte. haadha beeloftee
na nyaachiifte. haadha imaanaa abbaa kootii fuutee abbaa malee
na guddifte sanadha. Ammallee guyyaa sana yeroon yaadudhu
har'a natti fakkaata" jedhee, faara gubee yaadaan badee isu yeroo
sanaa buusee baasee yaadacha haasa'a Firaa'ol.
"Mee... akka ati akkas haadha manaa keef taatu wanti si godhe
maaluma? Dhugumatti kankee namoota kaan irraa adda!" jedhe,
Dr.Wandimmuun. Kan ofii isaaf kan isaanii yeroo wal cinaa qabee
ilaalu gaaffii guddaa itti uuma.
49
"Waanti akka ani akkas isheef dhiphadhu godhe akkuman sitti
himee ture aniif isheen seenaa fagoo qabna. Isa immoo taa'ee sitti
odeessee fixuuf yeroo addaa barbaada. Garuu... " jedhee, bakka
taa'uu ka'ee galmee seenaa isaanii kan waan keessa darban
hundumaa irratti barreessan sana fuudhee itti fide.
Galmichi seenaa isaanii yeroo wal baranii eegalee hamma isa
Asoosaatii as gara Finfinneetti galaniitti tokko lamaan utuu hin
hanbisiin itti barreessinaan qabatee jira. Barreeffamichi
barreeffama Bilisummaadha. Akka barreeffamuufis kan isaan
kakaase isa. Yeroo tokko yeroo isaan bira dhufee ture sana
barreesse.
Hamma ammaatti Bilisummaan hin dhufne! hiriyyoonni isaa isa
dursanii dhufan iddoo qabatanii taa'anii eegaa jiru. Oromiyaan isa
kaatee takka waccee waccee deebitee rafte amma hirriba irra jirti.
"Hoodhu Hamma teessu kana dubbisi! Waan barreessaan barreesse
dubbisaan dubbisa. Barreessaan waan seenessaan seenesse
dhaggeeffatee, waan argeef waan dhaga'e barreessa. dhugaa jiru!
Aniif Seenaan seenessitoota. kan barreesse barreessaadha. Nutis
seenaa keenya seenessine. Kan seenaa isaa hin beekne seenaa kan
biraa hin beeku! Atis yoo dubbifte isa barreessaan barreesse
dubbifta. dubbisaan immmoo hin dubbifama!" jedhee, galmee
Seenaa sana Dr.Wandimmuutti kennee gara keessummoota isaa
warra kaaniitti deebi'e. akka inni isa dubbisuutti deebi'ee gaaffii
jalqabaa sana dagatuutti sammuu isaa ko'oomsuuf tooftaa inni
malatedha.
Wanti hundinuu qophaa'ee Oromiyaan hin dammaqne.
Bilisummaan hin dhufne. Dungoon hin qabsiifamne!
Dr.Wandimmuun harkaa fuudhee gola irra keessaa isa
bakkeedhaan akka mata dureetti barraa'e ilaale ... "QORICHA
MARAATUU" kan jedhutu gurguddatee mul'ata.
Yaadaan "Qoricha maraatuu? Kiniiniidha? Liqimsanii fayyuu?
Moo dubbisanii maraatu? Tarii dubbisanii fayyuu? Mee waan
fedheefuu waan qoricha ta'u hin beekanii..." jedhee, ofkeessatti
haasa'aa waan keessa jiru baruuf yeroo inni gola sana ol irraa
qabee fuula jalqabaa ilaalu...
****
50 I 51
..
7
Bara 1992
Baatii Onkololeessaa; guyyaan isaa kibxata.
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Eebantuu Magaalaa Hindee Mana
Barumsaa sadarkaa 1 ffaa keesssatti. Barsiisaan wayitii dhumaa
barsiisee gara mana haara galfii barsiisotaatti. ..
Barattoonni akka barsiisaan ba'een walfaana bakka jiranii ol
ka'anii "Hoooo... " jedhanii huursanii galuuf ...
Seenaan akkuma taa'umsa fuula duraa irra teessuun bakka teessuu
"Taf" jettee, kaatee meeshaa bamootashee qabattee balbala
baateetti. Barataan ishee dursee ba'e hin jiru. Hammi barattootaa
ishee booddeedhaan jiru. Ammas barattoonni booddeesheetiin
"Hoooo ... " jedhanii huursanii, wacanii dhiisuu didani.
Walakkaan "Seenaa!...Seenaa!...Seenaa! ..." jedhanii waamani.
Hammi tokko immoo taa'umsa isheen irraa kaatetti naanna'anii
wacu. Shamarran akka itti dubbatan hinqabani. lafa hihilaalanii
gadi cabani. Yeroo isheen owwaattee ofduuba mil'attee barattoota
booddeesheetii itti huursan sana ofbooddeetti ilaaltu, iji hundumtuu
ishee irra jira. Kanneen kaaniis "Kottu! ... kottu !...kottuu kana
ilaali!" jedhu. taa'umsa isheen irraa kaatetti quba qabani. Yeroo
isheen ilaaltu iddoon isheen taa'aa turte dhiigaan faalameera.
Naatee lafajirtu wallaalte.
Ammas ijoollonni itti naanna'anii dugda duubaan taa'aa isheetti ija
facaasu. lsas yeroo isheen ofirra naannooftee ilaaltuu gurdiin ishee
karaa dugda duubaa dhiiga duwwaa ta'eera. Achumaan ofirra gadi
52
teessee boo'icha keessaa fuute. Gidduutti Firaa'ol
"Ka'i!...ka'i! ... ka'ii dhaabadhu!" ittiin jedhee, harka qabee
olkaasee Jakkettii isaa ofirraa baasee karaa dugda duubashee itti
marxisee mudhii isheetti hidheef.
Firaa'ol Seenaa wajjiin xinnummaa isaann irraa kaasaanii
Magaalaa Hindee O1tti guddatani. Dabalees kutaa gadii irraa
eegalanii daree waliitti barataa dhufani. Firaa'ol amala isaatu bifa
inni gonfatee jiru caalaa akka Abaaboo birraa qalbii namaa booji'a.
Uumamaan mucaa baay'ee miidhagaa namatti tolu, kan uumaan
uume bareeche, bareedaa... bareedaa... bareedaa...
Maatii isaaf bakka durbaattis ta'e ilmaatti isatu ilaalama. Isaan isa
malee hin qabani. Erga jajjaabaatee, bakka abbaa isaa itti
gaafatamummaa fudhachaa jira. "Ilmoon dhiiraa xinnoo hin
qabdu!" jettee hamilee isaa kakaasti Aadde Siwayyeen. Kabajni
isheen isaaf qabdu kan abbaa isaatii gadi miti. Utuma ilmoo ishee
ta'uu beektuu akka nama guddaatti kabajji.
Siwayyeen abbaa malee guddiste Firaa'oliin. Utuu akka
hanqaaquutti wal-kunuunsanii, isa gaafa wal-fuudhaanii utuu
guyyaa tokko namni hamaa isaanii hin dhaga'iin, utuu jaalalli
isaan waliif qabani hin hir'atiin, utuu alli manni guutee jiruu, utuu
isa itti dadhabani waliin nyaataanii hin fixiin, utuu hin du'iin wal
dhabani! Abbaa Firaa'ol wajjiin.
Bara 1984, bara loltoonni Adda Bilisa baasaa Oromoof loltoonni
Mootummaa Yaadig as Magaalaa Hindeetti wul-waarananii turan
sana namoota Adda Bilisa Baasaa Oromoo wajjiin sokkan keessaa
tokko ture. Abbaan Firaa'ol. Asii gadi kama dhihaa daandii isa
karaa Lubee buusee Amuumaa keessaan baasee Weelmaliin ce'u,
Weelmaliin ce'ee Bariisoo irraan gara lixa Wallaggaatti qajeelchu
53
sana qabatanii qajeelani. Isaan boodaan oduun gurra namootaatti
dhufaa ture baay'een isanii karaa irraa kaa'atanii Weelmaliin
nyaatamanii akka dhumantu dhagaa'amaa ture.
Weelmal Galaana Guddaa gadi fageenyaaf ballina guddaa qabu,
kan warra fayyaa namaa qarqara Galaanichaatti argannaan butanii
hawwaala dhoksan Naacha gurguddaatiin guutuudha. Akkuma
isaatti bacaabbacanii wal harkifatanii ce'uuf kan malan kan mirga
sarbe naacha sana.
Kan afaan naacha sanaaf nyaachuu galaana sanaa irraa afanii
ce'an nama muraasa. kanas kan arge hin jiru, utuu namtichi
goodaa Amuumaa sirbee dhaadatee baddaa Eebantuutti ol hin
baafne ta'ee.
Akkuma sirbee dhaadate iyyuu isatu ulaa ce'umsaa qabatee
waraana itti banee malkaa gadi dhiisisee hirbaata Bineensaaf
godhe. Silaa jarri karaa qabatanii turani. Isaan waan waraanni isaan
dhiisanii dhufan mataa isaan darbanii eeggatan itti fakkaate; malee
isa qofa hin seene. Utuu isa qofa ta'uu baraniiru ta'ee.....
Sirbi isaa gaaruu akka inni sirbee sirbisiisuu barbaade hin taane.
Kan garaan boora'eef madaa'etuu caala. Kan imimmaan buusanii
boo'aa turanis jiru. keessumaa warri nyaata hojetanii nyaachisaa
turan, Uummanni Magaalaa Hinde. Abbaan Firaa'olis kanneen
namoonni dhoksaatti boo'aa turaniif keessaa tokko ture.
Aaddee Siwayyeenis yoo du'a isaa hin qulqulleeffanne ta'e iyyuu
isa namtichi sirbu isheen dhoksaatti manaa du'a ga'uu ta'aa turte.
Ta'us du'a isaatti dhibbaa dhibba hin amanne. yeroo sana Firaa'ol
barataa kutaa J ( tokkoo) ture. innis abbaan isaa eessa akka dhaqe
j,
waan wallaalu miti. akkuma hubannaa sadarkaa sanaatti hin
hubata.
Isa yeros "Amma gala" jettee karaa eegde Siwayyee iji karaa
ilaalee hafe. Yerosii kaaftee Firaa'oliin qofaa ishee guddisuutti
gadi teesse. Jireenyi isaanii garuu amma akka bara sanaa utuu hin
ta'iin itti salphateera. Firaa'oliif garuu hin dhibne. kan yeroo
baayyee itti dhagaa'amu qofummaa isaadha. Isa kanatu akka inni
Seenaaf garaa laafu taasise. Seenaanis jireenya jireenya isaa
wajjiin walfakkaatu akka jiraattu waan beekuuf....
Shamarran hundumaa keessaa shamarree haalaanis ta'e amalaaniis
baayy'ee jaallatamtuudha. Hin jarjartu. Qalbiqabeettii,
tasgabbooftuudha. Kunis akka isheen namoota biratti fudhatama
godhattu taasiseera. Akka mooraa kanaatti shamarran
fakkeenyumaa gaarii qaban keessaa ishee jalqabaati. Barnootas
haalaan waan dandeessuuf sadarkaa dhabdee hin beektu. Kanaanis
namoota duratti fudhatama argatteetti. Barsiisonni mooraa kanaas
ta'e barattoonni mooraa kanaa isheef hamilee isheeti.
Har'a Seenaan jaakkettii Firaa'ol marxifattee qaanii
haguuggattee galte!
,1
****
54
·•I.i
. I
I
55
.,
8
Fraa'ol galee waan ta'e hundumaa tokko tokkoon Annee isaa
Aaddee Siwayyeetti hime. Aaddee Siwayyeen akka malee
gadditee... dhiisuu didde. Erga yeroo dheeraaf yaadaan dhugamtee
booda "Firaa'ol" jettee waamtee "Boor Seenaatiin Anneen koo
yeroo mana barumsaatii galtu nati gorii na ddubbisii darbi! Jette,
jedhii itti himii fidiis kottu !" jette; jedhii fidii kottu jette.
Aaddee Siwayyeen warra deesseef qofa osoo hin taane ijoollota
Magaalaa kanaaf haadhadha. Kan manashee olseenee bishaan hin
dhiiginiifi midhaan mana ishee hin nyaatin guddate warra fageenyi
hankaakse qofa. "Haadha gabaa!" jedhu, namoonni maqaa itti
moggaafatani. Hollaawan ishee baayyeen hojjettoota Mootummaa
waan ta'aniif ijoollota isaanii waan guddistutti hin ammanneef
warri guddistuu qabanis guddistuu wajjiin, warri kaanis ijoollota
isaanii fidanii afata manashee lafa bu'ee taa'u irra naqanii gara
dhimma dhimma isaanii deemu.
Aaddee Siwayyeen haadha onnaaf firaa, haadha diimaaf
gurraachaa, haadha guddaaf xinnaati. Buna Olloota isaanii isa
mana digdamii shaniin dabaree walitti yaa'anii dhugan sana
guyyaa dabareeshee kan danfisus ta'e kan namootaaf irra
naannessee hiru ishee miti. Dubartoota ollaa ishee sana. Isheen
iddoo Jabanaa iyyuu hin beektu. Akka Magaalaa kanaatti jaalalaan
kan nama hundaaf ho'u kan akka ishee hin jiru. Magaalaa
Hindeekeessa namoonni yaada qajeelaa akkasii akkuma jiran,
warrii ijaan argaaf nama jibbanii yeroo hundumaa habaarsi afaan
isaanii irraa hinbuunes hin yaratani. Warra dhagaaf qalaa
ijoollotatti guuran sana.
56
Firaa'ol akkas jechuu isheetti Annee isaatti baayyee gamnuule.
gaagurtee miti muka gaaguraa hin qaban yoo ta'e iyyuu, Magaahu,
kana keessaa bakki dhaabii dammaa balbala mana isaaniiti.
Balbal'a mana Firaa'olfa. Torban torbaniin qalqalaan,
Moqorqoraan, Joogiidhaan, Xaasaaf kanneen damma baachuutti
beekaman sun ganamaan ka'anii balbala sanatti wal ga'u.
Manni Seenaafaa Arbuu baalaadha. Arbuun baalaa Muka Arbuu
guddaa tokkodha. Dhaabiin Horii Magaalaa kanaas Muka guddaa
kana jela. Guyyaa gabaa horiitu jalatti gurguramee bitamaa oola.
Guyyaa biroo immoo Jaarsolii gurguddaatu jalatti namoota
waldhabdee addaa addaa qaban wallitti haraarsa. Amma garuu
mukti kun buqqa'ee dhaabiin horiis achii jijjiirameera. Bakka
muka sanaa dhagaa kaa'ani. Dhagaa gurguddaa lama. Ree'ootatu
irra xabataa oola. Bakki dhaabii horii ture sunis amma iddoo
baasiin Naqamtee dhuftu sun itti afuura baafattee, haara galfattee,
isa harca'u harcaastee, isa fe'amu fe'attee gara Qeellootti qajeeltu
ta'e ..
Seenaan dhaqxus galtus karaa mana Firaa'olfaa darbuun dirqama.
Guyyaa barbaadamtetti waan taate sanaaf qaanoftee Mana
Barumsaa hin deemin hafte. Seenaan har'a guyyaa 3ffaa ishectti
jaakkettii Firaa'ol guyyaa sanaa qabattee baate. Balhuln
dhaabattee waamte. Balbala mana Firaa'olfa. Kan jalaa qabee gudi
itti ba'e Annee isaadha. Firaa'ol dursee mana barumsaa deeme.
Seenaan nagaa gaafattee deebitee isa gaafatte. dursee dcc1111111 isaa
itti himtee akka olseentuuf "Noori!" jette, Aaddec Siwuyyccn.
Maal jettee akka itti himtu hin yaaddofne, "I loodhaa kana!
Kaleessa bakka dirree ispoortiitti dagatee gale." Jettee itti hiixatte.
harkaa fuutee utuma isheen "Natti barfutccra" jettee didduu
olseensitee akka ishee barbaaddee turte dhanbannaatti gurra buufte.
57
.,
Maalif akka barbaadde garuu itti hin himne. Yeroo mana barusaatii
ba'an akka wal argan wal beellamanii gara mana barumsaatti
sokkite.
Akka mana barnootaa geesseen Firaa'olii wajjiin wal argani. "Iji
Naachaaf Iji Raachaa bishaan keessatti wal arga!" jedhamu. Iji wal
barbaadu wal hin dhabu; Firaa'olis utuu yaadaan ishee barbaadaa
jiruu wal argani. utuu daree hin seenin. Yeroo inni dhaamsa Armee
isaa itti himuuf jedhu dursitee waamtee hundumaa itti odeessite,
Seenaan. Itti gammadee callise... Firaa'ol. Akkuma wal
beellamaniin waliin galani. Aaddee Siwayyeen Seenaa harka
qabattee karaa dhaabii Gabaa guddaa gadi buute. Dunqaana
(Suuqii) bakka dhaabii gabaa sanaatti gamanaaf gamasiin,
gubbanaaf goodasiin naanna'ee banamee jiru sana keessaa tokkotti
olseenani.
Seenaan amma illee maal akka hojjetamaa jiru isheef hin
beekamne. Seenaa ilaalchiftee butaantaa (Paantii), Qabsiistuu
Armaa (Xuux maajaa) Bijaamaa, fi k.k.f bittee gara manaatti
deebi'ani. Aaddee Siwayyeen amma kanaatti aasaa kan biraa
aasofti malee waan barbaaddeef itti hin himne. Seenaan garuu
waan haasa'amaa jiru utuu hin ta'iin waan barbaadamteef utuu
bartee galtee itti tola ture.
Akka mana ga'aniin Seenaan siree xeebaa gogaa Horii irraa
hojjetame, isa nama tokko ciibsu, yoo barbaadames akka
Teessummaatti itti fayyadaman sana irra of cinaa teesistee waan
harkatti qabatanii dhufan itti kennite. yeroo kam akka isheen itti
fayyadamtu, akkamitti akka isheen itti gargaaramtu itti himte. Itti
dabalaanis gorsa haati tokko intala ishee gorsuu qabdu hundumaa
gorsitee, Fuuldurattis akka isheen itti dhiyaatee waan ishee dhibe
ishee hasofsiiftuu qaaccessitee itti himttee gegeessite. Seenaan
58
akka isheen gadi fageenyaan waa'ee ishee beektuuf waan yeroo
darbe taatee turtes akka isheen dhageesse salphaatti barte. Isheen
garuu waan dhageesse hin dubbanne. Yeroo kana kan
maalummaan haadhaa maal akka ta'e Seenaan hubatte. "Haati
shamarranii golgaa shamarraniiti ! Fafti koo yeroo darbee fafa
haadha dhabuukootiiti ! utuu haati koo nabira jiraattee Waanan
har'a dhaga'e kana kana duran beekuu qaban ture! Silaa kun
hundinuu narra hin ga'u!" jettee galtee dhoksitee boossee haadha
dhabuu isheef haadha imimmaanii taate Seenaan!
Siwayyeen ammasumatti qabeenyaa ga'aa qabaattee osoo hin ta'iin
waan qabdu namaaf hin mararfattu. Isa isheen waan isheef ta'u
bitteef caalaa gorsa isheetu Seenaaf Seenaa ta'e!
****
59
9
Seenaan Aanaa Limmu Magaalaa Galiilaatti dhalatte. Naannoo
Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Galiilaatti. Dhalattee waggaa
tokkoffaa isheetti abbaan ishee haalonni jireenyaa waan itti
ulfaataniif mana duwwaa keessatti armee ishee wajjin dhiisee
bade. Erga bara sanaatii namni as jiraa fi achi jiraa isaa beeku hin
jiru. Innis hin dhufne. namnis hin barbaanne. "Nama beekaa bade
hin barbaadinaa!" jedhanii dhiisani. Manni isaan keessa jiraachaa
turan mana gandaa ture.
Mana gandaa dulloomaa ...kufuuf duufee lafa ga'uuf jedhu tokko
keessa. Kan yeroo bokkaan roobu akka jirutti dabarsu, Kan
balaqqeettiin aduu karaa meeqa mana keessatti finiinu, kan
dhaabaan mana isaa nyaatamee dhumee maru 'umaan isaa qofti
akka miilla ankassee lafa tumatee dhaabatu, kan dagaleen irraa
dhume; qaawwa sana hamma moofaa itti cuqqaaltee mana duufee
bar'a kufaa boor kufaa eegamu sana keessatti Seenaa qabattee
hamma teessu teessee rakkattee dadhabdee Qananiin fudhattee
gara mana warra isheetti galuu murteessite.
Tibba Gannaa ji'a Adoolessaa dha.
Waan akka Fooxaa dachaaftee fo'aa carqii irraa fo'ame keessa
baafattee ittiin Seenaa dugda irratti hidhattee qajeelte. Karaa
Dagam Sillaasee qaxxaamurtee yeroo isheen Hindee galuuf tabba
mana amantaa Ortodoksiitti achii as ejjettu bokkaan akka malee
roobu, kan qaqawweessi isaa hidha nama kutu ...
yeroo inni lafa ciniinee dhufu isheen tabba sana hin
walakkeeffanne. Amma tokko jalaa ba'uuf achii ol miilla ol
fudhattee fiigdu illee jelaa ba'uu hin dandeenye. Bokkaa buubbeen
60
wal makee cabbii akka nama dhagaa cabsee darbatuu <111rh11111 •,111111
keessa arganaa, qoqaa... yeroo isheen fiigdee dhuftt'r 111111111
hawwaalaa keessaa tokkotti maqxu lubbuun dhuftee mormntt i
galteetti.
Seenaan dugda Qananii irraatti bokkaan itti roobee cabhiin
sammuu ishee keessa waan rurukkutaa tureef iyyitee dhiisuu didde.
Qananiin harka ishee lamaaniin ofirratti dhadhooftee ... dhadha'aa
uruursuu ....." ushururu,u,u, ushururu,u,u" sagalee danboobaadhaan
uruursaa asii ol yeroo isheen gara baaxii manaa ol ilaaltu, bofti
bantii mana sanaa keessaa karaa gamaa isa sila mukatti maramee,
maramee taa'u hiikkatee gara isaaniitti achii as... arraba baafatee
lo'aajira.
Sammuu Seenaa waraanuuf hamma xinnootti hafe; kan iji Qananii
arge. "uuu,uu...uuu ...uu ..." jettee iyyitee bokkaa keessaa
baqatteetti baqatte. Roobni guyyaa sanaa ishee irratti caame.
Qananiin Galiilaaf Eebantuu gidduun abbaa adeemuuf adeemsa
sa'atii sadii kan ture Qananiin sa'atii ja'a deemtee Hindeetti galte.
Guyyuma isheen keessaa baatee deemte galgala halkaniin manni
gandaa sun akka jirutti jigee hunkutaa'e. Namoonni Magaalaa
Galiilaa akka isheen keessaa deemte waan hin beekneef halkan
sana isheetu mucaa wajjin keessatti du'e se'anii mana jige keessa
utuu ishee barbaadanii namni guyyaa karaatti ishee arge tokko
akka isheen biyyaa adeemte itti dubbate .
"Safuu!. .. yaa isa lubbuu uumee!. .. akka inni itti oolchu' "jedhanii
ajaa'ibsiifachaa gara mana mana isaaniitti galanii rufun.
Guyyaa sanaa kaastee Qananiin Seenaa wajjiin mana warra ishee
jiraachuu itti fufte. Erga Seenaan guddattee of bartee warra ishee
61
biratti dhiiftee Musliimoota Magaalaa Giddaatii daldala Dhadhaaf
Dammaaf gabaa Hindeetti marmaaran keessaa tokkotti
heerumte.... Qananiin.
Seenaa akkoo sheef Akaakayyuu ishee obbo Dhugumaa fa'itu
guddisuu itti fufe.
Seenaan abbaan ishee eenyu akka ta'e beekuu dhabdus obbo
Dhugumaan akka akaakayyuu ishee ta'e beekti. Guddattee
jajjabaattee waa'ee abbaa ishee qorattee beekuuf karaa namoota
bakkee yaalii gootus qabatamaatti odeeffannoo dhugaa hin
arganne. Guyyaa tokko iddoo Obbo Dhugumaan mana hin jirretti
Akkoo ishee qofaatti argattee "Akkoo! ... Abbaan koo eessa jira?
Eenyu jedhama? Maqaa abbaakoos nabarsiisaa !" jettee sagalee
Iaaffifattee gaafatte.
Lafti ganama. Tilmaamaan naannoo saa'atii sadii ta'a. Isa caama
karkarfachuuf akka Seenaan balbal duratti teessuma baaftuuf itti
himte sana dhiiftee bakkuma ciiftu ciiftee gaaffii isheen gaafatteef
utuu deebii hin kennin takka itti yaaddee "Mee yeroo inni galu
Akaakayyuukee gaafadhu kana!" jettee gara isaatti of irraa
haqaaqxe. Gaaffii kana gaafachuu isheetti baay'ee ajaa'ibsiifattee
dhoksitee dhoksitee akka nama haaraatti Seenaa ilaalti. Ija lafa
jalaan. Isa xinnaan guddataa adeemu, isa wallaalaan baraa adeemu
sana dinqisiifatti ciiftee!
Seenaan guyyaa sana kanumaan calliftee dhiifte. Irra deddeebitee
gaafachuu hin barbaanne. Guyyaa muraasaa booda Obbo
Dhugumaa qoofniitti waan argatteef gaaffii yeroo darbee sana isas
gaafatte. Akka isheen isa gaafachuufjirtu dursee Akkoo ishee sana
irraa waan dhaga'eef akka isheen isa Arraba ishee irra barbaadaa
afaan ishee irra eegaa ture.
62
, : I T O / T T urd v T : c
"Abbaan kee xinnummaa keetti haadha kee wajjin 111a1111 d11ww1111
keessatti isin dhiisee bade; kun ta'uunis bara dhi ·oo sill i h111
fakkaatin; ati dhalattee waggaa lamatti Abbaankee abbaa ~11111
jabeessa ture!" jedhee, itti ammeessaa itti odeesse. Yaanni is1111
akka isheen garaa kutattee waa'ee isaa hin kaafneef ture.
Afaan isaa irraa fuutee "Maaltuu akka inni garaa jabaatu isa
taasise?" jettee waaninni hin jetti jedhee hin yaadiin jettee gaafatte.
"Gara jabeessa maaltuu garaa jabeessa? Hammina yaada garaa isaa
malee!" jedhee kanumaan faarajalaa dhokfatee fiixee gaabii taa'ee
micciiru sanatti deebi'e. Balbala dura taa'ee hancufa jiifatee fiixee
gaabii sana micciiree fo'aa wajjin haas'aa ture.
"Namni barbaade hin jiruu? Warra hin qabuu? Warri isaa maaliif
hin barbaanne?" jettee, wal walirratti gaafatte.
"Ani waa'ee warra isaa waanan beeku hin qabu. utuu ta'ees beekaa
maaltu barbaada? Nama beekaa bade barbaaduu? Utuu wallaalaan
wallaalee badee beekaatu barbaada! Beekaa beekaa bade immoo
...." Jedhee, addaan kutee, deebi'ee "Garuu ... odeeffannoon
waa'ee isaaf jirus akka waan inni lubbuun jiruutti miti. Harnataan
tokko tokko 'Du'eera' jedhee odeessa. Oduun kun garuu bar-tokko
ho'ee, bulluqee odeeffameera. garuu nama hin hawwanliniin
'Du'eera' jechuun nu dhiba! ta'us nama bakki inni jiruuf maal
keessa akka inni jiru hin beekneenis 'Jira'jechuun uumu dhiha!
nama dhugaa sobaa godha!"jedhee, ammas utuu odccssce hin
xumurin "Jilaa nama sagaleen isaa hin dhagaa· 111111w, 1w11H1 kan
dhalche hin guddifneef, nama kan irraa dhalate hin yuudanneen
attamitti 'Jira ' jedhu!? utuu jira ta'ccs'!..." jedhee haarii yaada
garaa isaa sana tuttuqee ofitti dammaqsc.
63
Seenaanis haalli haasaa Isaa kun waan itti toluu dideef achuma
irratti dhiiftee mata duree oduu jijjiirtee barreeffama gidduutti
dhiifte jalqabuuf dabtarashee banatte. Erga guyyaa sanaatii
deebiftee hin gaafanne. Mana barumsaattis akaakayyuu isheetiin
waamamuu itti fufte. Amma Seenaan barattuu kutaa ja'aati.Yeroo
isheen sadarkaa kana irra geessu Akkoon isheef akaakayyuun ishee
waan dulloomaniif deggersa yaadaa kennuufii hin dandeenye.
Seenaadhaan namni akka jireenyaa gorse guddise hin jiru.
Shamarree hiyyuma namaaf qabeenyaan dararamaa guddatte.
Ammas waan guddattee jelaa baate miti. Haalli isheen ittiin
jirenya ishee fooyyeffachaa jirtu sadarkaa ummurii ishee wajjiin
wal hin madaalu.
Erga dhi'oo as laga buute bishan namootaaf waraabdee qarshii
muraasa argachuu jalqabdeetti. Bishaan magaalaa waan hin
galiiniif uummanni magaalaa kanaa lagaa waraaba. Seenaan
ganama amma manni barumsaa ga'utti al tokko ta'a malee laga
buutee bishaan utuu hin fidiin hin haftu. Ganama obboroo kaatee
gara lagaatti fiigdi. Namni kamiyyuu ganama laga bishaanii yoo
bu'e ishee hin dhabu; waan laga bulte fakkaatti. Galgala mana
barumsaatii gallaan dabtara ishee lafa buuftee gara lagaatti darbiti.
Kanaan jireenya ishee kaleessa irra har'atti ceesiftee, har'a irra
immoo booritti dabarfachuuf fala isheen falattedha.
Namoonni mana keessa hergachuuf kan itti siqani hin hasofsiisiin
hin jirani. Garuu tole jechuu didde. Akka isheen kaayyoo cimaaf
kutattee ka'aa jirtu waan hubataniif amma ajaahibsiifachuutti
dhufaniiru. Halkan dabtara ishee dubbisaa bulti. Dareettis dandeetti
isheen qabduuf fedhiin isheen barnootaaf qabdu bakkee ba'ee
mullataa jira. Utuu namni jajjabeessu jiraatee namni kaayyoo qabu
ku ...
64
j T n I T T UlC1 f, T , r
Seenaan isa jalqabaaf marsaa laguu ofirratti argitc. Mnaliin
akkamitti akka dhoksattu waan beektu hin qabdu. ( iochaun
Firaa'ol guyyaa sanaa ija ishee duraa hin dhokatu. Kan shamurran
qullaa buusanii golgan qullaa buusee dhokse Firaa'ol. Seenaan
guyyaa sanaa kaaftee akka obboleessa ishee isa hidda handhuuraa
tokko irraa citaniitti ilaalti. Utuu obboleessa qabdi ta'ee ...
Gochaan harmee isaa irra caalaatti akka isheen itti dhiyaattu ishee
taasise. Seenaafi Firaa'ol guyyaa sanaa kaasanii wal malee hin
adeemani. Namoonni isaan hin beekne akka isaan obbolaa ta'aniitti
hubatu. Kan obboleettii malee dhalateef obboleettiin ishee
obboleessa malee dhalatte! Kan obboleessa malee dhalatteef
obboleessis ...
Haaluma kanaan barnoota isaanii isa sadarkaa gadii waliin
xumurani. Isa kutaa tokkoo hanga saddeetiitti. Aanaa Eebantuu
keessa manni barumsaa sadarkaa lammaffaan hin turre. Kanneen
barnoota sadarkaa lammaffaaf darban gara Magaalaa Giddaa
Ayyaanaa deemanii itti fufu.
****
65
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf

Contenu connexe

Tendances

Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMohammed Abdo
 
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...Jaafar47
 
Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx
Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptxLeenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx
Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptxJaafar47
 
4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptx4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptxMohammedAbdela7
 
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...AmentiTeka1
 
бие даалт 1,2 бат өлзий
бие даалт 1,2  бат өлзийбие даалт 1,2  бат өлзий
бие даалт 1,2 бат өлзийEnhmandah Hemeelee
 
Baptist Church of Mizoram- Beirual Thuzir- 2014 (Kristian Nun)
Baptist Church of Mizoram- Beirual Thuzir- 2014 (Kristian Nun)Baptist Church of Mizoram- Beirual Thuzir- 2014 (Kristian Nun)
Baptist Church of Mizoram- Beirual Thuzir- 2014 (Kristian Nun)Lehkhabu Khawvel
 
GEQIP E -SG new.pptx
GEQIP E -SG new.pptxGEQIP E -SG new.pptx
GEQIP E -SG new.pptxJaafar47
 
11 متشابهات في سورة هود
11  متشابهات في سورة هود11  متشابهات في سورة هود
11 متشابهات في سورة هودRivado
 
Eoffice n gariin avlaga
Eoffice n gariin avlagaEoffice n gariin avlaga
Eoffice n gariin avlagaHulgee Ganaa
 
Musep Lemchan ( Skit) Dawn Chiang Teh 2
Musep  Lemchan ( Skit)  Dawn Chiang Teh 2Musep  Lemchan ( Skit)  Dawn Chiang Teh 2
Musep Lemchan ( Skit) Dawn Chiang Teh 2Ellis Pachuau
 
Leenjii Bulchiinsa Qabeenyaa 2015 Sirrii.pptx
Leenjii Bulchiinsa Qabeenyaa 2015 Sirrii.pptxLeenjii Bulchiinsa Qabeenyaa 2015 Sirrii.pptx
Leenjii Bulchiinsa Qabeenyaa 2015 Sirrii.pptxJaafar47
 
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptKenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptTeshomeFeye2
 
Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012
Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012
Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012addisuu
 
8 متشابهات في الأنفال
8  متشابهات في الأنفال8  متشابهات في الأنفال
8 متشابهات في الأنفالRivado
 
Excel dasgal
Excel dasgalExcel dasgal
Excel dasgaloyuna
 
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptxAdaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptxJaafar47
 
Ogummaa malleen jireenyaa
Ogummaa malleen jireenyaaOgummaa malleen jireenyaa
Ogummaa malleen jireenyaaHabteTefera2
 

Tendances (20)

Barumsa bu
Barumsa buBarumsa bu
Barumsa bu
 
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
 
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...
Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wixinee Qajeelfam...
 
Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx
Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptxLeenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx
Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx
 
4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptx4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptx
 
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
 
Burqaa gammachuu dhugaa
Burqaa gammachuu dhugaaBurqaa gammachuu dhugaa
Burqaa gammachuu dhugaa
 
бие даалт 1,2 бат өлзий
бие даалт 1,2  бат өлзийбие даалт 1,2  бат өлзий
бие даалт 1,2 бат өлзий
 
Baptist Church of Mizoram- Beirual Thuzir- 2014 (Kristian Nun)
Baptist Church of Mizoram- Beirual Thuzir- 2014 (Kristian Nun)Baptist Church of Mizoram- Beirual Thuzir- 2014 (Kristian Nun)
Baptist Church of Mizoram- Beirual Thuzir- 2014 (Kristian Nun)
 
GEQIP E -SG new.pptx
GEQIP E -SG new.pptxGEQIP E -SG new.pptx
GEQIP E -SG new.pptx
 
11 متشابهات في سورة هود
11  متشابهات في سورة هود11  متشابهات في سورة هود
11 متشابهات في سورة هود
 
Eoffice n gariin avlaga
Eoffice n gariin avlagaEoffice n gariin avlaga
Eoffice n gariin avlaga
 
Musep Lemchan ( Skit) Dawn Chiang Teh 2
Musep  Lemchan ( Skit)  Dawn Chiang Teh 2Musep  Lemchan ( Skit)  Dawn Chiang Teh 2
Musep Lemchan ( Skit) Dawn Chiang Teh 2
 
Leenjii Bulchiinsa Qabeenyaa 2015 Sirrii.pptx
Leenjii Bulchiinsa Qabeenyaa 2015 Sirrii.pptxLeenjii Bulchiinsa Qabeenyaa 2015 Sirrii.pptx
Leenjii Bulchiinsa Qabeenyaa 2015 Sirrii.pptx
 
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.pptKenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
Kenna Tajaajilaa maamiltotaa mootumma.ppt
 
Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012
Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012
Qajeelfama raawwii hoggansaa qabeenya namaa 2012
 
8 متشابهات في الأنفال
8  متشابهات في الأنفال8  متشابهات في الأنفال
8 متشابهات في الأنفال
 
Excel dasgal
Excel dasgalExcel dasgal
Excel dasgal
 
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptxAdaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
Adaamaa power point 2015 Efa (1).pptx
 
Ogummaa malleen jireenyaa
Ogummaa malleen jireenyaaOgummaa malleen jireenyaa
Ogummaa malleen jireenyaa
 

Similaire à Qoricha Maraatuu5.pdf

Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptxLammiiEdae
 
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdfKALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdfDesalechali1
 
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Bahar Abdi Dawid
 
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfBAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfDesalechali1
 
Boqonnaa tokko
Boqonnaa tokkoBoqonnaa tokko
Boqonnaa tokkodinqicala
 
Dhalootnii kun
Dhalootnii kunDhalootnii kun
Dhalootnii kunKula Jilo
 
Dhalootnii kun
Dhalootnii kunDhalootnii kun
Dhalootnii kunkula jilo
 
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfHiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfDesalechali1
 
Jedhi Malee (just do it).pdf
Jedhi Malee             (just do it).pdfJedhi Malee             (just do it).pdf
Jedhi Malee (just do it).pdfDesalechali1
 
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxhubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxJaafar47
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfgdirbabaa8
 
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdfHidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdfDesalechali1
 

Similaire à Qoricha Maraatuu5.pdf (20)

Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptx
 
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdfOromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
 
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdfKALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa  Barbaachisoo ).pdf
KALLATTII (Qajeelfamootaa fi Falaasamoota Jireenyaa Barbaachisoo ).pdf
 
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
 
Siqe
SiqeSiqe
Siqe
 
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdfBAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
BAALLEE KITAABAA KEESSAA (OF FOYYEESSUU).pdf
 
Boqonnaa tokko
Boqonnaa tokkoBoqonnaa tokko
Boqonnaa tokko
 
Dhalootnii kun
Dhalootnii kunDhalootnii kun
Dhalootnii kun
 
Dhalootnii kun
Dhalootnii kunDhalootnii kun
Dhalootnii kun
 
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdfHiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
Hiriyummaa fi Deebii'anii wal arguu .pdf
 
Jedhi Malee (just do it).pdf
Jedhi Malee             (just do it).pdfJedhi Malee             (just do it).pdf
Jedhi Malee (just do it).pdf
 
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptxhubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
hubannoo_daldala_seeraa_alaa.pptx
 
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumnBarnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
 
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdfFayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
Fayyeeraa Waaqoo Ayyaanaa.pdf
 
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumnBarnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
 
Oromo - Testament of Dan.pdf
Oromo  - Testament of Dan.pdfOromo  - Testament of Dan.pdf
Oromo - Testament of Dan.pdf
 
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdfHidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
Hidhaa Jaalalaa :imlaa maatii koo !!.pdf
 
Oromo - Testament of Gad.pdf
Oromo - Testament of Gad.pdfOromo - Testament of Gad.pdf
Oromo - Testament of Gad.pdf
 
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdfOromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
 
Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6
 

Plus de walaansoodhokataa (8)

Project Ch-1.pptx
Project Ch-1.pptxProject Ch-1.pptx
Project Ch-1.pptx
 
chapter -1.pdf
chapter -1.pdfchapter -1.pdf
chapter -1.pdf
 
CHAPTER 1.2 (1).pptx
CHAPTER 1.2 (1).pptxCHAPTER 1.2 (1).pptx
CHAPTER 1.2 (1).pptx
 
Class lecture.pptx
Class lecture.pptxClass lecture.pptx
Class lecture.pptx
 
Presentation1.pptx
Presentation1.pptxPresentation1.pptx
Presentation1.pptx
 
Mul’ataa koo gara fulduraa.pptx
Mul’ataa koo gara fulduraa.pptxMul’ataa koo gara fulduraa.pptx
Mul’ataa koo gara fulduraa.pptx
 
TOPIC.pptx
TOPIC.pptxTOPIC.pptx
TOPIC.pptx
 
A.H.pptx
A.H.pptxA.H.pptx
A.H.pptx
 

Qoricha Maraatuu5.pdf

  • 1.
  • 2. QORICHA MARAATUU © Magarsaa Qana'aa Asoosama Teessooo: Mob.0917099505 Mob.0925845957 Email: megiikenea2015@gmail.com Facebook: Aagaa Buuree Ergee Gulaaltota: 1. Dhaabaa Wayyeessaa (MA) Gaazexeessaa (VOA), Ogeessa fiilmii, barreessaa Asoosamaaf fiilmii, gulaalaa kitaaboleetis. 2. Fedhasaa Taaddasaa (MA) Barsiisaa, barreessaaf gulaalaa kitaabole. Mirgi abbentaa seeraan eegamaadha. Kitaaba kana hayyama barreessaan ala gartokkees ta'e guutummaan maxxansuun raabsuun seeraan nama gaafachiisa. Maxxansa lffaa Sadaasa, 2/2008/15 Maxxansa 2ffaa sadaasa 2/2010/17 Finfinnee Oromiyaa Yaadannoo Maraattotta qullaa Magaalaa keessa fiiganii dhagaa darbataa, warra hidhamanii hiikamanii, hidhamanii hidhaan dadhabeef: yaadannoo haa ta'u. Isa abjootee abjuu ta'ee hadoodee raatuu ta'ef, nama sobni quufee lafa dhiinnaan, dhugaan mataa buusee qooknaan, miilli mataa hooqnaan, kansaa ormaaf taanaan, ormi qe'ee dhuunfannaan maraateef.... Dhuguma Seenaan nama maraachiiti ! Jara Seenaan maraachite, maraattota qullaa buusan, warra huccuu keessatti maraataniif, maraatuu waan barbaade dhabee maraate, maraatuu qoricha dhabee hidhaaf reebichaan jiaratuuf yaadannoo haa ta'u! Akkasumas rak:kattoota daandii gubbaa taa'anii kadhatan kanneen naannoo mana amantaa, qaxxaamura karaaf gabaa keessa adeemanii harka facaasanii kadhatan sanaafis yaadannoo haata ··· u. Yeroon akkas jedhu namootan maqaatiin beekaa ture Dhibhi-.aa. Qumnagar Warquu, Dhugumaa Siyaannee... fa'i11111 11a11i yaadatama. Biyyoon isaanitti haa salpatu! malee utuu d11'a1111 11111 badiin isaan kadhattoota magaalaa Hindeef ummatn 11111111111111 ~1111.w biratti beekamoof jaallatamoo turani. Carraa kannui fuyv:ul:1rnct'11 warra hiddi isaanii gogee qacceen isaanii gnhunhhull' kana warra nama yaadatu hin qabne yaadadhen isin ya11d11d1iisa. Yaadannoo ii 111
  • 3. Galata Dursa isa amma jedhe ga'u, isa akeeka isaa bakkaan gahatu, hin jijjiirarnne, uumaa umama isaa kabaju, angafa nagaa Uumaa keenyaaf galanni macca hundumaa biraa isaaf haata'u. Akkasumas warra utuu hin baratiin baranii na barsiisan, "Baradhuu bari'. Barii barreessi! Barreessii nuuf dubbisi! Dubbisii nuuf dubbadhu! Duubbadhuu dubbachiisuuf!" natti cabanii warra na guddisan abbaakoo Qana'aa Wiirtuuf Harmeekoo Nagaashee Gammachiisiif galanni qofti hin malu. Obbolaankoo kan waliin dhalanne, Urgee Qana'aa, Alamituu Qana'aa, Qalbeessaa Qana'aa, Ayyaantuu Qana'aaf Amaanu'el Qana'aa jara bu'uura milkaa'inakooti. Nan gal~teeffadha. Yeroon barnootakoo sadarkaa addaa addaa baradhu mara kan deggersi isaanii na biraa hin dhibamiiniif kitaabni kunis amma xummura argatutti Ogummaatiin na wallaanuu bira darbanii abbumaa isaa fudhatanii Ispoonsera kan naaf ta'an, jaalleef hayyuu uummata Oromoo Eessumakoo Dhaabaa Wayyeessaaf maatii isaaniif kabajaaf jaalalan qabuuf ibseen galateeffadha. Nuffii tokko malee jalqabaa anga xummuraatti Rispoonsera hojii kanaa kan naaf ta'e Abdii Taakkalaaf galanni ani qabu qofaatti. Yeroo yerootti gorsaaf tumsa cimaa naaf kennuutiin obsaaf ogummaa kan naaf ta'an Daadhituu Bayyaneef matii isaanii hundaatu utubaa milkaa'nakootii ta'ee natti mullata. Hiriyyoonnikoof michoonnikoo warri jalqabaa amma xummuraatti na waliin yaadaan itti gubachuu irra clarbanii galma ga'insa isaaf iv kan mala dhahaa turan; Darajjee Dheeressaaf maatii isaa, Ecbbisaa Tarrafaaf maatii isaa, Mallasee Argawuuf maatii isaa, Guddinaa Toleeraaf maatii isaa, Rattaa Guddataa, akkasumas Biraanuu Sanbaatoo sabni Oromoo afaan isaa, aadaan isaaf Ogbarruun isaa ittiin baballate ana waliin haa galateeffatu. Michootakoo Eebbisee Dagaagoo, Aster Mardaasaa, H/W Alamaayyoo Abdiisaa, Shibbiruu Nagaasaa, Balaay Alamuuf Tsagaahee Waajjiraafaa warra amma ani xummuritti akka Haaroon arka gara waaqaatti naaf qabanii tumidha. Naaf haa jiraatani. Oggummaa barrreeffama kopuuteraan kan itti naaf dadhaban, Caalaa Fiixee, Aster Mardaasaaf maatii ishee guddaan galateeffadha. Fakii qola kitaaba kanaa irra galuuf kan suura isaanii naaf arjooman Warqinash Duuressaa, Daawit Algaaf Sooromee Tafarraa galanni isaanii kan onnee koorraa maddedha. Qola kitaaba kanaa kan maxxansa 2ffaa akka fooyya'een akka dhiyaatuuf kan naaf dhadhabe Gammadaa Olaanaa daddabaleen galateeffadha. kanatti bifa hayyuu keenya Yeroon akka Sinbira mana gadhiiftee ta'ee, akka Hos11111111, adamsame kan golgaa naaf ta'an Warqish Ayaanaaf rruuuii isaaniii galannikoo dilbii hin hirranne ta'eefii, gurnaachi isaanii s1111 11aar isaan biratti Siidaa yaadannoo haata'u. Namoonni ani utuun maqaa isaanii hin xuqiin yeroo hundumaa galata isaanii Alala guuraa deddeebi'u heedduudha. v
  • 4. Abdii Taakkalee Hundeef Abdi! Ati hin miixatte. Ani nan ofkale! Utuu ati dhimma kana dhimmakee hingodhanne ta'ee amilee maaliitiinan hojjedha! Gumaachikee tokko lama miti. Kitaaba kana sikeessattan dubbiseen barreesse. Kennaakee humnakeef qabeenyakee caalaa inni ati yeroo wal arginu hunda jalqabaa kaasee amma xummuraatti, isan irra deddeebi'ee seenaa kitaaba kanaa sitti odeessuuf yerookee naaf kennitee utuu na hinnuffiin isa ati obsaan na dhaggeeffattee gorsaaf jajjabina naa kennaa turte sanatuu tilmaama hin qabu! Dhamaateenkee kun kan nama tokkoof hoolame miti! Kan lammii keenya maraaf hoolamedha. Kun dhoksaa milkaa'ina keenyaati. Lammiikeef jiraadhu. Kan akkakee nuuf haa margu! vi I J. Dhaamsa Barreeffaman barreessaa ture bifa kitaabaan isiniif dhiyeessuun anaaf isa jalqabaati. Gara fuula duraatti wantootni ani sirreeffadhu akka jiran nan beeka. Ani Asoosama mata dureen isaa "QORICHA MARAATUU" jedhu kana akkan barreessuuf wanti na kakaase waa heedduudha. "Dugda hindhungatanii, hunda hin dubbatanii" jedhu, warri keenya. Isaan sana amma waanan tarreessu miti. Garuu jabina Waaqayyoon jalqabee gara xumuraatti fideera. Ta'us ani hundan barreesse miti. kaan isiniif, kaan ofiifan dilbii hanbifadhe. Dubbisuuf barreessuu waliin jalqabne kana walumaan haa xummurrun dhaamsa kooti. Hub:- Dubbistoonni koo Asoosama kana keessatti dogoggora Aadaa, Afaanii, Qubee, Seera uumaaf uumamaa yoo argitan, dogoggora kooti; malee kan Aadaa keenyaa ykn kan uumaa keenyaa akka hin taane himeen "Na hofkalchaa" isiniin jedha.. ► Yeroo dubbistan miira dubbisaa keessa seenuudhaan akka inni isin taasise ta'aa dubbisa. Fkn:- Yoo inni isin gaddisiisc gaddaa, yoo isin boosise boo'aa, yoo isin dallansiise dallanna, yoo isin kolfisiisee kolfaa, yoo isin sirbisiise Amantaa keessan , of keessatti eeggadhaatii sirbaa, yoo isin ciibse ciisaa abjoodhaa, yoo isin ajjeeses du'aa, yoo isin muraaches huccuu of irraa baasaa, yeroo fayyitan uffadhaa. biyya .inni isin geesse deemaa, waan inni isinitti mullisu ilaalan! Kun amala inni of keessaa qabu dha. vii
  • 5. ,,, Ka'umsaaf xumura seenaa kanaa beekuuf jalqabaa amma xurnuraatti yoo xiqqaate si'a lama utuu gargar hin kutin duraa duubaan dubbisaa. Ijoollotni dandeettii dubbisa dheeraa hin horatiniif «1n,rnuudhaan hin bilchaatin utuu bara kanaaf ga'aa ta'ani naaf :1nbbisanii hawii kooti, , feroo dubbiftee xummurtu kitaaba kana argattee dubbisuu keetii kan gammadde yoo taate waa sadii godhi: I: Bilbiliitii yaada naaf kenni! 2.Kitaaha kana nama baayyee jaallattu, kan kitaaba dubbisuu akka amaleeffatu feetuuf tookko bitii kennaa godhii kenniifi. .:Kitaaba kana iddoo gaarii kaawwadhu. Namaaf hin ergisiinis. Dubbisa gaarii viii 1 Rooba buubbeen dhaalame... mukeen gurguddoo irraa damoota harcaasee, guddaa qullaa dhaabee salphisu! Biqilaa lafarraa buqqisee duguugee mancaasu!..: Mana diigee namas tamsaasa! Buubbeen sun obonboleettii makatee biyya rakkisa. Isa yoroo Naqamteen dhaabatanii ilaalan tulluu Koomtoo ol ambisee.... Warri beekan "Bokkaa karaa Koomtoo dhufeef dubbii karaa Qoonqoo... " jedhu. Amma waaqatuu sabasaaf yaadee sabbata isaa diriirse! Sechi kichuun buqqa'ee guddaan salphachuun itti hin fufu! Manni diigamee namni tamsa'uun raawwateera! Ganni darbee birraan bari'ee yeroon weedduus ga'eera! Abaaboon daraaree sinbirroonni weeddisanii, sagaleen Gugees dhagaa'amuutti jira. Hurriin gaarren irraa sokkee, fagoon dhiyaatee, dukkanni ifee, dhokataan mullachuutti jiru. Tulluun, dachaan, dirreen ifanii qulqullaa'anii argamu. Waan gammadan fakkaatu! Daraaraan daraaree urgaa'ee, Boqqolloon bilchaatee asheetiin nyaatamuu eegalee, Agadaan harraba babbaafatee nama harrabsa! Ifti biiftuu ganamaas nama daawwachiisa, bakkeetuu miidhaga, lafatuu ifa, qilleensatuu... shiw... shiw... shiw... jedhee, qabbaneessa. Jireenya ilma namaa fakkata! Yerroo tolu ..... Hojjennaan milkoofnaan... , abjoonnaan dhugoomnaan ... dorgomnaan mo'annaan ... haggaamnaan qabannaan, barbaannaan argannaan, akka bofaa muuxatul ni haara'u! haaraata'u! keessa namaatuu gagammada. Abdiituu daraara. Abjuutu bilchaata. miilatuu nama fiiga. qalbiituu deebee gala. utuu hinyaatiin 1
  • 6. - gabbatu. soda malee dubbatu. fuula namaatuu ifa. dukkanatuu sokka! Yeroo bari'us waan hindhiine fakkaata. Ofii garuu ifnis dukkannis yeroo qaba.Yeroo ifutti ifee yeroo dukkanaa'us dukkanaa'a. Suuta suuta iddoo waliif gadhiisu. Isaaniif seera. seera Uumaa uumamaa. Utuu dukkanni hin jirree ifti galata hin qabu! Utuu ifni hinjirree dukkanni hinbalfamu. Dukkana guyyaa bineensaa, kan bineensi keessaa wacu! Inni nama nyaatu, inni guyyaa balfu, kan keessaa guungumu! Dukkana golgaa fafaa kan budaan keessaa waastu! budaan nama nyaattu, kan guyyaa namaa halkan bineensa! kan guyyaa dhokatu halkan bakkee keessa!, kan halkan hasaasu guyyaan bakkee baasa! warra halkan hamatut guyyaa ija dheessa! Hundumtuu yeroo ofii isaanii keessatti dachee kana irratti waan danda'an hojjetu. hangafaaf quxisuu fakkaatu. Eenyu akka hangafu namni beeku hinjiru yoo ta'e iyyuu uumaan uume beeka. Afaan Uumaa keessaa kan dursee ba'e garuu dukkana. Akka dukkanni dursutti dubbata. Dukkana Limixiitu lafa uffisee ture. Isaa booda kan urjiin, Jiiniif kanneen halkan yeroo asii ol ilaalan gombisaa bantii waaqaa jelaan akka xomboraa achii gadi ilaalanii dukkana sana ibsan uumaman. Utuu isaan amma humna isaanii itti hin dadhabne ta'ee dukkanni kun hamaa ture. amma Aduun ba'utti. Galanni urjootaaf ji'a sanaa hinbadiin. isaantu hammasuu sodaachiise. Isa booda, kan ifti dhugaan baanaan dukkanaan "Halkan" jedhamee, guyyaadhaan "Guyyaa" jedhame. Hamma Biiftun baatutti wanti ifaaf dukkana addaan qoode hin jiru. ifti booda dhufe. dukkana booda. kanaaf kan dura dukkanaa'ee booda ifa; 2 l kan dura ife booda dukkanaa'a; Isas dabaree isaa dukkanatu eeggata. Kanaaf ifee dukkaneessa. Kan dukkanaa'e erga hin ifa ta'ee iftis dabaree isaa dukkanaaf bakka gadhiisa. Dukkanaa'uun waan in oolleef golaa ifa. Akka ifu waan beekuuf hammaatee dukkanaa'a! Garuu dukkanni kun isa kami? Isa guungumnaan dhagaa'amee iyyannaan maraatuu jedhamani?... isa Gurri dhaggeeffatee dhaga'ee Harrabni adoodee dubbachuu didu? Kan garaan haasa'ee boonyaan ilkaan qasa'ee kolfu! kolfa ilkaanii isa Garaan abidda baatu! Tarii isa himatanii himatamanii, guyyaan dukkanaa'ee, Qaroon keessa ofii ciimma'u sanaa? isa abjuun abjuu ta'ee hafee... qalbiin akka culuuluu Dabaaqulaa....akka firii Baachoo ... akka buqqee Seexanaa.... Rarra'ee taa'u!.... waan kaa'an fuudhuun dhibee waan fuudhan kaa'uun dirqama ta'u kanaa?.... ....kan utuu hin haasa'iin haasa'amanii, utuu hinargiin gaafataman! yeros taa'anii adeemu! ciisanii fiigu! Hin ulfaa'iin da'u! argamanii dhibamu! Kanaaf, waanti hundumtuu Ilkaaniin ta'a! Ilkaaniin gabaa ba'anii IIkaaniin gurguramu ! llkaaniin bitamanii, irbaata Ilkaanii ta'u ! Kanneen kanatuu wal nama gansiisa. utuu ilaalanii argaa wal nama saalfachiisa! Yeroo Arrabni lama ta'u gar-Iamatti huasa'unil gar-lamatti warroomu! kana dukkanni guyyaa dukkunccssu! nama namummaa gansiisee bineensa taasisa! dukkanni hamaan kana! 3
  • 7. ....haasa'anii hin ofkollan taanaan akka Gaayyaa mataatti abidda baatanii garaatti bishaan calalanii qoqu ! kami dukkanni kana caalu? Ifti jedhamus kami? Isa gogaa jiidhaa godhanii soba dhugaa taasisanii? beekaa wallalaa taasisanii... wallaalaa mataa beekaa irratti hagsiisanii? du'aa weeddisanii, geeraranii jiraachisanii, isa jiru ajjeesanii? isa gurraachaan adii jedhanii gurracha addeessanii? kanaa ifti? Moo... isa sanyoon gola dhaallaan dhirsi ala taa'u!? Tarii isa aduun iftee dachee kana ibsituu? Hundumtuu yeroo isaaniif kenname keessatti warri ifanis ifanii dukkanaa'uf, warri dukkanaa'anis dukkana'anii ifuuf dabaree walsaamu. Yeroon kan isa yeroon hojjeteeti! Isa darbe jajuun isa har'aa tuffachuudha! Nama yeroof taa'eef yeroon hin teessu! Warra yeroo keennameef keessaatti taphatanii dirree gadi dhiisaniif yeroon tapha kubbaa millaaf kenname daqiiqaa sagaltama qofa. Yoo taphni gartuu lamaanii wal-qixa ta'e daqiiqaatu dabalamaaf. Hamma sanaatti qabxiitu bekama malee mo'aaf mo'amaan hin beekamu. Hamma kun ta'utti eenyu iyyuu eenyuuf dirree hingadhiisu. Hamma humna isaa keessaa gangalata malee. Yerootu dirree keessaa oofee baasa. abbaan seeraa ofii maqaa bada. Yoo kana ta'uudhaa baate taphichi tapha ijoollee isa isaan moofaa bututtuu hodhanii tapahatan ta'a. warra goolii malee daqiiqaa hin lakkoofne ! 4 Warri keenya warri naannawaa Magaalaa kanaa naannaa'anii jiraatan.ta phattoota wayaa taphaa uffatanii dirree marsanii jabeenya qaamaa hojjechaa jiran fakkaatu. Warri dirree seenanii jiran, warra yeroo beekanii yeroo kennameef keessatti taphatanii kan ba'an yoo ta'aniif, isaaniis dabaree isaanii seenaanii taphachuuf waan qaama ho'ifachaa jiran fakkaatu. "ija jabeessaaf falli hindhibu" jedhani. warri taphachuuf malan bakkee jiru.'Ormaaf miila dachaafachuun isaaf miilla diriirsuudha!' Ofiin jalaa maqanii, tokko tokkoon ol naqanii, gadi bahanii har'a akka itti ol galan dhabani. Ammas wayaa ispoortii uffachuun taphataa nama hin taasisu. Baay'ee sosocho'uunis hamma hafee jiru bulleessuudha. Nan kufa! Nan caba! Jechaa yoo taphatan, hin kufu! Hin cabu! yoo kaayyoo ofiif wareegamuuf faarsan immoo kaayyoon ofii hincabiin malee seenaan cabaa wal'aanti. Warri seenaa hinbeekne garuu seenaa booresanii seenaa dhabu. Nama seenaa qoratee, seenaa beekee seenaa hordofuuf garuu warri seenaa hinbeekne yoo wallaalani illee seenaan hinwallaaltu. Isa du'eef isa jiru mararreeffattee faarsitee faarfatti. Kan seenaa wallaalan akkuma jiran uummata akkas biyya garaa garaatii dhufee walitti narnrnee seenaa balleesse kana keessaa Magaalaa kanatti dhalatanii guddatanii akka gnuriitti ijoollonni gurguddootaa durii caalaa seenan beekanjiru. B1111y'cc namoota Magaalaa kanaa akka jireenyaaf wal mukuu namoota qomoo addaa addaatu dagaachiise. Kun qofti» hinibsu, Firaa'ol haadha warraa isaa Seenaaf Aadde Qananii fudhatee Asoosaatii hojiin jijjiramee erga dhufee jiraata Magaalaa kanaa 5
  • 8. ta'ee baatii lama lakkoofsiiseera. Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu Saansuus lammaffaa, naannoo mana adabaa (sirreessaa) dhiiroota. Mana Kireeffatee jiraata. Magaalaan Buraayyuu Magaalota addaa godina addaa naannoo Finfinnee jedhaman keessaa tokko. Magaalaa guddaa Finfinneerraa gara lixaatti argama. Yeroo baay'ee uummata Oromoo shawaa lixaaf godinaalee wallaggaa Arfan keessaa dhufantu hedduumrninaan keessa jiraata. Firaa'olis isaan keessaa tokko ta'eera. Seenaan, dadhabbii waan qabduuf yeroon da'umsashee geenyaan Qananiif Firaa'ol qophii barbaachiisu xumuraniiru. Firaa'ol galgala galgala yeroo hojiitii gara manaatti galu mooraatii ala baasee naannoo mana isaanii irraa utuu hin fageessiin daandii qaqal'oo keessa keessaa sanarra adeemsiisee miilla hikkaachiisa. Waan Dookteroonni jedhan hojiirra oolchaa jira. Yeroo dhi'oo as Seenaan nageenyishee jeeqamaa dhufe. Guyyaa tokko yoo mataa himatte guyyaa tokkommoo laphee himatti. Darbitee darbitee garaa ciniinnaas hin himatti. Waan itti cimeef malee akka aadaa Oromootti dubartoonni garaa dhukkubbii hin himatani. Seenaanis kana beekti. Seenaan gara laphee himattee hin beektu. dhukkuba dhiyooti. erga kanaan qabamtee dhi'ee bari'u dhibeen isheen himattu dha'annaa, rukkuttaa lapheeti. Waan isheen himattuuf dhiiftutu wallaalame. Nyaata dhiiftee qal'attee muka calii taateetti. iji keessatti addaateera. manni yaalaa isaan hinhafne. dhukkubnishee Dookteroota biratti "kana! Sana!" hin jedhamu. Jelaa dhokataadha. 6 l Kan akka Dr.Wandimmuu Xilaahun wajjiin marxifntt.· hlnjiru. Firaa'ol wajjiin yeroo gabaabduu Seenaa deddeebisee ihu1khis1111 ture keessatti michuu waliif ta'ani. Qooqni isaan ittiin walii g11l1111 Afaan Oromoodha. Lamaan Isaanii iyyuu afaan Oromoos tu'c afaan Amaaraas sirriitti danda'u. Kan afaan Amaaraa haaraa itti ta'u, Qananii qofa. Seenaan hamma tokko hin caccabsiti. Dr.Wandimmuun walitti dhufeenya isaan wajjiinii ho'Ifateera. Yeroo beellama Seenaa bilbilee Firaa'oliin waama... yoo isaan dagatan. Jaalalaaf kabaja isaan waliif qabanitti guddaa gammada. Firaa'oliif Seenaan har'as akka yeroo ijoollummaa isaanii sana haasa'anii taphatu. Dubbannaan osoo hintaane ilaalcha ija isaaniitu odeessa.... Jaalala isaani. Kan Dr.Wandimmuu qalbii hate isa kana. yeroo hundumaa yeroo isaan argu yeroo isaa akka qircaa qoqqoodamtee hanqattu sana keessaa isaan wajjiin hindudubbatiin hinhafu. Jireenya isaanii sana dharra'a. Beekumsa fagoo, jireenya ga'aa otoo ofharkaa qabuu jireenya namaa hawwa. Namni uffatee nama keessa adeemuu isan beeku malee mana keessaa abiddarra wal kaa'anii wal gubu . Dr.Wandimmuuf Tigist. Wal jeequ, wal hammacu, wal w111u.h1 . Abiddatu isaan gidduutti boba'a. ol galanii gadi ba'anli, ~11yy1111, dhi'ee bari'u mana dubbii ta'aniiru. Jaarsoliin, hiriyyootni, gaggeessitootni amantaa... jaarsummaa isaanii taa'an ii tl11dh11ha11 i. Al meeqa araarsinaan al meeqa wal diigani. Wanti is1u111 himntaniif wanti isaan wal dhaban wal hin beeku. Ynnnni is111111ii akka dhunguu Harree wal bira darbaadha. Yeroo dhi'oo as immoo haalli isaanii ukka malee hammaataa dhufe. Dr.Wandimmuun darbee darbee malee mana hingalu. Kun immoo isas hamaa fakkeesse. Isa garuu haala mana keessaa 7
  • 9. calaqqisu sanatu mana isa jibbisiise. Tigistis "Mana kooti" jettee akka manaatti mana qabattee hinjirtu. Yaadnishee, qalbiin ishee bakkee jira. bakkee hin bulleef malee. Hundumtuu walitti qeerramsa... yeroo wal argan. Kanatu jireenya warra jireenya isaanii ho'ifatanii jiraatan hawwiisiisa Dr.Wandimmuun. **** 8 2 Duratti maatiin Dr.Wandimmuu dhaloota achii miti yoo ta'e iyyuu Godina Qelleem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan Machaaraa jiraatu. Dr.Wandimmuun achitti dhalatee guddate. Yuuniversiitii Jimmaati kan inni Dookteeran eebbifame. Akkuma eebbifamee ba'een · Finfinnee Hoospitaala Phaawuloositti ramadamee hojjechuu eegale. Yeroo boqonnaa isaatti Hoospitaalota, Kilinikoota miti-mootummaa ta'an irra deemee hojjeta. Dr. Wandimmuun amantaa isaa jalqabuma irraa eegalee akka gaariitti hordofa. Yoo kaaniif yeroo dhabe illee waaqeffannaa isaaf yeroo hin dhabu. Achittis koree adda addaa keessa galee hojjeta. Tigistinis achitti bare. Tigist abbaashee Taganyiif harmee ishee Tsadaaluu irraa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa horroo Ganda rifeentii Caabiritti dhalatte. isaan biyya sanaaf galaadha. malee dhalataa biyya sanaa miti. ta'us akka biyya sanaatti sooreessi beekamaan Obbo Taganyi ture. Akka qabeenyaan cimaa dhufeen maatii isaa hunda sassaabbatee Magaalaa Finfinneetti gale. Tigistis harka caalu Finfinneetti guddatte. Maatiin ishees ta'e isheenis akka gaariitti amantaa isaaniitti cichu. Amantaa Ortodoksi. Tigistiif Dr.Wandimmuun yeroo wal baran, Tigist barattuu kutaa kudha tokkootti. warrishee akka gaariitti guddisani. Carraan namootni itti ishee barbaadanii argatan dhiphaadha. yeroo baay'ee obbolootashee wajjiin deemti. Otoo waan qofaatti argamtu taatees waan afaan saaqqattee dhiira haasoofsiiftu hinfakkaattu. 9
  • 10. callisuutiin beekamti. Waanuma yeroo kadhannaa godhattu qofa dubbattu fakkaatti. Dhiira surree hidhatu ol jettee hinilaaltu. Homashee kana hunda ilaaleeti kan Dr.Wandimmuun ishee jaallachuuf murteesse. Ofii isaa haala mijataa waan dhabeef karaa geggeessitoota amantaa isaanii itti dhaqe. Isheenis geggeessitoota isaaniitiif iddoo guddaa waan kennituuf Dr.Wandimmuu jala hindeebifne. Jaalalli isheen isa jaallatte garuu quubsaa hin turre. Haaluma kanaan utuu yeroo itti hinkenniin kaadhimmate. Yeroo sana barattuu kutaa kudha lamaa turte. Dr.Wandimmuun kaadhimmatee utuu hinturiin barumsa dabalataa biyya bakkeetti argatee deeme. Tigistis barnoota Yuuniversiitiif darbitee Yuuniversiitii Bahardaariin ishee gahe. Innis barnoota isaa xumuree hanga gara biyyaatti deebi'utti, isheenis hanga barnoota xumurtutti calleensa waggaa muraasaatu isaan gidduu ture. Hamma yeroo kanaatti innis isheenis waadaaf kakuu qubeelaa kabajanii turani. Yeroon boqonnaa barnoota isaanii yeroo garaa garaa ta'us si'a Dr. Wandimmuun galu qofa wal arguuf carraa qabaachaa turani. Akka barnoota xumuraniin gara gaa'ela isaaniitti akka seenaan isaan miti namni iyyuu qopha'aadha. Dr.Wandimmuun barnoota xumurus gara biyyaatti waan hin deebi'iin jiruuf yeroo eebba Tigist carraa irratti argamee eebbisiisuu hin arganne. Maatii ishee qofatu argamee eebbisiise. Amma garuu eebbifamanii galanii isa argaa ijaaf wal dheebochaa turan, jaalala qilleensarra ta'ee ture sana akka nama nyaata dharraa nyaatuutti qoosmiittis ta'e hiriyyoota isaanii wajjiin 10 dhamdhamaa jiru. dhamdhama harraba. dhimma isaanii Iulurm harkisuu hinbarbaanne. Akka ariifatuuf haalduree lafa j11l111111 xumuraa jiru. Dr. Wandimmuun Tigistis gama ishee ilaallatuun ... marii isaan gidduutti ta'u dur mari'atani. Gaa'ela isaanii dura gaaffii wal gaafataniif deebii waliif deebisaniiru. Isa kan icciitil isaani. Gaaffiin Dr.Wandimmuu inni guddaan Tigist amanamummaashee eeggattee jiraachuushee ture. Kana immoo ishumarraa malee deebii amansiisaa hinargatu. Kan gaafatamuu qabus ta'e kan deebisuu qabus ishuma. Isheenis gaaffii gaafatamteef deebii kennuuf ija hinsukkuummanne. Durba ta'uushee akka gaariitti deebifteef. Tigist gaaffiin isheen gaafatte fayyummaa isaa qofadha. Deebisuun isatti hin cimne. "Barbaannaan" jedhee, waraqaa qorannoo dhiiga isaa isa kan yeroo dhiyoo itti argiisiise. Tigist waan dhageesse caalaa waan argitteetti quufteetti. Inni garuu waan dhagahe amanee waan amane abdate. Haa ta'u malee akka waan dhagahe argee waan shakke amanu beeka. Hamma sanaatti garuu waan amane shakkaa jiraata! Guyyaan waan gaafatamaniif deebii quubsaa qabatee wann dhagahanii amananirra, arganii amanan tokko garuu dhiyauchau jira. Guyyaa sana waan shakkanis dhugoomsatanii waan 11m11111111is amanu. Silaa maaliif amananii shakku? Maaliif shakanii 11m111111? Maaliif dhagahanii amanu? Kan Tigistiin lafti cite guyyaa cidha isaaniiti. Waan ruuwwattee arguuf hin tilmaamiin argite. Dhagaan cabe walitti adeema? waan akka dhagaa cabe! Guyyaa cidhaa kan waamaman qofa utuu hinta'iin kan hinwaamamiin dhufus akkuma jiru kan waamamee hafus jira. 11
  • 11. Isa Fuudhuufis ta'e ishee heerumtuufis har'a guyyaa cidhaati. Warra cidhaaf cidha. Bakka bashannanaatti waan jarjaraniif mana maatiishee ta'aa turuu hinbarbaanne. Mushurroonni Hamaamotaaf kanneen bareechuuf achitti argaman maraan marfamanii gadi ba'aa jiru. Kadhattoonni Magaalaa kanaa akka jiranitti biyyaatti waan hafan hinfakkaatani. Hiriira galanii dhaabatu. Hurraa harka namaa jalaa deebi'e funaannachuuf.... Pestaala harka harkatti qabatanii dhaabatu. Kan hurraa harka namaarraa debi'e pestaala isaaniitti naqeefii gaggeessaa jiru namicha gola qodaa keessa hojjeechaa jiru. Hammi argatan fudhatanii ofirra deebi'a jiru.Warri dabareen isaan hingahiinis duraa duubaan dhaabatanii eeggatu. Miinzonnishee veelloo ol sassaabaa adeemu. Faayaan addaa addaa rnataashee irraa achii gadi gadhiifameera. Waan akka adii haphii qaqaawwa baayyatu ... kan yoo itti siqanii ilaalan malee qaama ishee iddaa jirbii fakkaaatu sana waliin wal-fakkaatee "waa... irra jira" nama hinjechisiifne sanatuu sammuushee irratti hidhamee faana isheerratti gad-dhiifamee jira. Achuma keessa wan hinilaalle fakkaatti malee suuta ija lafa jalaan waan bakkee sanatti ta'u ro'ataa miila fuuti. Nama asii achi ilaaluuf adda bahee hinargamu malee isa achii as ilaaluuf wanti dhokatu hinjiru. Wanti hundumtuu ija keessa. Utuu suuta dallaatii ba'anii kadhattoota hiriiranii dhaabatanii ija facaasan sana argite. lji ishee furuurfamee kadhattoota sana keessaa nama dabaree duraarra jirurra bu'e. Pestaala isaatti naqsifatee ofin-a deebi'aa jira. 12 Miinzotashee gidduutii akka nama elektirikiin qabee 11aah·1· butamte. Nama isheen beektu, nama gola ishee keessaa. Namu kiyyoon jaalalashee qabee gadhiise, nama booji'amee boojuudhu gale, nama isheen imimmaan buusiftee waadaa tufsiiftee, dhiiga dhugsiifte, dhiiga ormaa! Kan tufani hinarraabani! Nama kan tufe arraabee, dhiiga dhuge tufe! Nama booressee, booruu calale! Gurbaa seenaa dagatee baqatee... seenaan gaafannaan, Seenaa barbaadee.... seenaa argatee... seenaa hamate! Gurbaa of gatee... of dhabee.. of wallaalee ... of barbaadee... of argatee ... ishee gane; sana itti fakkaannaan, isa gara fuula duraatti adeemtu naasuun hidhaa cittee miila fudhachuu dadhabde. akka dhaabachuu taatee utuu irratti hin beekamiin gara fuula duraatti ... Maaltu akka ishee mudate yoo beekuun isaan dhibe illee naasuushee irratti hubataniiru. isheenis afuura jabaa ol fudhattee akka sagalee naasuu dhageessisuu taatee turte. Utuu hinturiin adda baafachuuf suuta ijashee namoota gidduutiin ... ... .Innis pestaalasaa xaxatee bobaa jala suuqqachaa, achi as gara mushurrootaatti ija baasaa... Iji isaaf iji ishee walirra bu'e! ... H i 11 barte! Innis takkumaan baree akka nama namni hari'ee gugatcc ... qaaniitu ulee fudhatee booddee bu'ee haleela. Fehoo hinbuqqaaneen dugda isaa duubaan sammuu isaa keessa nsi ~•adii waraanaa hari'a. Ofirra galagalee 2ffaa ilaaluu hindandeenye. Maaltu akka ta'aa jiru wallaalte, Tigist. Maddii isaa akka Ruumaanii sanatuu daalachaa'ee dhooqee boolla ta'e! rifeensa mataa isaatu guftaa'e! ijaawwan isaa warra akka ija Boqqolloo sanatu boollawan isaanii dhodhooqan sana keessa gadi bu'anii 13
  • 12. dhokatanii akka yeroo kaanii fagootti hinhubatamani. namas hinmararani; malee namumasheen shakkitee bibir'attu sana. Erga manaa ba'ees waan tureef, galaa fudhatee bahe of harkaa fixee, waan nyaatu dhabee, kana fakkaate! "dhugaa isadha" jettee, amanuu hin dandeenye. wayaan inni uffatee jiru irratti xuraa'ee waan irrattis cicciteef kadhattoota sanarraa wanti adda isa godhu yoo jiraate dhiiga ijoollummaatuu ofhima. Milikkiita guddaa kan ta'eef biqila nyaara ijasaa gamaa gamanaan walitti ejjetee taa'u sanaaf quba harka isaa quba ja'affaa sana. ishee harka isaa bitaa quba moggee sanatti rarraatee jirtu. Kanneen kun kanneen sammuushee keessaa hinbadneef iddoo isaaniis hingadhiifne waan ta'aniif isaan argite isa ta'uu amante, Tigist. Lapheenshee mudhii qabatee sirba. sirbasaani. Hin dhiitata... , akka dibbee iyya... , of rukutee, of reebee, ofii iyyee, ofii sirba. hunkurama yaadaa kanaan hunkuramaa, gaaffii "Eessaa dhufe? Eessan dhufe? Attamitti? maaltu itti hime? tole! Maal ta'ee akkas ta'e? hinmaraatee? Hinfakkaatu! Moo ... abjuun arge? Abjuu Akka hin taanee beeka! Kana yoon yeroo ka biraa arge malee amanuu hin danda'u. Tarii arguu dhiisuun danda'a. Nan arga! 'nan arga' jedheen argee?" jettee, of gaafataa, ofiif deebisaa, of jabeessaa, of laaffisaa, of gootomsaa, of daboomsaa, ofiif mo'armaa, utuu of amansiisuuf dhamaatuu 14 mana gahani. Lafti galgalaa'ee dukkanaa'eera. Namoonni, hamaamonniif kanneen keessummaa dhi'oo ta'an hundi gara mana manasaaniitti galaniiru. Kan hafee mana jiru warra Dr.Wandimmuuf keessummoota fagoottii dhufan qofa. Yeroon ciisichaa waan ga'eef miinzota golaa gadi baasee ofii itti ol seenee cufate. Dr. Wandummuun. Yeroon sun dukkana galgala tokkeo osoo hin taane, dukkana hin bariine akka ta'e bartee, dukkana xaxattee, dukkanaan da'attee, ifa dukkaneessitee, dhugaa martee balleessitee imimmaan sobaan amanamummaa gatte ganuuf malteeshee malattee xaxattee ciifte Tigist. Uffata cidhaa ofirraa yaafatee jijjiirrate. Sagalee isaan gidduutii hinbaaneen yeroo yartuuf gungumani. Raasaa fedhii jaalalaan loqode. Daqiiqaa muraasa sanaan booda booji'amanii wal fudhatanii uffata keessa badani. Wayaa gadi gadhiisii waan akka ca]aqlaqaa kan fuul a duraan banaa; ol baasee gadi buuse. isa mudhiin isaa fo'aa qabu; fo'aa akka sabbataa. garuu sabbata miti. Kan bifti booraa. Miinzotasheetu itti jijjiiree gadi ba'e. Hafata gara mataa duraatti siqxee kottoonfattee walitti galtee teesse. Keessishee sodaa guddaan guuteera.Waan isheen hiitc hiikuun, isa isheen dachaafte diriirsuun isa hindhibne. Jilbasheen dachaaftee funyaan biraan geessee xaxattee teesse sanaa diriirscc, sabbata isaan hidhan hiike. wal'aansoo wal gubbaa badnni. Isheen "hin ta'u!" jettee, akka diduu haata'uu waan kaayycclfutte ishumatuu beeka; garuu ofitti butuu hinbarbaanne. Ammaa booda maaltuu haata'uuf wal'aansoo wal qabu? Keessumaa Tigistiin maal fayyada? wal'aansoon kanaa boodaa? Utuu of dadhaabsiisuu dhiistee ... ! 15
  • 13. Utuu wal bubbutanii uffata ofirraa gatanii bakkee wal baasaniiru. Isarraas gadi qunca'ee, isheenis qullaa qulqulluudha. Yeroo inni saaqqatee gidduu seenuuf irra oolu, jilbashee walitti qadaaddee, miilashee wal keessa xaxattee gangalatti. Heeyyamamtuu hintaane. Go.! 3 akka boolla Daammuu urgaa'u, kanneen ergaa guyyaa sanaa hirnauiin faayarnee walga'e, hafata lafarra gamaaf gamana ga'ee diriiree mijatee hafame sanarra akka sa'aatii seekkoo wal naannessu. Akkumasaatti dhiirri dhiiruma! Cufaa isheen cuftee cinii.itee qabde buqqisee, waan isheen dhoksite baasuuf humna ishee caalee.... Isheenis akka mo'amte bartee isa hiite hiiktee harka laachuu jalqabde. Fedhiinsaa akka malee dabalee qaamnisaa qophii hunda xumureera. Dr.wandimmuun gudeeda seennaan Tigisti harka kennitel Fala isa dhuma! Jela ciiftee wirriiqfattee wixxifatti. Kan Dr.Wandimmuu caalaa yaabee ishee qabee mo'amuu dideef, kan isheen yaabdee qabdee mo'achuu dadhabde.... fedhiisheedha. Fedhiishee, isa ishee keessaa akka abidda gammoojjii boba'u sana. Isatuu sammuushee irraa aara. Dr.Wandimmuun, Isheenis achumaan isa duraan sookonfattu iddootti qabdee, isa dheekkamtee gungumtu callifte. waan ta'u dhaggeeffachuuf, Dr.Wandimmuun dhugaadha hinseene; isa · sheen tasgabboofte. Fedhii wallaansoon hubameen.... Soba haata'u dhugaa isa ishumatu beeka! Akka nama dhukkubbiin iui dhagahamee hoollanna sagalee... haadnaa dhageessifte. Akka yaaddce wal'aansoo sobaa qabdee ija sobaan boossee, imimmaan sobaa buuftcef, akka nama nama mallattoo dhukkubbii itti 16 dhagahamee taatee turteef hinmilkoofne. Battalumatti tnof't111111 sobaa sun barame! Yeroo wanti inni amane dharoomee, wanti inni shakke dhugoomu, yeroo waan eegu dhabee wanti inni isheerraa dhaga'e galagaltoo ta'u! lafti silumaa dukkana halkaniiti; keessa isaatuu dukkana limixii ta'ee fuulli isaa gurraacha'e! ta'us garaagarummaa bifasaa isa duraaf ammaa kan argu ishee qofa. Ishee isa sobde sobdu ! Yeroo gabaabduu gidduutti fedhiin isaa guutuummaa gara aariif dheekkamsaatti jijjiirame. Maal dheekkamsa qofa! Yeroo itti kennuu hin barbaanne. nafa gudeeda ishee keessaa butamee ba'ee harka isaa hiixatee mataa hafata isaanii olqabee Shugguxxii butate. Rasaasa nyaachifatee Harka isaa bitaan mormashee hafatarratti hudhee gadi qabe. harka mirgaan shugguxxicha gurrashee keessatti qadaadee... "Guyyaan cidha kenyaaf guyyaan du'a keenyaa har'a! siifis anafis!" jedhee, ciniinnatee ija babaasee... Elaa! Hin hollata. kar-kar-kar-kar jedhee dafqatu irra cite, Haa dubbattuuf yeroo hin kennineef. Silaas namni hudhamee jiru, namni daraaramaa jiru akkamitti dubbata? Utuu dubbatee maal dubbata? Ittuma fufee "Sirbii baafadhu! Himii dhaammadhul Dhaamsa seenaaf dhaami! 'Sirba guyyaa du'aa, du'a guyyaa cldhau' jedhii sirbi!.... Si keessa buuseen ofkeessa buusa!" jedhee, isa gurratti qadaade irraa buqqisee mormashee gadi dhiise. Araara itti argisiisuu isaa miti. utuu dubbattee maal akka isheen dubbattu dhaga'uu barbaadee yeroo kennuufii fedheeti: 17
  • 14. Arraba kaleessa sobe irraa har'a maal dhaga'a?! Utuu dubbattees maal amana?! garaaf dadhabee waan godhutu itti bitaacha'eef malee.... Amma ammaatti waan gochaa jiru waan beeku hinfakkaatu. Akka nama qaamni biraa hoogganuutti ofhoogganaa hinjiru. Bokoktee, hukkaamamtee fuullishee diimatee Timaatimii bilchaate ta'eera. Dafqi illee ishee irraa citu dafqa du'aati. Jireenya du'aaf jireenya gidduu jiruun, sagaleeshee ciccituun, akka haasa'uu barbaaddeetti karaa hin haasofne sanaan jela ciiftee ... "Tur...tur. .. nu hin balleessin! Nan hima! Jaalladhee akkas hin taane, dirqameeni! ... Sitti himuu sodaadheen, si sobe!... Yoon sitti hime, sin dhaba! Si dhabuu immoo hin barbaadu! Si dhabuurra, ofdhabuutu naaf salphata! Waan yaadde hindhiisiin! Garuu, dura waanaan sitti himadhu altokko nadhaggeeffadhu !" Jettee, hasaastee dubbatte. Sagalee isaaf ishee gidduutii hinbaaneen. Waan gola sanaa ta'aa jiru namni beeku hinjiru. Kan tokko du'aaf jireenya gidduu taa'ee lubbuu kaa'ee fuudhu, tokko immoo itti nyaatee dhugee sirba! 18 Isa itti aggaame deebifatee, ka'ee huccuu isaa uffate. gara s11111111uu isaatti deebi'ee waan isheen jettu dhaggeeffachuuf.... Oljettee qarqarasaan teessee, imimmaan ofirra dhangalasaa, gadi jettee, kafana ofitti xaxattee... Yeroon barnoota ko Yuuniverslltll waggaa lammaaffaa barachaa ture akkan boqonnaa simisteeraaf gara maatii dhufee deebi'een utuu hin turiin namudate!... Guyyaa tokko hiriyyaa koo naannoo kampaasiitii mana kireeffattee jiraattu, kan wajjiin daree tokko barannutu gara manasheetti nafudhatee gale. isheen anaaf hiriyyaa koo ishee jaallatamtuu turte. Erga buna nuuf danfisnaan dhugnee booda yeroon galuuf ka'u lafti baay'ee dhi'ee ture. Naannoon mana jireenya ishee halkan qofaa deemuu/ shamarraniif haaturuu dhiiraaf mijataa miti. Ani yooman yaade?... Wanti bakkeetii baqatan akka gola seenu! Isan halkan guyyaa sanaa 'utuu....utuu...'jedheenan hamma har'aatti 'utuu.. .' jechaa jira. Tibba sana bokkaan akka malee roobaa ture. Rooba Bonaa. Keessaa kan guyyaa sanaa adda. Akka roobeen bariisise. 'rooba Bonaati' jechuun nama dhiba. Rooba Gannaa kan Adoleessaa irraa wanti adda taasisu hin jiru. Anas akkan achi dhlislfadhu kan godhe roobee dhiisuu diduu bokkaa galgala sanaati. Akkuma isaatti akka inni faara caamaa hin qabne baree yeroon haguggadhee gara kaampaasiitti qajeeluufjedhu kophaa koo waanaan ta'eef hiriyyaan koo sun naa/ sodaattee akkan buluuf waan baay'eedhaan na amansiiste. Gara halkan walakkaa erga nuti rafnee hirlvvaan ishee dhufee mana nurratti reebe. Yeroo isheen kaatee bantuuf hiriyyaa isaa kan wajjiin oolan tokko wajjiin dhugaatii quufanii macha'aanii daddarbatamaa ol seenan. Mana cuftee oldeebite. Hiriyyaan ishee 19
  • 15. sun duraan ishee wajjiin wal biratti waan nu beekuufkarumashee akka gaariitti walitti dhufeenya qabna. Inni isa wajjin jiru garuu gurbaa yeroo baay'ee/na rakkisaa ture. Ani bakkan ciisee jiruu hinsochoone. Waan inni nama wajjiin jiruuf of mul'isuu hin barbaanne. Isaaniif hafata nuun gama ture sana sisirreesssite haftee raffiftee dhuftee iddoo isheetti deebite ciifte. Hundumtuu hirriba keessa sokkineerra. Hiriyyaan ishee sun bakka ciisee ka'ee dhufee karaa qarqaraashee cinaa ciise, Anaan hammasumaui hirribni waan na hin fudhatiiniif wanti ta'aa ture natti dhagahamaa ture. Ani yerosin of jibbe. Ibsaan akka hin ibsamne dursee dhorke. Gurbaan sunis dukkana sanaan dahatee bakkan jiruu humnaan nafuudhee iddoo ciisaa turetti nagee.ffate. Sanaa booda isaan gamatti nuti gamanatti wal-aansoo keessa galle. Humna nacaale. iyyadhus maal ta'us wanti naa/ argamu hin turre. Guyyaan sun ifa koo har'aa dukkaneesse! Gammachuu koo har'aa kanafakkeesse. Halkan guyyaa sanaa naaf hiriyyaa koo warra gumaa nu godhe! Ani ammas wanti yaadame yoo dhibame iyyuu hamma har'aatti jaa/alii maal akka ta'e waanan beeku hin qabu. addunyaa jaalala keessa hin seenne. onneenkoo jaalalaa/ hin saaqamne. duudaadha! Ati garuu dhugaa qabda! Waan feete raawwadhu! .... Jettee, Meesha inni achi darbatee dhiise fuutee itti kennite. Harkaa fuudhee, rasaasa keessaa yaasee giiphii isaatti naqatee achi gatee dhiise. Waan isheen itti odeessite sanarra darbee waa gochuuf waa dubbachuu hindandeenye. Mukti sohaa dhugaa hindaraaru! dubbiin Tigist hammarn dhugaadha? ... guyyaa sanaa kaasaanii muka hudaan tuqe wal taasisani! Of amansiisec dhiisuuf yaalii godhus keessi isaa yeroo 20 tokko tokko akka waan rafee dammaquu akka inni of jibhcc ishl'l' jibbee jeeqamu taasisa. Kana ilaalchisanii hiriyyoonni isaa haala isaanii kana irratti hubatanii arnansiisuuf wanti isaan hin jcdhiin hin jiru. inni garuu yeroof dhiisee yoo dagatc fakkaateyyuu ... Waan namni dhiise dhiisuu dadhabee ulaagaa namni bira darbeen of dhiphisaa jiraata. Tigistis isa guyyaa cidha isaanii kadhattoota sana keessatti nama sana argite hamma yoonaatti Dr.Wandimmuu dhoksitee barbaaduu hin dhiifne. **** 21
  • 16. 3 Miidhaginni Magaalaa Buraayyuu itti caalaa dhufe. Uummatnis isa duriirra amma saffisan dabalaa jira. Iji namaa bulee ka'ee fuula haaraa arga. "Ebelu warra ebeluudha, ebelu biyya akkaasiitii dhufe" namni jedhee wal himu hin jiru. Oduun akkanaa as keessatti fudhatama hinqabu. Firaa'ol, Seenaaf Qananiinis suutuma suuta jireenya Magaalaa kanaatti baraa dhufaniiru. Firaa'oliif Seenan galgala galgala bakkee bahanii wal bashannansiisuu hindadhabne.Yeroo wal fudhatanii bahaan Seenaan dhukkuba himattu hunda tapha Firaa'olitti dagatti. Har'a boori utuma jedhamuu yeroon da'umsa Seenaa darbeera. Firaa'oliif Qanaaniin ofjibbaniiru. Isaantu ciniinsifachaa jira jechuun ni dandaa'ama. Seenaaf ciniinsuun da'umsaa isa jalqabaa waan ta'eef lafti itti fokkisaajira. Utuu Dr.Wandimmuun hunduma isaaniitti sagalee jajjabinaa hindubbatu ta'ee hammasuu hinjajjabaatan turani; Hundi isaanii ... Guyyaan isaa Jimaata guyyaa sa'aatii laaqanaati. Laaqana kan qopheesse Qananiidha. Akka nyaata nyaataaniin Qananiin bakka ciisichaatti oldarbitee ciiste. Hojii waan hojjechaa turteef takka raftee boqonnaa fudhachuu waan feete natti fakkaata. battala Sireerra geesseen hirribni qabe. Seenaan akka fuullee Firaa'ool teessee jirtutti soofaarra dalga hirkatte. lsheenis isa raferra waan wayyitu miti. Firaa'ol gara hojiitti deebi'uuf taa'ee daqiiqaa lakkaa'a. 22 Akka wayaa waraanaa uffatetti, meeshaa guutuu naqatee "Asiin dhufe; achiin dhufe" hin jenne. namni eenyummaan isaa hin beekamne tokko dhufee ol itti seene. Kan argaa jiru Qananiidha. Yeroo hidhata meeshaa isaaf marata rasaasa mudhii isaatti maramee, maramee, almeeqa maramee handhuura isaa irratti wal ciniinee taa'u sana ilaalaan gootota Oromoo darban keessaa tokko nama jechisiisa. Akka akkas hinjenne immoo du'aan hin deemu! Hin dubbatu! Kan hinjirre warra jiran hinta'u! warri jiranis warra du'an hinta'ani! Yoo utuu jiruu akka waan du'ee ta'e hoo? "Warruma jiran keessaa tokko" nama jechisiisa. Akka akkas hinjennes yeroo dubbatu akka loltuutti hin dubbatu. Ergamaa Waaqaatti of fakkeessa; haboodhaan dubbata. Qaratti akka akkas hinjenne immoo foon qabeessa; foontu irraa sochoa'a. Akka ol seeneen meeshaa harka mirgaan qajeelfatee qabatee jiru sana adda Seenaa irratti aggaammate. Seenaan akka dhallaadduu bishaan keessaa hurgufamuutti kaate. akka Calii gudeeda harmootaa irratti dirqamtee... Akka hurgufu, fagsiisuu, dudubbachiisuu godha. Hafuura hamaa kan budaa, kan amajaajii, kan xibaaraa iyyisiisuu barbaada. Giiphii isaa keessaa gudunfaa moofaa tokko baasee hiikee waa keessaa fuudhe. Kibiritii itti qabsiisee haarasaa Seenaatti ule. Qoricha aadaa ta'uu mala. Sagalee ol fudhattee iyyiti Seenaan! Ulfa da'umsaaf guyyaan lakkaa'amee darbe sana baattee lafatti ofreebdi. Qananiin iyyuuf iyyuuf jettee hudhamti. Waan ishee 23
  • 17. hudhu hinbeektu; Waan argaa jirtu garuu dubbachuu hindandeenye. Firaa'ol isa barreeffamatti gadi jedhe ol hinjenne. Qananiin isa inni utuu Seenaan dararamaa jirtuu callisutti haartee dhekkamti. Amala isaa yeroo kaanii miti; waan ta'eef isa ta'uu isaa shakkiti. Wanti isheen ta'aa jirtu isa hindhibu. Afaan dubbatee "Dubbadhu!" jedhe. Erga takka iyyitee harrabnishee takaalame. Yeroo muraasaaf akkasumatti lafa gangalatti malee dubbachaa hin turre. Isa calliste dubbattee, isa hidhamte hiikamtee "Wayyoo nan bade!... salphinatuu na qabate!. .." jettee iyyuu jalqabde. Qananiin harki laamsha'ee miilli hadoodeera. Arrabnishee ni socho'a malee hindubbatu. Waan ishee dawweesse wallaaltee utuu Seenaan badii tokko malee nama eenyummaan isaa hin beekamne kara adeemaadhaan reebamtuu ilaalti. Silaas utuu dhiirri taa'uu dubartiin loluun salphina dhoksaa caba aadaa qaba. Ta'us Qananiin kana hineegne. Dubbichis dubbii dhiiraaf dubartii irratti eegan miti. Itti sardee dubbata. Yeroo kennuufii hin barbaanne. "Amma dafii himi! Ati maali?" jedhe, itti fufee. Hinhurgufa, hinwixxifachiisa, "Nuti baay'eedha. ofhimnee hinbeeknu. akka itti ofhimnu hinqabnu. kakuu qabna; kan bara fagoo!" jettee, iyya itti fufte. Baay'atanis Seenaatu iyya! Wantisheen dubbattuuf wanti namtichi dubbataa jiru Qananiitti bitacha'e. namtichi ammas ittuma fufee haara Qoricha sanaatti gadi qabee "Har'a of himtanii keessaa deemtu! Har'a guyyaa keessantu ga'e! guyyaa salphina keessanii!" jedhe. 24 Akka irratti gadi jettetti itti caalchiftee fagaa, mammunuumnn, dubbiin cimee waan itti dhufeef isa hidhan hiikanii isa dhoksun haasa'uu eegalani. Qananiin iyyuufis ta'e ka'ufis, yaaliin isheen hingoone hinjiru. Garuu hindandaa'amneef. Firaa'ol waan barreessu barreessee xumuree dubbisa eegale. Kun immoo kan caalu Qananiitti abidda buusee gubaa jira. "Nuti hafuura; hafuura hamaa, hafuura xibaaraa, hafuura budaa, hafuura dangaboo, kan kudhaamaa, kan jinniif golfaa... " jedhanii, waa meeqa himuutti ka'ani. Kan dubbatu garuu Seenaadha! Wanti Seenaan himaa jirtu Qananiif haaraa ta'e. Achuma keessatti isheenis utuma dhiphattuu gidduu gidduutti waan ta'aa jiru dhaggeeffachuu jalqabde. Qaaruu isaa gamaaf gamanaa irraan dafqatu xumura. Akka isaan abdii kutataa dhufan argee, humna jabaatee "Eessa eessaa dhuftan?" jedhee, gaafate. Amma isaanumtiyyuu haara ibidda sanaatu boossisa haata'u yookiis humna qoricha sanaa ... imimmaan roobsaa mataa Seenaa hurgufanii wacabbaru. "Nuti kun dhufne Goojjam, Debre Maarqos, Debre Taabor, Debre Siinuu, Debre Birhaan, Xaanaa Balas, Dangab..." jedhanii waa meeqa tarreessani. Qananiin waan Seenaan dubbattu ijaan arguu haa turu gurnumuu dhageessee hin beektu; abjuu taatee dhaggeeffatti. kun isheetti hiibboo ta'e isa Seenaan qofaashee akka nama mecquatti iyyitee odeessitu. Qananiin namtichi irraa adeemuu isan eegaa jirti. Inni garuu isa dhiituuf kabalu, isa reebuuf sardu dhiisee, gaaffii fi deebiidhaan afaan gogsaa jira. 25
  • 18. Seenaan abidda gadi itti jettee turte irraa oljettee itti odeessaa jirti. Abiddi sun garuu cinaashee taa'ee haaraa jira malee hin dhaamne. Yoo isheen odeeffannoo barbaadamu kennuu didde ammas abiddasheetti ishee deebisuuf... "Amma eessa eessashee qabdanii jirtu?" jedhee, gaaffii itti haanu gaafate. Seenaan akka miillasaa jela teessee asii ol ija isaa keessa ilaaltetti "Mataashee, lapheesheef handhuurashee jabeessinee qabnee jirra; buusaa nafashee mara olbaafnee gadi buufnee caccabsineerral" jedhani. Seenaatu odeessa miti; Seenaa keessaa odeessu! Sagalee haariin machaa'een, "Yoomii eegaltanii qabdan?" jedhe. "Nuti bara hinqabnu. habaabiliishee irraa akaakiliisheetti, akaakileeshee irraa abaabayyuusheetti, abaabayyuushee irraa akaakayyuusheetti, akaakayyuushee irraa abbaasheetti, abbaashee irraa isheetti darba dhufne!" jedhanii, isa jilba jilbaa jalqabanii weeraranii turan sana, tokko tokkoon himuu jalqabani. Qananiin iyyuuf hudhamtee ka'uuf waan gadi ishee qabu wallaaltee callistee waan ta'u ilaalte. waan gaaffiii itti ta'aa jiruuf deebii dhabdee yaadan waadamaa jirti. Bakka jirtu jiraattee Firaa'oliin, bakka inni jirutti, Seenaa lafatti, namticha Seenaa irratti, akka inni irra dhaabatee asii gadi ilaalee dhiphisutti, ija hamaan ilaalti. Itti fufee "Amma erga isheetti ceetanii attam attam gochaa jirtu?" jedhe. Isas hindhoksine. "Akka itti jireenyaa dhowwineerra; biyyaa hariinee baafnee, maraachinee qullaa buufnee turre. Garuu nuuf hin mijanne; hamma xinnoof nu harkaa baate." Jedhani. Gadi itti 26 jedhee ija keessa ilaalee "Kaayyoon keessan maali'!" jedhee gaafate. "Nuti kaayyoon keenya ittiin qabnee qomooshee lafa kana irraa haxaawuuf turre; Haa ta'u malee ammas jabeessinee qabneerra. Sammuun ishee yeroo hundumaa boqonnaa hinqabu. Nutuu goola. shokoksaa hundumaa birrachaa oolti. Nutu dabumaan lapheeshee hate. Handhuurashee ciniinnee qabneerra. gadi jettee ol hinjettu. yeroo da'umsashees dabarsineerra. Ittiin qabnee ajjeesuufi! ...." jedhani. Kan akkasii dur yeroo ijoollummaashee isa argaa turte yaadachaa jirti Qananiin. Dur namoota budaan nyaatteef akka qorichaatti abbaashee itti waamu turani. Abbaa Qananii. .. Obbo Dhugumaa. waraabeessa ajjeesee gogaashee irraa baasee erga inni gogee ol galchee mana kaa'a. Yeroo namoonni naannoo isaanii nama budaan qabame gara isaa fidanis ta'e itti waamanis gogaa warabbeessaa sana irraa kutee abidda keessa buusee nama budaan qabe sana ula. Yeroo muraasaa booda itti haadeebitu iyyuu malee yerosiif iyyitee gadi dhiiftee deemnaan namtichi fayyee gala. Obbo Dhugumaan kanaan beekamaa ture. Isa yeroo sana xinnoo taatee argaa turtetu ija ishee dura adeerna Qananii ... yeroo isheen Seenaa ilaaltu. Qoricha gudunfee baatu sana dabalee abiddicha keessa buusee itti haarsuudhaan "Wanti isiin hojjechaa jirtan hundumtuu kunoo amma bakkee ba'eera!... Barri isin jilba jilb111111 jilha jilbatti darbitanii garboomfattan amma darbeera!... Ammu dufaa keessaa iyyaaf boo'ichaan bakka dhuftanitti deebi'u! ammaa booda bakki isin qabattanii 'Irratti duuna!' jettan kun du'aa keessaan iyyuu hin kaa'u!" jedhee mataa Seenaa qabee haara sanatti gombisee 27
  • 19. meeshaa harkatti qabatee ittiin doorsisa ture sana itti qadaade. Meeshaa waraanaa. Aaraan ukkaamamtee dafqi irra cite. Abidda itti boba'utti jettee iyya burunqeetti buufti. Sagaleetu kan Seenaadha malee kan iyyuu jara sana. Irra dhaabatee akka isheen itti daddabaltee iyyitu sardaa jira. Qananiinis isa Seenaan dararamaa jirtu ilaaluu dadhabdee isa gidduun calliftee waan isheen odeessaa turte dhaggeeffachaa jirtu dhiiftee akka yeroo jalqabaa waan taatu dhabaa jirti. Isa Seenaan iyyitu isheenis gargaartee iyyuutti kaate. Ammas utuu wal irraa hin kutiin "Iyya dhumaa iyyii sokki!" jedhee ajaje. Seenaan iyya dhumaa iyyite!... Qananinis yeroo isheen iyyitu ishee wajjiin iyya dhumaa iyyite. Firaa'ol lafaa ol utaalee ka'e. Seenaanis isa wajjiin ... Firaa'ol yeroo inni itti gara hojiitti deebi'u waan hin ga'iiniif manaa hinba'iin jira. Yeroo Qananiin bir jettee dammaqxu Firaa'oliif Seenaan irratti gadi jedhanii naasuudhaan hafuura citaa jiru. Wanti Qananiin argaa turte abjuu ture. Qananiin bakka ciisaa turtetti dafqa qofaa taateetti. Isheenis akka nama figicharra ooleetti hafuuraa ciccitaa jirti. Garuu rafaa turte. Isa isaan of maddiitti argite, wareertee sagalee naasuun "Maali?... Maal taatani ijoolle?..." jette. "Homaayyuu hintaane; ofii garuu isiin nagaadha mitii?" jedhee, deebisee gaafate Firaa'ol. Seenaan Isa isheen akkas taatu hinjaallanne. naasuudhaan fajajjee dhaabatti. 28 "Maalaan ta'e?" jettee, deebiftee gaafatte. "Maali. .. amma iyya guddaa iyyitaniim!" jedhe, itti fufee. Iyya isa dhumaatu bakkeetti ba'ee dhagaa'ame malee inni kaan of keessatti ture. Isaanis akka isheen abjootte baraniiru. Isheenis akka abjuu ta'e bartee ... Abjuu abjoochaa turte jalqabaa hamma dhumaatti ol jettee teessee odeessuutti kaate. bukkeeshee cinaan gamaaf gamanaan taa'anii dhaggeeffacha jiru. Abjuushee duruu beeku lafa hinbu'u. wanti isheen itti odeessaa jirtu inni guyyaa har'aa garuu waan isaanitti tolaa jiru hinfakkaatu. Faara hammaatanii dhaggeeffatu. abjuu abjoottee nama hiiku barbaaddee hinbeektu. Yoo hiikaniifis itti hin quuftu. Ammas akkuma amala ishee ofiin abjoottee hiikkachuu jalqabde. Akka argitetti yeroo odeessitu gochaan isheen abjuu sana keessatti argite baay'ee suukkanneessaa ta'us yeroo isheen hiiktu hiika isaatu ishees ta'e isaanis gammachiise. Amma isheen himtee fixxee gara hiika isaatti darbitutti jarjarani iru. Qananiin akka afaanii fixxeen takka itti yaaddee "Hiikni isnn gaariidha!... gaariidha! hiikamadha!" jettee, afaanii hinxumurrc: kan Seenaa ciniinsuun qabee ammaaf ammatti itti sarde. Firnu •ol nafa nafa Dr.Wandimmuuf bilbila harkaa irratti bilbllee himc. Innis akka isaan ariitiitiin gara kilinika ofii keessan hojjctuuui fidan itti himee bilbila cufe. **** 29
  • 20. 4 Magaalaa Burraayyuu keessaa kilinikoota tajaajila da'umsaa haala gaariin taasisan keessaa kilinikni Madaanalem kan naannoo Kattaa Simaachoo keessaa isa tokkodha. Dubartootni jiraattota naannoo kanaa wabii lubbuu akka ta'ee jirutti leellisu. Dookteroonni achii hojjetanis haalaan jajamu. Dr. Wandimmuun isaan keessaa isa tokkodha. Aduu har'as uummanni itti yaa'ee tajaajilamaa oole. Kan halkan dhufanii deessifnaan ganamaan galan baay'eedha. Warri halkan dhufanii guyyaa ofkolanis hinyaratani. Kaan da'uuf dhufu. Kaan da'anii galu. Manni kun hin kosu. Aduun har'aa dhi'ee galgalaa'eera. Firaa'ol Seenaaf Qananii konkolaataa keessa buufatee dhufe. Kan inni itti fayyadamaa jiru konkolaataa waajjiraatti. Konkolaataa keessaa buusanii mana galchani. Dr.Wandimmuun deessiftoota ramadeefi kanneen dursan achi jiran tajaajiluutti deebi'e. Dr.Wandimmuun namoota hundumaaf ho'a malee tokko lamaaf miti. Hammi achi deemu kan isa hin qunnamne hin jiru. Kanaaf inni nama ho'eefi nama itti dhibaa'u hin qabu. ... Akka ol seensisaniin warri dabareen kutaa da'umsaa keessa hojjechuun guyyaa sana kan isaanii ta'e ariitiidhaan ilaalanii akka isheen daqiiqaa afurtami shan(45) booda deessu Firaa'olitti himan. Daqiiqaan afurtamii shan(45) yeroo muddamaaf sardamaa, yeroo miixuuf ciniinsuu keessatti waggaa 45 namatti ta'a. Firaa'ol hamma sanaatti olgalee gadi ba'ee ciniinsifachuu jalqabe. Saa'atii harka isaa irraa xeephni isaa cinnaan giiphiitti baatu sana 30 /10/TT urd f7T: ~ meeqa teessi. kan jedhame geenyaan deessistoonni ol itti seenani. Seenuun ciniinsuudhaan hafuuraa cituu jalqabde. Akki isheen taatu namu dhaabatee ilaaluuf abjuudha. Miixattee, mixiixxatte, ciniinsifattee afuura dhumaa baafatti; ni boossi, harka facaafti. akka nama qabachuus fakkaata. Nama qabattee miixattu! ... Utuu ciniinsifatanii eenyuun qabatanii miixatu!... Waanuma qabame qabattee miixachuuf... Seenaan harkashee lamaaniin nama barbaaddi! lyyi ishee mana sana keessaa hundee kutaa manichaa gamaaf gamanatti ittifamee mana keesssa deebi'ee miidhagee achi gadi yeroo inni ba'u isa bakkee jirutu gurra qabata. Yeroo isa isheen "Uuu-u- uuu-u ... naa gamte!" jettu dhaga'u, of qabuu dadhabee gadi ba'e Fraa'ol. Iyyi kan isaatu caale. Akka inni ta'u qofaatti. Dookteroonnis isa gadi baasanii Qananii of biratti hanbisanii gargaaruu jalqabani. Hamma xinnoo hin turre. kan mucaan dhalattee sagalee boo'ichaa dhageessifte. gadi baasee ilaalee deebisa. Qananiin Seenuu qnbuttcc Akkaaf boosse ! Adunyaan kun nama boosifti ! Firaa'ol yeroo sagaleeshee dhagahu hafuura jabaa baafatee Sc~111111 hubachuuf utaalee ol seene. Akka seequu taatee achumu ciiltec Firaa'oliin ilaalte; achumatti Seenaan. "Baga gammadde!...baga gammadde!...baga hiikmntes!. ..situu ciniinsifachaa turee... !" jedhanii, Firaa'oliin dubbisanii walii isaanii immoo walitti galagalanii afaan Amaaraan, Afaan Ingiliffaan, warreen kaanis afaan Oromoottiin " Maali dhiirri akkas haadha manaa isaaf lubbuu dhabu kun! ... Inni kaan ofii odeessa! 31
  • 21. Kan akkasii arginee hin beeknu!" jedhanii ajaa'ibsifatu. Dr.Wandimmuunis isaan wajjiini. Hamma Seenaan hiikamnaan Firaa'ol fuulli Ilkaan ta'eera. Qananiin gammachuun ji'a badde taateetti. Utuu hin turiin mucaa galmeessuuf kutaa galmeetti Firaa'oliin waamani, "Eenyu jennu?... abbaa eenyuu siin jennu Firaa'ol?" kan jedhe namticha galmeessuuf galmee banatee, qalama harkatti qabatee galmeetti gadi jedhedha. Dhiira ture. "OROMIYAA haa jennu!" jedhe Firaa'ol. Namtichi akka ol jedhee ilaaluu ta'ee... "Maqaa biyyaadha!" jedhe. "Maqaa namaatis." Firaa'oltu jedhe. "Ta'us kan dhiraati!" jedhe Dookter. "Sirrii jette! Oromoon Dhiira!. .. Haati Dhiiraa Oromiyaadha!. .. Kanaaf haadha Dhiiraatuu dhalate jechuu kooti !..." jedhe Firaa'ol. Jedhi kaa haa ta'uu!.... kan ati jette nuti maal jenna!" jedhee, galmeesse. Achi keessa dhimmi tursiisu waan hinjirreef gaafas bulanii borumtaa isaa akka galan ta'e. Dr.Wandimmuun konkolaataa kan isaa jijjiireefii manaan ga'ee deebi'e. Sababni inni konkolaataa isaa jijjiireef, kan dhibuu malee konkolaataan Firaa'ol qabatee jiru namoota dhukkubsataniif mijataa waan hintaaneef... Guyyaa sanaa kaaftee Qananiin Oromiyaa guddisuuf waan kakatte fakkaatti. guyyaa tokkoof hinboossiftu. akkaataan isheen itti 32 I...,../"' I "T" .._ ••- - T sossobdu daa'ima harma hodhu miti; nama guddaa 11111111,siist•c raffisa. Yeroo isheen Oromiyaa huruursuutti kaatu Fi run'oliif Seenaan akka mucaa xinnootti isa haasa'an callisu. mana s111111 calleensatu fudhata. "Hururuu hururuu ! Hururuu hururuu! Hururuu yaa gudaree Gudee guduruu dheertuu! Mucaa kaarruun bareedduu! Hururuu yaa gudaree! Abbaya guute ta'ii! Kan lubbuu hin duune ta'ii! Hururuu yaa gudeekoo! Maaltu dhaane mucaa koo? Qananiitu dhaane malee! Boonati boossise malee ! Hururuu yaa gudaree ! Hirriba mugde rafii! Anoo si huruursinnaa! Aannan beelofte dhugii! 33
  • 22. Qabee sii qoraasinnaa Hururuu hururuu ! Hururuu yaa gudaree ! Haati mucaa koo dhaantee Mucaa didooftuu da'ii! Dhidhibbaa Ganda labii ! Kan dhidhiibdu iyyuu dhabii! Hururuu yaa gudaree ! Haati gudee koo deessee Baddee barbaacha hin dhabduu ! Duutees awwaaleha hin dhabduu! Hawwaalli dhawaa qabaa! Duuti dhawaata qabaa! Warra dhawaataan dhufee! Maafan dhawaata kutaa! Dhawaadheen keessa kutaa! Hururuu yaa gudaree ! Araddaa Hiddii ta'ii! Gurmuu Jaldeessaa ta'ii! 34 Goota Kaannisa ta'ii! Gaaddisa Qilxuu ta'ii! Bareeda Hiddii ta'ii! Yaabbii Qamalee ta'ii! Hururuu hururuu! Gudee koo naaf guddadhuu ! Akka Biiftuu mul'adhuu! Afaan hiikii dubbadhuu! Akka booruu diimadhuu!..."jechuudhaan yeroo isheen sagaleessitee huruursitu qalbii namaa booji'ee Fuudhee sokka. Qananiin Oromiyaa qanansiiftee guddisuuf hojii godhatte. **** 35
  • 23. 5 Finfinnee keessaa kiiloon Afur (Araat kiiloo)n galrnoota Moototaaf manneen durduriitti caala. Bara ammaa Magaalaa kana keessaa wanti baay'een diigamee ijaaramaajira. Manneen dudulloomoonis isaan keessaa tokko. Kiiloo Afur keessaas manni baay'een haareffamaa jira. Kanneen diigamanii haala amayyaan ijaaramaa jirantuu caalu. Kan kun hundi hin qaqqabiinis itti karoorfamee jira. Firaa'ol Oromiyaan dhalattee utuu hin turiin Buraayyuutii dhufee kiiloo afur keessaa mana bite as galee jira. Boor guyyaa kabaja waggaa lffaa dhaloota Oromiyaa waan ta'eef hiriyoota isaa Magaalaa kana keessa jiran waameera... Firaa'ol. Kadhattoota bara sanaa kun ta'uu beekee yaadaan qabee yoo hin milikkiitanne ta'e iyyuu hin daganne. Magaalaa keessa deemee bakka bakka isaan hafatanii taa'anii kadhatan, naannoo manneen amantaa Ortodoksii, naannoo marfata qaxxaamura daandii konkolaataatti argatee waamichasaa ittiin ga'eera. Jaratuu jara guyyaa sanaati jedhe utuu hin ta'iin isaanis isaan kunis kadhattoota waan ta'aniif isaaf yaadannoodha. Hiriyyoota isaa fageenya irra jiraniifis bilbilee "Bakka bakka jirtanitti kabajaa oolaa!" jedhee, gurra bubuuseera. Akka nama qoosaa haasa'uutti fakkeessee kolfaan qabee itti hime. Isaaf garuu dhugaadha. Utuu akka garaa isaatii biyya guutuutu Dungoo qabsiisee kabajaa oola... guyyaa boori. Warra fageenyarraa waamaman keessaa Bilisummaan isa tokko. Inni abbaa ilmaa tokkooti. Maqaa mucaa isaa "Gadaa" jedhe. Amma "Abbaa Gadaa" jedhamee waama. Bilisummaan abbaa 36 Gadaati. Manni abbaa Gadaa Adaamaadha. Abbaan Gadaa abbaa seeraadha. Waajjira abbaa seeraa Oromiyaatti hogganaadha. Mana isaa isa kiiloo 4 tti ijaaraa ture xumureera. As Magaalaa Finfinnee waan jiruuf yeroo Firaa'ol bilbilee "Boor kabaja dhaloota Oromiyaati!" jedhu... Bilisummaan "As Adaamaa Harma dheeraatu qaqqaba. utuun biyya alaan jira ta'ees ani waanan hafu miti; Kan jige haa dhangala'u malee!" jedhee qoosaa isaa sana keessa makate. Yeroo baay'ee yeroo bilbilan yoo qarshiin keessaa badduu baate malee bilbila hincufani. haasaan isaanii hin minyaawa. As akka jiru achumaan itti himee ... "Silumaa kana yaadaan hin ciicattaaf as siqxee buluu barbaaddeeti malee guyyaa boqonnaa kee maatii bira turuu qabda turte." Jedhe Firaa'ol. Innis isaaf hin hille "Ana qofaa seetee? Keessummaan baay'eetu ana faana jira; Harka ulfaadheen sitti dhufa; akka rooba harfaasa... Isaanis waan nabiraa hafan mitii cimsii qophaa'i!" jedhee, bakka ol'aanaa akka isa kaa'an itti himate. Bilisummaan qoosuufjedhe. "Osoo hin dhufiin bakka teessu haasa'achuukee dhiisii kan si wajjiin jiran, kan dhufuu qaban qabadhuu ganamaan koottu ... Bilisumma!" jedhe Firaa'ol. "Nan dhufa!...Nan dhufa!" jedhee, waan yeroo baay'ee sobeef kanaan qabatee haadhufu jedhee, akeekkachiise. Bilisummaan "Waan ati jechuu barbaaddc naaf galeera! 'Inni durii duri! qurxiin dubbii miilana!' jedhan rnitiire? Anis Alana akka 37
  • 24. durii hin se'iin! ..." jedhee, bilbila Seenaatti kennisiise. Ishe wajjinis takka haasaa bubbutatanii bilbila cufani. Bilisummaan hiriyyoota isaa warra Magaalaa kana keessaa bakka garaa garaatii hojii adda addaa keessa hojjetan baay'ee waan qabuuf wal waamanii bakka tokkotti walitti naanna'anii taa'anii haasa'aa jiru. Akka carraa isaan waliif hiriyyoota bara fagoodha. Jalqaba hojii jalqaban hundumtuu baadiyyaa addaa addaa keessa turani. Hundi isaanii damee Oromiyaa garaa garaa yoo ta'an iyyuu kallattii addaa addaarraa walitti dhufanii qabata qabataan wal baranii kaayyoo tokko keessatti tokko ta'anii hafani. Bilisummaan akka isaan Firaa'ol wajjiin wal baran waan barbaadeef qabatee deemuuf fedhee waa'ee isaa itti odeesse. Erga bilbilameefii booda. Eeenyu akka ta'e wal odeeffannaa keessa maqaa dha'ee itti hime Bilisummaan. Firaa'oliif jarri akkuma Bilisummaaf hiriyyaa waliif hiriyyoota. Isaan wal beekuu isaanii inni hin beeku ture. Waamicha inni waamame isaanis waamamaniiru. Hundumtuu achi taa'anii caasaan hiriyyummaa isaanii naanna'ee wal qabataa ta'uu isaatti baay'ee gammadani. Achuma taa'anii waamicha waamaman kana akka hafuu hin qabne wal akeekkachiisani. Ganama barii akka waliif bilbilanii waliin deeman murteessanii galgala sana gargar deebi'ani. **** 38 l 6 Namoonni karaa adda addaa isaan wajjiin walitti dhufeenya qaban itti dhiyaatanii gorsanis lapheen Tigist kan Dr. Wandimmuu ta'uu hin dandeenye. Yaadni ishee bakkee jira. Amma iyyuu bakka kadhattoonni walitti qabamanii taa'an bira garaa jabaattee hin darbitu. Waan qarshii kennituuf fakkaattee ijaan keessa barbaaddi. Ijoollotaaf qarshii kennitee suura isaa dhoksitee of harkaa qabdu sanaan bakka bakka kadhattoonni itti argamanitti ergitee barbaachisaa jirti. Garuu hin milkoofne. Maal akkasheen gochaa jirtu odeeffannoon Dr.Wandimmuu bira waan ga'eef abidda irra wal kaa'aa jiru; ta'us odeeffannoo malee waan qabatamaa argachuu hindandeenye. Suura jedhames yeroo isheen akka carraa mana hinjirre, mana keessa ol injiree gadi injiree dadhabe. Ijoollota isheen ergattee itti fayyadamtus argachuu hin dandeenye. Silaa qarshii hamma isaan barbaadan kenneefii dhoksaa isaan barbaadaan sana bara ture. Isheenis akka inni odeeffannoo kana dhaga'e waan barteef suura qabattee jirtu sana xaxxee awwaalte. ijoollonni sunis akka naannoo sanatti hin argamne gooteetti. Dr.Wandimmuuf Tigist durhanii darbanii dhimma tokko tokko irratti walitti dubbatu malee haasaa walii dhiisaniiru. Erga odeffannoo sana dhaga'ee kaasee Siree qofun baulute. akka nama gaddarra jiruu gola ciisichaatii ba'ee gorduuba lafa hafatee rafa. innis warra gaddanirraa hin wayyu. Utuu jiraachuuf jireenyi hin dhibiin jireenyi itti hadhaa'e. Isheenis jirtuu isheetu jira miti. Eenyu akka dursee himannaa seeraa jalqabu wal eegaa jiru. 39
  • 25. • 'I Galgala hedaa immoo bakka bakka ciisan ciisanii walitti lallabanii wal gonofaa bulani. Kaleessi Sanbata duraati. Har'i Sanbata guddaadha(Dilbata). Isaan keessaa namni mana waaqeffannaa deeme hin jiru. Waan kaleessa akka deemuu qaban waliigalaniif har'a ganamaan ciree nyaatanii gara mana Firaa'olitti qajeelani. Konkolaataa keessa yeroo taa'an Qeerramsaaf Reettiitu wal-cinaa taa'a fakkaatu. Ija Eeboo hin qabneen wal ilaalu. Iddoo mana Firaa'olfaa ga'anii Konkolaataa isaanii fuuldura dallaa achi as itti qajeelfatanii dhaabbatani. Kilaaksii (afuuftuu) dhaan "Phiiph... phiiph ... phiiph ... phiiph" godhanii waamani. Kan dursee itti fiigee cufaa bane Waardiyyaadha. Konkolaataa isaanii ol galchanii dhaabanii gamaaf gamanaan keessaa harca'ani. Seenaan sagalee afuuftuu konkolaataa dhageessee gadi baate. Dr.Wandimmuu akka gaariitti waan jaallattuuf itti fiigdee dubbifte. Abbaa oolmaashe. Achii booda gara Tigistitti darbite Tigist wajjiin maddii gamaaf gamanaa keessa Max...Max godhanii wal dhudhungatani. "Seenaan jedhama" jette Seenaan. Tigistis "Tigistin jedhama" jette isheenis dabaree ishee. Seenaan baay'ee kokolfaa simatte. Simannaasheetti baay'ee gammadani. Seenaan eenyumaafuu fafa'iidha. Dr.Wandimmuuf Tigistis amma akka yeroo manaa dhifanii utuu hin ta'iin hiikamanii waliin taphatu. Sababni isaas akka namoonni irratti hin hubanneef malee waliif galanii, walii fayyanii miti. Wan isaan Oromiyaaf kennaa kennuuf harkatti qabatanii dhufan harkaa fuutee "Firaa'ol ol ba'ee jira. nooraa! ...nooraa! ...nooraa!" 11 40 I, t r jettee, akka isaan hin mufanneef utuu isaan hingaafatiin eessa akka inni deeme itti himte. Haasaan Seenaa Tigistiin qalbii hate ! Firaa'ol Dungoo qabsiifamu bittee gara Dunqaana naannoo isaaniitti argamuu deemee jira. Balbala mana isaani karaa bakkee Fiinyaa qaamasaa gara alaatti suura Dungoo qabsiifame tokkoof barreeffama "Happy Birth Day to you!" jedhu ofirraa kan qabu afuufanii balbala gamaaf gamanaa irratti rarraasaniiru. Qilleensatuu sosochoosa! Hiikni fakii Dungoon tokko irratti kaafamee jiru sanaa "Waggaa 1 ffaa" jechuudha. Faabirikaa isaatu beekee oomisha. Barreeffamni Kompiiteraan gurguddatee barreeffamee "Happy Birth Day to Oromia! ... Happy Birth Day to Oromia!. .. Happy Birth Day to Oromia!" jedhu, mata-duree balbalaa irratti maxxanfamee jira. Yeroo balbala ga'an kan argamu, mana keessa golee gamaaf gamanaa, naannoo Dungoon akka qabsifamuuf qophaa'e sanatti, mana sana keessaa bakka inni itti hin maxxanfamiin hin jiru. Waan jedhame tole jedhanii yeroo Dr.Wandimmuuf Tiglsti olgalani, kan mana guutee garraaf gajjallaa ga'ee taa'u kadhnttootu Magaalaa sanaati. Namni isaan dursee achi ga'e kadhattootu wurra iddoo bultii hin qabne, kanneen mana namnu julu, daandii walakkaa, naannoo manneen amantaaf kanneen bukkee keessa utuu oliif gadijooranii lafti irratti bari'u sana qofadha. Dr.Wandimmuuf Tigisti kil jedhanii na'uni. Yeroo waanti isaan yaadanii dhufaniif wanti isaan argaa jiran galagaltoo ta'u. Isaan 41
  • 26. akka yaada isaaniitti namoota ciccimoo, sossooreyyii, abbootii qabeenyaaf kanneen jireenya mijataa qaban waame se'anii amma humna isaaniitti uffannaa filatamaa qaban uffatanii ofmiidhaksanii dhufani. Yoo wal miidhaksuuf fedhii hinqaban ta'e iyyu ... Dr.Wandimmuun isa isaan bakka taa'anii ka'anii dhaabataniif nooraa hin jenne. Waan bukkulloonni Sarootaa ka'anii dhaabatan itti hin fakkaanne. Seenaanis haala isaanii sana waan irratti hubatteef fudhattee gara garraatti oldabarfachuuf waamaa deemti. Tigist waan Dr.Wandimmuun yaadaa jiru yaaddi miti. wanti ishee naasise, kadhattoota akkas baay'atan kana iddoo tokkootti argachuu isheeti. Akka amalashee ijaan isaan keessa fiigdee sakatta'aa jirti. Garuu nama barbaadde sana argachuu hin dandeenye. Waan barbaaddu dhabdus miila isheetu Dr.Wandimmuuf Seenaa wajjiin deemaa jira malee qalbiinshee kadhattoota sanarratti hafe. Isa Dr.wandimmuun hinjedhiin isheetu "Nooraa! ... ulfaadhaa!"jennaan, bakka bakka isaaniitti gadi tataa'ani. Silaas isaantu namaaf ulfina kenna malee namni isaaniif ulfina hin kennu. Akka isaan "Nooraa!" jedhaniifis hinkaane. waan hin bariin har'a eessaa fidu? Maalirraa maal kaajeelu? yeruma kadhattoota argitu dhagnishee rifeensa dhaaba. ammaaf ammatti qalbiinshee badee fuullishee gurraacha'eera. Seenaanis akka Dr.Wandimmuun hinsifeeffatiin waan irratti hubatteef eger na tuffachuu irraan kan ka'e kana wajjiin na waaman jedha jettee, ofkeessatti dhiphachaa waa meeqa haasofteetti. Akkuma isaatti ol darbanii taa'ani. l 42 r :t! Firaa'ol utuu isaan taa'anii hin turiin Dungoo bitee, harkatti qabatee yeroo dhufee olseenu mana guutanii taa'u. "Maali jaranu mana abbaan manaa keessa hin jirre keessa attam saalfii tokko malee olgaltanii teessu?" jedhee taphasa Dr.Wandimmuu mi'eeffachiise sanaan kolfisiisaa dubbisuuf... Dr.Wandimmuunis yeroo gara manaatti galu akka hawwaalaa dirgim jedhee taa'a; malee gara qoosaa kanaatti laafaa miti. Manatti garuu waan dubbatu hin fakkaatu. Yeroo naannoo manaa ga'u hafuurri akka hafuura Seexanaa kan nama dhedheekkamsiisu irra buufata. Utuu ta'ees eenyu wajjiin dubbata! Haadha warraa wajjiin ija eeboodhaan wal ilaalu. Kan Tigist dubbi inni qajeeltootti dubbatu dhageessu kunoo yeroo akkas walii wajjiin bakkee ba'anidha. "Banaa argannaan Sareen iyyuu hin seenti! nuti mana banaa argannee seenne!" jedhee, Firaa'oliiif deebisaa dubbisuuf olka'e. Seenaan Tigistiin haasofsiisaa jirti. Waan tapha ho'ifataa jiraniif utuu bira teessuu si'a Dr.Wandimmuun ishee biraa Firaa'oliin dubbisuuf olka'u galagaltee hin ilaalle. Gara Seenaatti fuuln naanneeffattee, harka ishee maddii isheetti dhadhaabbattee teessec taphachuutti jirti. Seenaa wajjiin akka nama waliin yeroo dhccrnn jiraatee wal hin dhibne. Dubartoonni walitti dhufeenya uumuun isaan hin dhibu. Dr.Wandimmuun waan beekuuf malee Tigist Scc1u111s ta'e Firaa'oliin duraan waan beektu miti. Dr.Wandimmuunis carraa wal isaan barsiisuu hin arganne. Jarri warra hiriyyaa walii wal barsiisan miti. Isheenis abbaa manaakoo jettee, innis haadha manaakoo jedhee... " Kana iyyuu warri rafnaani !" jette, Sareen. 43
  • 27. Gaa'ela isaaniitti quufanii hin jiraanne. Yookiinis amanani. Isheenis ta'e innis akka waan sechi gaa'ela dhaabbataniitti of ilaalu; akkasitti walitti dhaadatu... mana keessa. Kan isheen daftee baruuf gara Firaa'olitti hinmil'atiin yaada tuffiiti. Eenyummaa isaa utuu hin beekiin michuun abbaa manaashee isheef akkuma isaa waan itti fakkaateefi. Akkasitti yaadde. Yoo ol jettee hin ilaalle ta'e iyyuu gurrishee sagalee ho'isee nagaa wal gaafatuun guutameera. Akka isaan wal dubbisanii walirraa achi jedhaniin isheenis dabareeshee yeroo isheen dubbisuuf baasaa isaanii addaan kuttee kaatu .... Firaa'olis akka Dr.Wandimmuu dubbisee deebi'een garasheetti harka hiixataa "Yeroo isaa eegnee haadha warraa kee wajjiin har'a wal baruuf. .. " jechaa, gara isheetti darbe. Eenyu akka isheen taate baree utuu hin ta'iin akka baru abdateeti. Wal dubbisuuf jedhanii harka wal qabatanii ija ija keessa wal ilaalanii cacallisani. Innis isheenis hin na'ani. Battalatti fuulli isaanii jijjirame.Yeroo gabaabduuf manni guutuun callisanii waan ta'u dhaggeeffatani. Isheen baddubaasa abjuu taate. Firaa'olis waan arge amanuun isa dhibe. Dr.Wandimmuuf Seenaan bakka ta'aan taa'anii waan ta'aa jiru asi ol ofirratti ilaalaa jiru. "Ati Firaa'oli moo?" kan jedhee dursee gaafatee Tigisti. Akka waan hin dhageenyee takka callisee gorora liqimsee "Eeyyee! Ani Firaa'oli! Ati garuu dhuguma Tigistidha?" Firaa'oltu deebisee gaafate. Lamaan isaanii iyyuu wal arguu isaanii qofa 44 osoo hin taane nama akkas taa'ee isaan ilaalu kanaaf, gaaffii gaafatamuuf jiraniif deebii waan qopheessaa jiran fakkaatu. Harki lamaan isaanii iyyuu akka nama horii imaanaa nyaatee hurgufama. Tigist al tokko Seenaa, al tokko Dr.Wandimmuuf kadhattoota mana guutanii taa'aa jiran sana ilaalti. altokko tokko immoo ija Firaa'ol keessa ilaalti. Firaa'olis ishuma faana... Namni isheen yeroo dheeraaf kadhattoota bakka adda addaa jira keessa qarshii kennitee barbaachiisaa turte, kan Dr.Wandimmuun eenyummaa isaa wallaalus waa'ee barbaacha isheen qarshiidhaan nama barbaachiisaa jiraachuushee dhaga'ee yeroo ammaa dhimma kana sababeeffatanii manaa wal baasuuf jechaa jiran, namni guyyaa cidha isaanii hurraa harka namootaa irra deebi'e kadhattoota wajjiin utuu hiriiree fudhatuu iji isaaf iji Tigist walirra buunaan abarraree bade sun Firaa'olidha. Ammaas taanaan dhimmi kun isaaf isheef icciitiidha. Dr.Wandimmuuf Seenaan waan beekan hin qabani.Warra gaaffii gaafachuuf qophaa'anii jiranidha. Firaa'oliif Tigjist Baay'ee dudubbachuu hin barbaanne. nagaa ho'aa wal gaggaafatanii iddoo qabatanii taa'ani. Amma sanaatti taa'anii isaaniin ilaaluu malee namni baasaa kan biraa jalqabe hin jiru. erga isan gadi taa'anii "Maali jarana, isinoo baay'ee wal ho'iftanii wal beektumoo? ... Flrn wal jalaa badee wal arge fakkaattu!" jedhe, Dr.Wandimmuun. Isaanis yeroo jalqaba wal argan miira naasuutu itti dhngnn'ume. Naasuun sun immoo akka nama nama badee argame dubbisaniitti wal isaan dubbisiise. Yaada isaanii qullaa buuse. Isatu amma yeroo taa'aan oduu afaanii gatee akka hattu akka isaan ija namaa baachuu hin dandeenye isaan taasiisaa jira. 45
  • 28. "Eeyyee sirriitti wal beekna! Ofii Dr.Wandimmu haadha warraakeetti moo?" jedhee, Firaa'oltu walirraa utuu hin kutiin deebisee gaafate. "Eeyyee haadha manaa kooti! Haadha manaa namaa fudhatee adeema jettee hin shakkiin!" jedhe, Or. Wandimmuun. Qoosaan qabee Tigistiin cige. Dr.Wandimmuuf qoosaa, Firaa'oliif deebii,Tigistiif waraansadha! Tigisti waan dubbattu dhabdee callifte. Yeroo nama guyyaa cidha ishee kadhataa ta'ee itti dhufnaan hamma har'aatti kadhattoota Magaalaa kanaa keessa barbaadu, ammaa immoo nama guddaa, abbaa biyyaa, abbaa maatii taanaan argitu maaltu itti haa dhagaa'amu! Nama Sababi isaa manni ishee goolamee hunkuramaa jiru, yeroo tokko diigamee tokko ijaaramu, yeroo tokko maraate, tokko fayyu! Inni manni irratti diigamaa jiru maal haadubbatu! Utuu harraba hiikkatee dubbatee ... Fuulli ishee kanshee hin fakkaatu. Erga hagamii as addeenyi ishee sun aariif boo'icha irraan kan ka'e guggubatee shushunburateera. amma immoo utuma teessuu gurraacha'ee dugda Eelee ta'e. Akka irratti hin beekamneef balleeffannoo kokolfanii taphatu. Firaa'oliif Tigist. Ofumaa tapha kan biroo itti kabeebsu; malee akka isaan waa miliksuuf hasa'an irraa beekama. Firaa'ol waan inni jechuu barbaade hubatee "Akka kanaatti waanaan hin beekneef malee akkasitti hin shakkamtani." Jedhee, quqummaadee dhiise. ' "Kan garaa garaa haataa'uu; bultee bataskaanaa!" jedhani. Erga Firaa'ol irraa deebii fudhatee "Eessatti wal beektu? wal beektu taanaan maaliif Tigist yeroo ani manaa maqaa si dha'u naan hin gaafane?" jedhe, Dr. Wandimmuun. 46 T /....,.. r,. J-.-- "'T'" ••T,..:;r - - • - Eessatti akka wal beekan utuu deebii hin kenniiniif "Maali nrn4111111 Firaa'ol kanuma isaa qofamoo? Maaltu akkasittis shakke" jettee, sagalee akka haarii dubbatte. Tigist. Seenaan gaaffiif deebii isaanii kana teessee dhaggeeffachaa hin jirtu. Qananii wajjiin waan sooratamu golaa qopheessa jiru. Kadhattoonni mana jiran sunis baasaa isaanii ho'ifatanii kolfanii taphatu. Isaaniinis al-tokko tokko Seenaan golaa asbaatee haasofsiifti. Dr.Wandimmuuf Firaa'ol walitti galagalnii baasaa jalqabani. Tigist harkashee tokkoon addashee qabattee soofaa irratti dalga hirkattee Dr.Wandimmuuf Firaa'ol gidduu teessi. oduun Firaa'ol harkaa ba'a jettee sodaattee afaan-irratti eegdi. Imimmaan dhufee ishee muddaa jira. Garuu akka itti boossu waan hin qabneef teessee yaadaan of huruursiti. Dr.Wandimmuun waa'ee wal beekuu Tigistiif Firaa'ol utuu hin bariin oduu gara biraatti ce'uu hin barbaanne . Isa Tigisti jettu dhiisee "haa ta'u malee eessatti wal beektu? "Qorataan fira niitii ta'a!" jedhanii akka soddaa naaf hin taane Firaa'ol" jedhee Firaa'oliin haasaa jalqabsiise xumursiisuu barbaade. Akka isaan waa dhoksaa jiran waan irratti bareef dubbii qorooqora. Firaa'ol harkaa baasaan badeera. Tigisti yeroo inni kana gaafatu bakka teessuutti naasuudhaan sibiila bakkee bule taatee dilnllootti. Teessee oduu isaanii dhaggeeffachuus ta'e Firaa'oliin ijaan ilnnluu hin feene. Akka inni Seenaa waamuuf gaafatte. Achumnuis mata duree baasaa isaanii jijjiiruu barbaaddeeti. Bakka taa'uu ka'ee ol darbee Seenaa waarneef', Seenaan dhuftee Tigist cinaa gadi teesse. Firaa'olis dhufee iddoo isaa qabatee gara Dr. Wandimmuutti galagalee taa'e. waan baasaa addaan kutan itti 47
  • 29. fufee gaaffii gaafatameef deebii kennuuf jedhu fakkaata. Waan deebisu garuu kan qopheeffate hin miti. Tigisti akka mana fincaanii deemuu barbaadde Seenaatti himnaan wal qabatanii ba'ani. Kun fala isheen falattedha. Itti qajeelchitee gara hojiitti deebite Seenaan. Tigist mana fincaaniitti ol seentee cufatte. Fincaan maaltu ishee qabee mitii immimmaan ishee lafa bu'uuf karaa ga'e sana dhangaalaasuutti kaate. Akka dhaabattee jirtutti harka ishee marattee hirkattee boo'icha jalqabde. Waan boossuuf waan dhiiftu hin beektu. Gaabbiin jireenyaa hundi dhufanii itti naanna'anii boossiisu ... Utuu Firaa'ol deebii Dr.Wandimmuu hin kenniin hiriyyootni Bilisummaaf Firaa'ol utuu hin hafiin dhufani. Isaan warra Bilisummaan ganama har'aa bilbilee akka daffanii deemuu qabani yaadachiise. Warra eda Hooteela taa'anii wajjiin mari'achaa turan sana. Isaan Firaa'olifis jaala bara fagooti. Firaa'ol hunda isaanii faara ho'aatiin simatee olgalche. Iddoo isaaniif kenname qabatanii taa'ani. Seenaanis itti baatee simatteetti. Firaa'ol hamma tokko erga isaaniin haasofsiiseen booda "Taphadhaa!" jedhee, walitti isaan dhiisee gara Dr.Wandimmuutti deebi'e. isatu isaan keessaa qobaadha; malee isaan kaan sirriitti wal beeku. hiriyyoota waliin dhufan, kanneen duraan mana jiran waliinis. Or. Wandimmuun garuu michooma Firaa'ol malee achi keessaa nama beeku hin qabu. Akkuma Firaa'ol gara isaatti deebi'een "Amma guyyaa sana maalumaaf dhiphattee nu dhiphiste? Iyyitee 48 nu jeeqxe!? Kan ciniinsifatu hoo Seenaadhal?" jedhee Firau'uliin gaafate. Dr.Wandimmuun isa gaafa Seenaan Oromiyaa deessee yaadatee gaafate. Gaaffii jalqaba gaafateef deebii hin arganne. Keessuummaa simachuun walqabatee bishaan dhuge. Kaayyoon Firaa'oolis isa dagachiisee mata duree baasaa kan biraa jalqabsiisuu ture. Isa inni yaada kan biraatti ce'ee isa gaafate dhugaa hin seene Firaa'ol. Dr.Wandimmuun garuu akka booda haasa'amutti yaadee malee guutummaan guutuutti dagatee miti. Akka waa hin xumuriin dhiise keessa isaatti itti dhaga'ama. Gaaffii duraa dhiisee darbee innis "Dhiisa Dookteer! Aniif Seenaan seenaa qabnaa! Dhugaatti miixuun Seenaa Guyyaa sanaa kan Seenaa qofa miti; ana dabalateeti. Anii dhuguma hiikamtee miillishee wal-qixxaata jedhee hin yaadne; garuu isuma ishee uumetuu gara keenya gore malee haallishee sun haala yaaddessaa ture. Ta'us ani amma iyyuu mataa boowwaafachuu Seenaa arguu hin fedhu. Isheen haadha manaa koo qofa osoo hin taane haadha koodha. Haadha qullaa adeemtee natti uwwifte. haadha beeloftee na nyaachiifte. haadha imaanaa abbaa kootii fuutee abbaa malee na guddifte sanadha. Ammallee guyyaa sana yeroon yaadudhu har'a natti fakkaata" jedhee, faara gubee yaadaan badee isu yeroo sanaa buusee baasee yaadacha haasa'a Firaa'ol. "Mee... akka ati akkas haadha manaa keef taatu wanti si godhe maaluma? Dhugumatti kankee namoota kaan irraa adda!" jedhe, Dr.Wandimmuun. Kan ofii isaaf kan isaanii yeroo wal cinaa qabee ilaalu gaaffii guddaa itti uuma. 49
  • 30. "Waanti akka ani akkas isheef dhiphadhu godhe akkuman sitti himee ture aniif isheen seenaa fagoo qabna. Isa immoo taa'ee sitti odeessee fixuuf yeroo addaa barbaada. Garuu... " jedhee, bakka taa'uu ka'ee galmee seenaa isaanii kan waan keessa darban hundumaa irratti barreessan sana fuudhee itti fide. Galmichi seenaa isaanii yeroo wal baranii eegalee hamma isa Asoosaatii as gara Finfinneetti galaniitti tokko lamaan utuu hin hanbisiin itti barreessinaan qabatee jira. Barreeffamichi barreeffama Bilisummaadha. Akka barreeffamuufis kan isaan kakaase isa. Yeroo tokko yeroo isaan bira dhufee ture sana barreesse. Hamma ammaatti Bilisummaan hin dhufne! hiriyyoonni isaa isa dursanii dhufan iddoo qabatanii taa'anii eegaa jiru. Oromiyaan isa kaatee takka waccee waccee deebitee rafte amma hirriba irra jirti. "Hoodhu Hamma teessu kana dubbisi! Waan barreessaan barreesse dubbisaan dubbisa. Barreessaan waan seenessaan seenesse dhaggeeffatee, waan argeef waan dhaga'e barreessa. dhugaa jiru! Aniif Seenaan seenessitoota. kan barreesse barreessaadha. Nutis seenaa keenya seenessine. Kan seenaa isaa hin beekne seenaa kan biraa hin beeku! Atis yoo dubbifte isa barreessaan barreesse dubbifta. dubbisaan immmoo hin dubbifama!" jedhee, galmee Seenaa sana Dr.Wandimmuutti kennee gara keessummoota isaa warra kaaniitti deebi'e. akka inni isa dubbisuutti deebi'ee gaaffii jalqabaa sana dagatuutti sammuu isaa ko'oomsuuf tooftaa inni malatedha. Wanti hundinuu qophaa'ee Oromiyaan hin dammaqne. Bilisummaan hin dhufne. Dungoon hin qabsiifamne! Dr.Wandimmuun harkaa fuudhee gola irra keessaa isa bakkeedhaan akka mata dureetti barraa'e ilaale ... "QORICHA MARAATUU" kan jedhutu gurguddatee mul'ata. Yaadaan "Qoricha maraatuu? Kiniiniidha? Liqimsanii fayyuu? Moo dubbisanii maraatu? Tarii dubbisanii fayyuu? Mee waan fedheefuu waan qoricha ta'u hin beekanii..." jedhee, ofkeessatti haasa'aa waan keessa jiru baruuf yeroo inni gola sana ol irraa qabee fuula jalqabaa ilaalu... **** 50 I 51
  • 31. .. 7 Bara 1992 Baatii Onkololeessaa; guyyaan isaa kibxata. Godina Wallagga Bahaa Aanaa Eebantuu Magaalaa Hindee Mana Barumsaa sadarkaa 1 ffaa keesssatti. Barsiisaan wayitii dhumaa barsiisee gara mana haara galfii barsiisotaatti. .. Barattoonni akka barsiisaan ba'een walfaana bakka jiranii ol ka'anii "Hoooo... " jedhanii huursanii galuuf ... Seenaan akkuma taa'umsa fuula duraa irra teessuun bakka teessuu "Taf" jettee, kaatee meeshaa bamootashee qabattee balbala baateetti. Barataan ishee dursee ba'e hin jiru. Hammi barattootaa ishee booddeedhaan jiru. Ammas barattoonni booddeesheetiin "Hoooo ... " jedhanii huursanii, wacanii dhiisuu didani. Walakkaan "Seenaa!...Seenaa!...Seenaa! ..." jedhanii waamani. Hammi tokko immoo taa'umsa isheen irraa kaatetti naanna'anii wacu. Shamarran akka itti dubbatan hinqabani. lafa hihilaalanii gadi cabani. Yeroo isheen owwaattee ofduuba mil'attee barattoota booddeesheetii itti huursan sana ofbooddeetti ilaaltu, iji hundumtuu ishee irra jira. Kanneen kaaniis "Kottu! ... kottu !...kottuu kana ilaali!" jedhu. taa'umsa isheen irraa kaatetti quba qabani. Yeroo isheen ilaaltu iddoon isheen taa'aa turte dhiigaan faalameera. Naatee lafajirtu wallaalte. Ammas ijoollonni itti naanna'anii dugda duubaan taa'aa isheetti ija facaasu. lsas yeroo isheen ofirra naannooftee ilaaltuu gurdiin ishee karaa dugda duubaa dhiiga duwwaa ta'eera. Achumaan ofirra gadi 52 teessee boo'icha keessaa fuute. Gidduutti Firaa'ol "Ka'i!...ka'i! ... ka'ii dhaabadhu!" ittiin jedhee, harka qabee olkaasee Jakkettii isaa ofirraa baasee karaa dugda duubashee itti marxisee mudhii isheetti hidheef. Firaa'ol Seenaa wajjiin xinnummaa isaann irraa kaasaanii Magaalaa Hindee O1tti guddatani. Dabalees kutaa gadii irraa eegalanii daree waliitti barataa dhufani. Firaa'ol amala isaatu bifa inni gonfatee jiru caalaa akka Abaaboo birraa qalbii namaa booji'a. Uumamaan mucaa baay'ee miidhagaa namatti tolu, kan uumaan uume bareeche, bareedaa... bareedaa... bareedaa... Maatii isaaf bakka durbaattis ta'e ilmaatti isatu ilaalama. Isaan isa malee hin qabani. Erga jajjaabaatee, bakka abbaa isaa itti gaafatamummaa fudhachaa jira. "Ilmoon dhiiraa xinnoo hin qabdu!" jettee hamilee isaa kakaasti Aadde Siwayyeen. Kabajni isheen isaaf qabdu kan abbaa isaatii gadi miti. Utuma ilmoo ishee ta'uu beektuu akka nama guddaatti kabajji. Siwayyeen abbaa malee guddiste Firaa'oliin. Utuu akka hanqaaquutti wal-kunuunsanii, isa gaafa wal-fuudhaanii utuu guyyaa tokko namni hamaa isaanii hin dhaga'iin, utuu jaalalli isaan waliif qabani hin hir'atiin, utuu alli manni guutee jiruu, utuu isa itti dadhabani waliin nyaataanii hin fixiin, utuu hin du'iin wal dhabani! Abbaa Firaa'ol wajjiin. Bara 1984, bara loltoonni Adda Bilisa baasaa Oromoof loltoonni Mootummaa Yaadig as Magaalaa Hindeetti wul-waarananii turan sana namoota Adda Bilisa Baasaa Oromoo wajjiin sokkan keessaa tokko ture. Abbaan Firaa'ol. Asii gadi kama dhihaa daandii isa karaa Lubee buusee Amuumaa keessaan baasee Weelmaliin ce'u, Weelmaliin ce'ee Bariisoo irraan gara lixa Wallaggaatti qajeelchu 53
  • 32. sana qabatanii qajeelani. Isaan boodaan oduun gurra namootaatti dhufaa ture baay'een isanii karaa irraa kaa'atanii Weelmaliin nyaatamanii akka dhumantu dhagaa'amaa ture. Weelmal Galaana Guddaa gadi fageenyaaf ballina guddaa qabu, kan warra fayyaa namaa qarqara Galaanichaatti argannaan butanii hawwaala dhoksan Naacha gurguddaatiin guutuudha. Akkuma isaatti bacaabbacanii wal harkifatanii ce'uuf kan malan kan mirga sarbe naacha sana. Kan afaan naacha sanaaf nyaachuu galaana sanaa irraa afanii ce'an nama muraasa. kanas kan arge hin jiru, utuu namtichi goodaa Amuumaa sirbee dhaadatee baddaa Eebantuutti ol hin baafne ta'ee. Akkuma sirbee dhaadate iyyuu isatu ulaa ce'umsaa qabatee waraana itti banee malkaa gadi dhiisisee hirbaata Bineensaaf godhe. Silaa jarri karaa qabatanii turani. Isaan waan waraanni isaan dhiisanii dhufan mataa isaan darbanii eeggatan itti fakkaate; malee isa qofa hin seene. Utuu isa qofa ta'uu baraniiru ta'ee..... Sirbi isaa gaaruu akka inni sirbee sirbisiisuu barbaade hin taane. Kan garaan boora'eef madaa'etuu caala. Kan imimmaan buusanii boo'aa turanis jiru. keessumaa warri nyaata hojetanii nyaachisaa turan, Uummanni Magaalaa Hinde. Abbaan Firaa'olis kanneen namoonni dhoksaatti boo'aa turaniif keessaa tokko ture. Aaddee Siwayyeenis yoo du'a isaa hin qulqulleeffanne ta'e iyyuu isa namtichi sirbu isheen dhoksaatti manaa du'a ga'uu ta'aa turte. Ta'us du'a isaatti dhibbaa dhibba hin amanne. yeroo sana Firaa'ol barataa kutaa J ( tokkoo) ture. innis abbaan isaa eessa akka dhaqe j, waan wallaalu miti. akkuma hubannaa sadarkaa sanaatti hin hubata. Isa yeros "Amma gala" jettee karaa eegde Siwayyee iji karaa ilaalee hafe. Yerosii kaaftee Firaa'oliin qofaa ishee guddisuutti gadi teesse. Jireenyi isaanii garuu amma akka bara sanaa utuu hin ta'iin itti salphateera. Firaa'oliif garuu hin dhibne. kan yeroo baayyee itti dhagaa'amu qofummaa isaadha. Isa kanatu akka inni Seenaaf garaa laafu taasise. Seenaanis jireenya jireenya isaa wajjiin walfakkaatu akka jiraattu waan beekuuf.... Shamarran hundumaa keessaa shamarree haalaanis ta'e amalaaniis baayy'ee jaallatamtuudha. Hin jarjartu. Qalbiqabeettii, tasgabbooftuudha. Kunis akka isheen namoota biratti fudhatama godhattu taasiseera. Akka mooraa kanaatti shamarran fakkeenyumaa gaarii qaban keessaa ishee jalqabaati. Barnootas haalaan waan dandeessuuf sadarkaa dhabdee hin beektu. Kanaanis namoota duratti fudhatama argatteetti. Barsiisonni mooraa kanaas ta'e barattoonni mooraa kanaa isheef hamilee isheeti. Har'a Seenaan jaakkettii Firaa'ol marxifattee qaanii haguuggattee galte! ,1 **** 54 ·•I.i . I I 55
  • 33. ., 8 Fraa'ol galee waan ta'e hundumaa tokko tokkoon Annee isaa Aaddee Siwayyeetti hime. Aaddee Siwayyeen akka malee gadditee... dhiisuu didde. Erga yeroo dheeraaf yaadaan dhugamtee booda "Firaa'ol" jettee waamtee "Boor Seenaatiin Anneen koo yeroo mana barumsaatii galtu nati gorii na ddubbisii darbi! Jette, jedhii itti himii fidiis kottu !" jette; jedhii fidii kottu jette. Aaddee Siwayyeen warra deesseef qofa osoo hin taane ijoollota Magaalaa kanaaf haadhadha. Kan manashee olseenee bishaan hin dhiiginiifi midhaan mana ishee hin nyaatin guddate warra fageenyi hankaakse qofa. "Haadha gabaa!" jedhu, namoonni maqaa itti moggaafatani. Hollaawan ishee baayyeen hojjettoota Mootummaa waan ta'aniif ijoollota isaanii waan guddistutti hin ammanneef warri guddistuu qabanis guddistuu wajjiin, warri kaanis ijoollota isaanii fidanii afata manashee lafa bu'ee taa'u irra naqanii gara dhimma dhimma isaanii deemu. Aaddee Siwayyeen haadha onnaaf firaa, haadha diimaaf gurraachaa, haadha guddaaf xinnaati. Buna Olloota isaanii isa mana digdamii shaniin dabaree walitti yaa'anii dhugan sana guyyaa dabareeshee kan danfisus ta'e kan namootaaf irra naannessee hiru ishee miti. Dubartoota ollaa ishee sana. Isheen iddoo Jabanaa iyyuu hin beektu. Akka Magaalaa kanaatti jaalalaan kan nama hundaaf ho'u kan akka ishee hin jiru. Magaalaa Hindeekeessa namoonni yaada qajeelaa akkasii akkuma jiran, warrii ijaan argaaf nama jibbanii yeroo hundumaa habaarsi afaan isaanii irraa hinbuunes hin yaratani. Warra dhagaaf qalaa ijoollotatti guuran sana. 56 Firaa'ol akkas jechuu isheetti Annee isaatti baayyee gamnuule. gaagurtee miti muka gaaguraa hin qaban yoo ta'e iyyuu, Magaahu, kana keessaa bakki dhaabii dammaa balbala mana isaaniiti. Balbal'a mana Firaa'olfa. Torban torbaniin qalqalaan, Moqorqoraan, Joogiidhaan, Xaasaaf kanneen damma baachuutti beekaman sun ganamaan ka'anii balbala sanatti wal ga'u. Manni Seenaafaa Arbuu baalaadha. Arbuun baalaa Muka Arbuu guddaa tokkodha. Dhaabiin Horii Magaalaa kanaas Muka guddaa kana jela. Guyyaa gabaa horiitu jalatti gurguramee bitamaa oola. Guyyaa biroo immoo Jaarsolii gurguddaatu jalatti namoota waldhabdee addaa addaa qaban wallitti haraarsa. Amma garuu mukti kun buqqa'ee dhaabiin horiis achii jijjiirameera. Bakka muka sanaa dhagaa kaa'ani. Dhagaa gurguddaa lama. Ree'ootatu irra xabataa oola. Bakki dhaabii horii ture sunis amma iddoo baasiin Naqamtee dhuftu sun itti afuura baafattee, haara galfattee, isa harca'u harcaastee, isa fe'amu fe'attee gara Qeellootti qajeeltu ta'e .. Seenaan dhaqxus galtus karaa mana Firaa'olfaa darbuun dirqama. Guyyaa barbaadamtetti waan taate sanaaf qaanoftee Mana Barumsaa hin deemin hafte. Seenaan har'a guyyaa 3ffaa ishectti jaakkettii Firaa'ol guyyaa sanaa qabattee baate. Balhuln dhaabattee waamte. Balbala mana Firaa'olfa. Kan jalaa qabee gudi itti ba'e Annee isaadha. Firaa'ol dursee mana barumsaa deeme. Seenaan nagaa gaafattee deebitee isa gaafatte. dursee dcc1111111 isaa itti himtee akka olseentuuf "Noori!" jette, Aaddec Siwuyyccn. Maal jettee akka itti himtu hin yaaddofne, "I loodhaa kana! Kaleessa bakka dirree ispoortiitti dagatee gale." Jettee itti hiixatte. harkaa fuutee utuma isheen "Natti barfutccra" jettee didduu olseensitee akka ishee barbaaddee turte dhanbannaatti gurra buufte. 57
  • 34. ., Maalif akka barbaadde garuu itti hin himne. Yeroo mana barusaatii ba'an akka wal argan wal beellamanii gara mana barumsaatti sokkite. Akka mana barnootaa geesseen Firaa'olii wajjiin wal argani. "Iji Naachaaf Iji Raachaa bishaan keessatti wal arga!" jedhamu. Iji wal barbaadu wal hin dhabu; Firaa'olis utuu yaadaan ishee barbaadaa jiruu wal argani. utuu daree hin seenin. Yeroo inni dhaamsa Armee isaa itti himuuf jedhu dursitee waamtee hundumaa itti odeessite, Seenaan. Itti gammadee callise... Firaa'ol. Akkuma wal beellamaniin waliin galani. Aaddee Siwayyeen Seenaa harka qabattee karaa dhaabii Gabaa guddaa gadi buute. Dunqaana (Suuqii) bakka dhaabii gabaa sanaatti gamanaaf gamasiin, gubbanaaf goodasiin naanna'ee banamee jiru sana keessaa tokkotti olseenani. Seenaan amma illee maal akka hojjetamaa jiru isheef hin beekamne. Seenaa ilaalchiftee butaantaa (Paantii), Qabsiistuu Armaa (Xuux maajaa) Bijaamaa, fi k.k.f bittee gara manaatti deebi'ani. Aaddee Siwayyeen amma kanaatti aasaa kan biraa aasofti malee waan barbaaddeef itti hin himne. Seenaan garuu waan haasa'amaa jiru utuu hin ta'iin waan barbaadamteef utuu bartee galtee itti tola ture. Akka mana ga'aniin Seenaan siree xeebaa gogaa Horii irraa hojjetame, isa nama tokko ciibsu, yoo barbaadames akka Teessummaatti itti fayyadaman sana irra of cinaa teesistee waan harkatti qabatanii dhufan itti kennite. yeroo kam akka isheen itti fayyadamtu, akkamitti akka isheen itti gargaaramtu itti himte. Itti dabalaanis gorsa haati tokko intala ishee gorsuu qabdu hundumaa gorsitee, Fuuldurattis akka isheen itti dhiyaatee waan ishee dhibe ishee hasofsiiftuu qaaccessitee itti himttee gegeessite. Seenaan 58 akka isheen gadi fageenyaan waa'ee ishee beektuuf waan yeroo darbe taatee turtes akka isheen dhageesse salphaatti barte. Isheen garuu waan dhageesse hin dubbanne. Yeroo kana kan maalummaan haadhaa maal akka ta'e Seenaan hubatte. "Haati shamarranii golgaa shamarraniiti ! Fafti koo yeroo darbee fafa haadha dhabuukootiiti ! utuu haati koo nabira jiraattee Waanan har'a dhaga'e kana kana duran beekuu qaban ture! Silaa kun hundinuu narra hin ga'u!" jettee galtee dhoksitee boossee haadha dhabuu isheef haadha imimmaanii taate Seenaan! Siwayyeen ammasumatti qabeenyaa ga'aa qabaattee osoo hin ta'iin waan qabdu namaaf hin mararfattu. Isa isheen waan isheef ta'u bitteef caalaa gorsa isheetu Seenaaf Seenaa ta'e! **** 59
  • 35. 9 Seenaan Aanaa Limmu Magaalaa Galiilaatti dhalatte. Naannoo Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Galiilaatti. Dhalattee waggaa tokkoffaa isheetti abbaan ishee haalonni jireenyaa waan itti ulfaataniif mana duwwaa keessatti armee ishee wajjin dhiisee bade. Erga bara sanaatii namni as jiraa fi achi jiraa isaa beeku hin jiru. Innis hin dhufne. namnis hin barbaanne. "Nama beekaa bade hin barbaadinaa!" jedhanii dhiisani. Manni isaan keessa jiraachaa turan mana gandaa ture. Mana gandaa dulloomaa ...kufuuf duufee lafa ga'uuf jedhu tokko keessa. Kan yeroo bokkaan roobu akka jirutti dabarsu, Kan balaqqeettiin aduu karaa meeqa mana keessatti finiinu, kan dhaabaan mana isaa nyaatamee dhumee maru 'umaan isaa qofti akka miilla ankassee lafa tumatee dhaabatu, kan dagaleen irraa dhume; qaawwa sana hamma moofaa itti cuqqaaltee mana duufee bar'a kufaa boor kufaa eegamu sana keessatti Seenaa qabattee hamma teessu teessee rakkattee dadhabdee Qananiin fudhattee gara mana warra isheetti galuu murteessite. Tibba Gannaa ji'a Adoolessaa dha. Waan akka Fooxaa dachaaftee fo'aa carqii irraa fo'ame keessa baafattee ittiin Seenaa dugda irratti hidhattee qajeelte. Karaa Dagam Sillaasee qaxxaamurtee yeroo isheen Hindee galuuf tabba mana amantaa Ortodoksiitti achii as ejjettu bokkaan akka malee roobu, kan qaqawweessi isaa hidha nama kutu ... yeroo inni lafa ciniinee dhufu isheen tabba sana hin walakkeeffanne. Amma tokko jalaa ba'uuf achii ol miilla ol fudhattee fiigdu illee jelaa ba'uu hin dandeenye. Bokkaa buubbeen 60 wal makee cabbii akka nama dhagaa cabsee darbatuu <111rh11111 •,111111 keessa arganaa, qoqaa... yeroo isheen fiigdee dhuftt'r 111111111 hawwaalaa keessaa tokkotti maqxu lubbuun dhuftee mormntt i galteetti. Seenaan dugda Qananii irraatti bokkaan itti roobee cabhiin sammuu ishee keessa waan rurukkutaa tureef iyyitee dhiisuu didde. Qananiin harka ishee lamaaniin ofirratti dhadhooftee ... dhadha'aa uruursuu ....." ushururu,u,u, ushururu,u,u" sagalee danboobaadhaan uruursaa asii ol yeroo isheen gara baaxii manaa ol ilaaltu, bofti bantii mana sanaa keessaa karaa gamaa isa sila mukatti maramee, maramee taa'u hiikkatee gara isaaniitti achii as... arraba baafatee lo'aajira. Sammuu Seenaa waraanuuf hamma xinnootti hafe; kan iji Qananii arge. "uuu,uu...uuu ...uu ..." jettee iyyitee bokkaa keessaa baqatteetti baqatte. Roobni guyyaa sanaa ishee irratti caame. Qananiin Galiilaaf Eebantuu gidduun abbaa adeemuuf adeemsa sa'atii sadii kan ture Qananiin sa'atii ja'a deemtee Hindeetti galte. Guyyuma isheen keessaa baatee deemte galgala halkaniin manni gandaa sun akka jirutti jigee hunkutaa'e. Namoonni Magaalaa Galiilaa akka isheen keessaa deemte waan hin beekneef halkan sana isheetu mucaa wajjin keessatti du'e se'anii mana jige keessa utuu ishee barbaadanii namni guyyaa karaatti ishee arge tokko akka isheen biyyaa adeemte itti dubbate . "Safuu!. .. yaa isa lubbuu uumee!. .. akka inni itti oolchu' "jedhanii ajaa'ibsiifachaa gara mana mana isaaniitti galanii rufun. Guyyaa sanaa kaastee Qananiin Seenaa wajjiin mana warra ishee jiraachuu itti fufte. Erga Seenaan guddattee of bartee warra ishee 61
  • 36. biratti dhiiftee Musliimoota Magaalaa Giddaatii daldala Dhadhaaf Dammaaf gabaa Hindeetti marmaaran keessaa tokkotti heerumte.... Qananiin. Seenaa akkoo sheef Akaakayyuu ishee obbo Dhugumaa fa'itu guddisuu itti fufe. Seenaan abbaan ishee eenyu akka ta'e beekuu dhabdus obbo Dhugumaan akka akaakayyuu ishee ta'e beekti. Guddattee jajjabaattee waa'ee abbaa ishee qorattee beekuuf karaa namoota bakkee yaalii gootus qabatamaatti odeeffannoo dhugaa hin arganne. Guyyaa tokko iddoo Obbo Dhugumaan mana hin jirretti Akkoo ishee qofaatti argattee "Akkoo! ... Abbaan koo eessa jira? Eenyu jedhama? Maqaa abbaakoos nabarsiisaa !" jettee sagalee Iaaffifattee gaafatte. Lafti ganama. Tilmaamaan naannoo saa'atii sadii ta'a. Isa caama karkarfachuuf akka Seenaan balbal duratti teessuma baaftuuf itti himte sana dhiiftee bakkuma ciiftu ciiftee gaaffii isheen gaafatteef utuu deebii hin kennin takka itti yaaddee "Mee yeroo inni galu Akaakayyuukee gaafadhu kana!" jettee gara isaatti of irraa haqaaqxe. Gaaffii kana gaafachuu isheetti baay'ee ajaa'ibsiifattee dhoksitee dhoksitee akka nama haaraatti Seenaa ilaalti. Ija lafa jalaan. Isa xinnaan guddataa adeemu, isa wallaalaan baraa adeemu sana dinqisiifatti ciiftee! Seenaan guyyaa sana kanumaan calliftee dhiifte. Irra deddeebitee gaafachuu hin barbaanne. Guyyaa muraasaa booda Obbo Dhugumaa qoofniitti waan argatteef gaaffii yeroo darbee sana isas gaafatte. Akka isheen isa gaafachuufjirtu dursee Akkoo ishee sana irraa waan dhaga'eef akka isheen isa Arraba ishee irra barbaadaa afaan ishee irra eegaa ture. 62 , : I T O / T T urd v T : c "Abbaan kee xinnummaa keetti haadha kee wajjin 111a1111 d11ww1111 keessatti isin dhiisee bade; kun ta'uunis bara dhi ·oo sill i h111 fakkaatin; ati dhalattee waggaa lamatti Abbaankee abbaa ~11111 jabeessa ture!" jedhee, itti ammeessaa itti odeesse. Yaanni is1111 akka isheen garaa kutattee waa'ee isaa hin kaafneef ture. Afaan isaa irraa fuutee "Maaltuu akka inni garaa jabaatu isa taasise?" jettee waaninni hin jetti jedhee hin yaadiin jettee gaafatte. "Gara jabeessa maaltuu garaa jabeessa? Hammina yaada garaa isaa malee!" jedhee kanumaan faarajalaa dhokfatee fiixee gaabii taa'ee micciiru sanatti deebi'e. Balbala dura taa'ee hancufa jiifatee fiixee gaabii sana micciiree fo'aa wajjin haas'aa ture. "Namni barbaade hin jiruu? Warra hin qabuu? Warri isaa maaliif hin barbaanne?" jettee, wal walirratti gaafatte. "Ani waa'ee warra isaa waanan beeku hin qabu. utuu ta'ees beekaa maaltu barbaada? Nama beekaa bade barbaaduu? Utuu wallaalaan wallaalee badee beekaatu barbaada! Beekaa beekaa bade immoo ...." Jedhee, addaan kutee, deebi'ee "Garuu ... odeeffannoon waa'ee isaaf jirus akka waan inni lubbuun jiruutti miti. Harnataan tokko tokko 'Du'eera' jedhee odeessa. Oduun kun garuu bar-tokko ho'ee, bulluqee odeeffameera. garuu nama hin hawwanliniin 'Du'eera' jechuun nu dhiba! ta'us nama bakki inni jiruuf maal keessa akka inni jiru hin beekneenis 'Jira'jechuun uumu dhiha! nama dhugaa sobaa godha!"jedhee, ammas utuu odccssce hin xumurin "Jilaa nama sagaleen isaa hin dhagaa· 111111w, 1w11H1 kan dhalche hin guddifneef, nama kan irraa dhalate hin yuudanneen attamitti 'Jira ' jedhu!? utuu jira ta'ccs'!..." jedhee haarii yaada garaa isaa sana tuttuqee ofitti dammaqsc. 63
  • 37. Seenaanis haalli haasaa Isaa kun waan itti toluu dideef achuma irratti dhiiftee mata duree oduu jijjiirtee barreeffama gidduutti dhiifte jalqabuuf dabtarashee banatte. Erga guyyaa sanaatii deebiftee hin gaafanne. Mana barumsaattis akaakayyuu isheetiin waamamuu itti fufte. Amma Seenaan barattuu kutaa ja'aati.Yeroo isheen sadarkaa kana irra geessu Akkoon isheef akaakayyuun ishee waan dulloomaniif deggersa yaadaa kennuufii hin dandeenye. Seenaadhaan namni akka jireenyaa gorse guddise hin jiru. Shamarree hiyyuma namaaf qabeenyaan dararamaa guddatte. Ammas waan guddattee jelaa baate miti. Haalli isheen ittiin jirenya ishee fooyyeffachaa jirtu sadarkaa ummurii ishee wajjiin wal hin madaalu. Erga dhi'oo as laga buute bishan namootaaf waraabdee qarshii muraasa argachuu jalqabdeetti. Bishaan magaalaa waan hin galiiniif uummanni magaalaa kanaa lagaa waraaba. Seenaan ganama amma manni barumsaa ga'utti al tokko ta'a malee laga buutee bishaan utuu hin fidiin hin haftu. Ganama obboroo kaatee gara lagaatti fiigdi. Namni kamiyyuu ganama laga bishaanii yoo bu'e ishee hin dhabu; waan laga bulte fakkaatti. Galgala mana barumsaatii gallaan dabtara ishee lafa buuftee gara lagaatti darbiti. Kanaan jireenya ishee kaleessa irra har'atti ceesiftee, har'a irra immoo booritti dabarfachuuf fala isheen falattedha. Namoonni mana keessa hergachuuf kan itti siqani hin hasofsiisiin hin jirani. Garuu tole jechuu didde. Akka isheen kaayyoo cimaaf kutattee ka'aa jirtu waan hubataniif amma ajaahibsiifachuutti dhufaniiru. Halkan dabtara ishee dubbisaa bulti. Dareettis dandeetti isheen qabduuf fedhiin isheen barnootaaf qabdu bakkee ba'ee mullataa jira. Utuu namni jajjabeessu jiraatee namni kaayyoo qabu ku ... 64 j T n I T T UlC1 f, T , r Seenaan isa jalqabaaf marsaa laguu ofirratti argitc. Mnaliin akkamitti akka dhoksattu waan beektu hin qabdu. ( iochaun Firaa'ol guyyaa sanaa ija ishee duraa hin dhokatu. Kan shamurran qullaa buusanii golgan qullaa buusee dhokse Firaa'ol. Seenaan guyyaa sanaa kaaftee akka obboleessa ishee isa hidda handhuuraa tokko irraa citaniitti ilaalti. Utuu obboleessa qabdi ta'ee ... Gochaan harmee isaa irra caalaatti akka isheen itti dhiyaattu ishee taasise. Seenaafi Firaa'ol guyyaa sanaa kaasanii wal malee hin adeemani. Namoonni isaan hin beekne akka isaan obbolaa ta'aniitti hubatu. Kan obboleettii malee dhalateef obboleettiin ishee obboleessa malee dhalatte! Kan obboleessa malee dhalatteef obboleessis ... Haaluma kanaan barnoota isaanii isa sadarkaa gadii waliin xumurani. Isa kutaa tokkoo hanga saddeetiitti. Aanaa Eebantuu keessa manni barumsaa sadarkaa lammaffaan hin turre. Kanneen barnoota sadarkaa lammaffaaf darban gara Magaalaa Giddaa Ayyaanaa deemanii itti fufu. **** 65